KALLATTIIN, Hezbollaan haleellaa kan dhaabu taanan Israa'elifi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuf waliigalan

Istaa'elifi Libaanoos jaarsummaa Ameerikaatiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuuf waliigaluusaanii Ministeerri Dhimmsa Alaa US beeksise.

Guduunfaa

  • Hezbollaan haleellaa kan dhaabu taanan Israa'elifi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuf waliigalan
  • Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii, YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.
  • Qaroomina torba Iraan addunyaaf gumaachite

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hezboollaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'eliifi Libaanos akka hin fudhannee hime

    Ganda baadiyyaa Libaanos ibiddi keessaa mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

    Gareen hidhataa Libaanos Hezboollaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'eliifi Libaanos deeggarsa Ameerikaan taasisan akka hin fudhanne beeksise.

    Gareen hidhataa Iraaniin deeggaramu kuni ibsa jechoota jajjabaan guutame baaseera.

    Hogganaan garee kanaa Naayim Qaasim waliigalteen taasifame ''kan bu'aa hin qabneefi saalfachiisaa,'' jechuun ''uummata Libaanos harka jireessaan fudhatama kan hin qabne dha,'' jedheera.

    Oduun kuni kan dhagahame erga mootummooti Israa'eliifi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraa labsaniin booda dha.

    Waligaltee kanaan Libaanos keessattii zooniin nageenyaa oppireeshiniin Hezboollaa itti dhorkamu akka jiraatu labsaniiru.

    Ibsa waloo Roobii kaleessaa Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa baaseen biyyooti sadeen waliigalteen kuni Hezboollaan dhukaasa ''guutummaan guutuutti dhaabuu irratti hundaa'a'' jedhaniiru.

    Haa tahu malee Kamisa har'aa hogganaan Hezboollaa - kan waliigaltee irratti hin hirmaanne- ''dhukaasni akka dhaabbatu,'' kan jedhame kibba Libaanos keessaa Hezboollaan baanaan Israa'eliif hamma booji'amuttii akka ilaaluufi, kunimmoo kaayyoo Israa'el bakkaan akka gahu hime.

  2. Tiraamp aangoo waraana labsuu isaa mulqamuun murtee ''gootummaa hin qabne'' jedhe

    Tiraamp

    Manni maree bakka bu'ootaa Tiraamp akka waraana haaraa Iraan irratti hin labsine kan aangoosaa irraa mulqe Roobii kaleessaa ture.

    Murtee sagalee miseensotaan darbe kana keessatti Rippaabilikaanonnis hirmaataniiru.

    Murtee kana booda Tiraamp akkas jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse:

    ''Filannoo hiika hin qabne manni maree bakka bu'ootaa gaggeesseen Rippaabilikaanonni hamoon afur fi dimokiraatonni yeroon waraana xumuruuf waliigalteerra ga'uuf jedhutti aangoo kiyya daangessan. Gocha gootummaa hin qabne kana eenyutu raawwata.''

    Tarkaanfiin mana marechaa hanga hojiirra akka oolu hin beekamu, humna hangamii qaba kan jedhus ifa miti.

    Waayit Haawus mirga manni marechaa murteewwan akkanaarratti qabu haqee jira.

    Tarkaanfii kanaanis gocha faallaa heera mootummaa deemuun aangoo pirezidantichaa daangessuuf raawwatamedha jechuun balaaleffate.

    Murteen kun Seeneetii, kan Rippaabilikaanotaan dhuunfatame, keessattis darbeera.

    Tiraamp maxxansa isaa keessatti dimokiraatonni biyyattiin (US) akka kuftuu fedhu jechuun himate.

    Miseensonni paarlaamaa 215 Tiraamp Iraan irratti tarkaanfii waraanaa gara biraa akka hin fudhanne sagalee kennaniiru.

    208 ammoo pirezidaantichi osoo bakka bu’oota uummataa irraa eeyyama hin argatiin waraana gaggeessuu danda’a jedhanii deeggaran.

  3. Gareen kubbaa miilaa Iraan viizaan US jalaa waan tureef Meeksikootti imaluufi

    Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Iraan waancaa kubbaa miilaa addunyaa Ameerikaa, Kanaadaafi Meeksikoo waliin qopheessan irratti hirmaachuuf viizaan Ameerikaa waan jalaa tureef Meeksikootti imaluufi.

    Maddi Oduu Iraan garee biyyaalessaa kana eeruun akka gabaasetti taphattoonnifi miseensonni garee viizaa Meeksikoo waan argataniif Sambata dhufu Turkii irraa ka'anii garas imalu.

    Ramaddii G jalatti Beeljiyeem, Masriifi Niiw Ziilaand waliin kan tarreefame gareen biyyaalessaa Iraan Ameerikaatti waan taphatuuf viizaan biyyattii isa barbaachsia.

