Gujiitti namichi haadha warraasaa duraaniirratti falfala tolchuun himatame adabame

Nama tolshaa hojjatu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Himatamaan Taammanaa Lolee miidhamtuu dhuunfaa kan ta'an, haati warraasaa duraanii ammaaf maqaan hin eeramne godina Gujii aanaa Haroo Wolaabuutti jiraattuu ganda Waatee Goggoguuti.

Namoonni kunneen gaa’elaan waliin erga turanii booda sababa waldhabdee gidduu isaaniittii uumameen waggaa tokko dura gargar bahu.

“Gaa’elli isaanii erga diigameen booda qooddiin qabeenyaa raawwatame. Qooddii qabeenyaa kanaanis qabeenyi socho’us kan hin sochoones hundi adda qoodame” jedhan BBC’f yaada kan laatan Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Haroo Wolaabuu Gammachuu Salamoon.

Haata’u malee, himatamaan “yaada akkamiin qabeenya kiyya qooddatti” jedhuun waggaa tokko darbeef miidhamtuun qabeenya qooddatteen akka hin fayyadamneef yaalii irra deddeebii taasisaa akka tures himan.

“Yaalii taasisuu bira darbee irra deddeebiin qabeenyasheerratti wantoonni gochaa falfalaa mul’isan: dhiiga dhangalaasuu, dhiiga haayilaandiin waraabanii achi kaa’uu, buqqee mataa nama du’ee qabeenyashee keessa kaa’uufi gogaa waraabessaa qabeenyarra kaa’uu ni ture,” jedhan Pirezidaantichi.

Kana malees, bofti “ajjeefamee” weessii (biqiltuu warqee) miidhamtuu keessa kaa’amuu himan.

“Dhiigni gatamaa kan ture balbalashee fulduradha. Wantoonni akka lafeefi bofaa immoo lafa qonnaa isheen qabdurratti kan godhamaa ture,” jedhan.

Kaayyoon gochaa kanaas miidhamtuun qabeenyashee bilisummaan akka hinfayyadamne gochuu akka ta’e kan himan Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Haroo Wolaabuu, Obbo Gammachuu Salamoon, “sodaa xinsammuu jala galchee akka isheen fedhii isheetiin qabeenya kana keessaa baatu gochuudha,” jedhan.

Dhimmi tolchaafi falfalaa naannichatti dhimma sodaatamu waan ta’eef gochaaleen irratti raawwataman kunneen miidhamtuu irratti rifaatuu uumaa turuufi dhimmichi jaarsolii naannootiin furamuuf yaaliin taasifamullee osoo hin milkaa’in hafuu himan.

“Dhimmicha mana murtiitti ibsatte…”

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidhamtuun wantoota tolchaa qabeenyasheerratti kaayaman arguun qabeenyasheetti fayyadamuu waan sodaatteef dhimmicha gara mana murtiitti iyyatte.

“Qabeenyakootti fayyadamuu hin dandeenye waan ta’eef manni murtii mirgakoo akka naaf kabachiisu, bilisummaa kiyya naaf yaa labsu jettee eeruu erga kenniteen booda namni kun akka qoratamu dhaddacha maatiifi daa’immaniirraa