    Iraan taphani jalqabaa lamaan Niiw Ziilaandiifi Beeljiyeem waliin taphani jalqabaa lamaan taasiftu Ameerikaa Loos Anjelisitti kan adeemsiftu yoo tahu Masrii waliin ammoo Siyaatilitti wal-geessi.

    Taphni jalqabaa garee Ameerikaa keessatti kan adeemsifamani tahuyyuu hamma yoonaa garichi viizaa Ameerikaa hin arganne.

    Garee kubbaa miilaa

    Madda suuraa, IRNA

  4. Jeettonni Faransaay yeroo 11 xiyyaara waraanaa Raashiyaa gufachiisan

    Jeettii Faransaay

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Torbee tokko keessatti xiyyaaronni waraanaa Faransaay yeroo 11 xiyyaara Raashiyaa gufachiisuu dubbi himaan waraana Faransaay Guillaume Vernet himan.

    Kunis qaama karoora ergama NATO qilleensa biyyoota Baaltik tiksuuf eegalameeti.

    Qondaalli waraanaa Faransaay eegumsi qilleensaa biyyoota Baaltik kan Faransaay raawwatte hanga eegameen oli jedhan.

    Biyyoonni miseensota NATO ta'an dabareedhaan jeettiiwwan waraanaa ramaduun qilleensa biyyoota Estooniyaa, Laatiiviyaa fi Lituweeniyaa eegsisuutti jiru.

    Bakka mootummaan biyyoota kunneenii hin qaqqabne duuchuun tumsaa jiru.

    Taateen kun yeroo Raashiyaan fooramii diinagdee qopheessaa jirtu mudate.

  5. Hogganaan Olaanaa Iraan ''diinni dirree irratti mo'ameera' jechuun wal-qooduun akka hin jiraanne yaadachiisan

    Suuraalee Mojtaabaa Kaameenii

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaan Olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaameen Kamisa har'aa ergaa dabarsaniin ''diinonni keenya dirree waraanaa irratti mo'amaniiru'' jechuun booda amma immoo jabina uummataa burkuteessuufi qoqqooduuf yaalaa jiru jedhan

    Kaameeniin lammiileen Iraan yaaddoo biyyaalessaa dura tokkummaa akka agarssisan waamicha dhiyeessuun uummata gidduutti abdii kutannaafi wal hiruu uumuun diina deeggaruu dha jedhan.

    Egaan hogganaa kanaa ayyaana hundeessaa Rippaabliika Islaamaa Iraan Ruhoolaa Kaameenii yeroo kabajamutti dha.

    Mojtaabaan erga aangoo qabatanii as addabaabaayiitti mul'atanii hin beekan.

    Ibsi kanaan dura kennaa turan barreefamaan kan dhiyaate yoo tahu haala itti jiraniifi bulchiinsa kana keessatti to'annoo guyyuu isaan qaban irratti odeeffannoon kallattii hin jiru.

  6. Libaanositti dhukaasi dhaabbachuun waliigalteen Iraan akka irra ga'amu karaa saaqa

    Haleellaa Israa'el Libaanos irratti raawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'el fi Libaanos gidduutti jaarsummaa Ameerikaan irra ga'ame, waraanni US-Israa'el fi Iraan akka xumuramuuf abdii ta'eera.

    Ammallee yoomii fi haala kamiin hojiirra akka oolu sirriitti beekamuu baatullee, Libaanos keessatti dhukaasi dhaabbachuun fooyya'iinsa guddaadha.

    Iraan wayita Ameerikaa waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuu labsan mari'achuuf ulaagaa keesse keessaa tokko Israa'el Libaanos haleeluu akka dhaabdu ture.

    Dhiheenya kana inumaa Israa'el haleellaa kana Libaanos keessatti kan itti fuftu yoo ta'e kallattiin Hizboollaaf akka deeggarsa taasistu ibsiteetti Iraan.

    Pirezidantiin Libaanos Jooseef Awuun waliigalteen dhukaasa dhaabuu alanaa kun sa'atii 24 keessatti hojiitti hiikama jedhan.

    Qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu, Hizboollaa dabalatee, qaama waliigaltee kanaa ta'uu qabu jedhan.

    Israa'el waliin waraanatti kan jiru Hizboollaan wayita waliigalteen kun labsamu keessatti hin hirmaanne, waliigaltecharrattis hanga yoonaa yaada hin kennine.

    Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatzi haleellaa Libaanos keessatti raawwatan akka itti fufanii fi Kibba Libaanos keessaas loltootasaanii akka hin baasne ibsaniiru.

    Kunimmoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu jedhame kana gamanumaa shakkii keessa galcheera.

    Ajajaan Eegdota Warraaqsaa Iraan- garee humna waraanaa Quds, Ismaa'el Qaanii ammoo Israa'el iddoowwan waraana dura Libaanos keessaa qabatte hunda gadhiistee baatu malee waliigalteen hin milkaa'u jedhan.

    Haleellaan Israa'el fi Hizboollaa gidduutti kan eegale Bitootessa 2, 2026 yoo ta'u, kanas garee tumsa Iraaniin socho'u Hizboollaatu haleellaa US fi Israa'el walta'uun Iraan irratti raawwatan haaluu ba'uuf eegale.

  7. Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwatteen namoonni 11 ajjeefaman

    Gamoo caccabe

    Madda suuraa, Reuters

    Gaazaatti haleellaa qilleensaa Israa'el raawwatteen daa'immaniifi ijoollee dabalatee namoonni 11 ajjeefamuu maddeen mana yaalaafi kanneen ijaan argan himan.

    Ollaa Sheek Raadwaaniifi Teel al-Hawaa keessatti haleellaa Israa'el gamoo manneen jireenyaa afuriifi kaampii buqqaatotaa irratti raawwatteen Kamisa har'aa dhukaasni guddaan dhagahameera.

    Viidiyoon iddoo sanaa miidiyaa hawaasaa irratti gadhifame akka agarsiisutti namoonni gamoo kaampii Shaatii ibiddi qabate keessaa miliquuf yeroo yaalan agarsiisa.

    Waraanni Israa'el hamma yoonaa deebii hin kennine.

    Akka warri ijaan arge jedhutti haleellaan kuni raawwatuun dura heelikooptaroonni Israa'el sadii Gaazaa keessatti samiirraa huursaa turan.

    Namoota irratti qiyyaafatame keessaa kaaba Gaazaatti koomaandara Hamaas kan tahe Haasan Labaad yoo tahu haadha warraafi ijoolleeesaa sadii waliin ajjeefameera.

    Dameen siviilii Hamaas akka ibsetti daa'imman lama miidhama qaamaa qabaniifi dubartoota sadiitu ajjeefame.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu US Hamaasiifi Israa'el gidduu hojjiirra akka oolu gochuun boodallee Israa'el haleellaa qilleensaa irra deddeebiin raawwatteetti.

  8. Seneetiin Ameerikaa aangoo waraana labsuu Tiraamp mulqe

    Gamoo Kaappitol fagoorraa sirriitti mula'tu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gamoo Kaappitol fagoorraa sirriitti mula'tu

    Paarlaamaan Ameerikaa Tiraamp aangoo mataa isaan waraana Iraan haaraa akka hin gaggeesine tarkaanfii dhorku fudhate.

    Sagalee kennameen miseensonni paarlaamaa 215 Tiraamp Iraan irratti tarkaanfii waraanaa gara biraa akka hin fudhanne sagalee kennan.

    208 ammoo pirezidaantichi osoo bakka bu’oota uummataa irraa eeyyama hin argatiin waraana gaggeessuu danda’a jedhanii deeggaran.

    Miseensonni Rippaabilikaaniia fur warra dimokiraatotaatti dabalamuun sagalee kannanniiru.

    Tarkaanfii kana ji’a Caamsaa keessas yaalanii ture. Garuu milkaa’uu hin dandeenye.

    "Kongireensii qofatu waraana labsuu danda’a’’ jedhe miseensi Seeneetii Baaret jedhamu Michigaan irraa filame.

    Ameerikaa fi Iraan ammayyuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra jiraatanis waliigaltee dhumaarra hin geenye.

  9. Israa'elifi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuuf waliigaluu US beeksifte

    Qondaalota Israa'elifi Libaanos mariif taa'an

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'elifi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu waliigalanii tureefi deebi'ee cabe hojiirra oolchuuf waliigaluusaanii US ibsite.

    Biyyoonni lamaan kan waliigalan jaarsummaa UStiin yoo ta'u, waliigaltichi kan hojiirri oolu ulaagaan tokko yoo guutameedha- innis Hezbollaan Israa'elitti dhukaasuu kan dhaabu yoo ta'eedha.

    Ministeerri dhimma alaa US akka beeksisetti, bakka bu'oonni biyyoota lamaanii waliigaltee dhukaasa dhaabuu duraan ture hojiirra oolchuuf waliigalaniiru.

    Israa'elifi Libaanos waliigalteerra gahuunsaanii kan dhagahame Israa'el kaleessa, Roobii, Kibba Libaanositti haleellaa gaggeessiteen namoonni sagal du'uufi Hezbollaanis Kaaba Israa'elitti rokkeettii heddu dhukaasuu hordofeeti.

    "Egereen walitti dhufeenya Israa'elifi Libaanos mootummoota biyyoota lamaaniin kan murtaa'u ta'uu biyyoonni hundi itti waliigalaniiru. Biyyi ykn qaamni biyya hin taane kamuu Libaanositti fayyadamuu akka hin qabnes itti waliigalaniiru," jechuun ibse ministeerri dhimma alaa US waa'ee waliigaltichaa ibsa kenneen.

    Akka ibsa kanaatti, US humni waraanaa Libaanos lafa hidhattoota Hezbollaan qabamee jiru deebisaanii akkamitti akka to'atan irratti deeggarsa ni taasisti.

  10. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eeggalleera!

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii, YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!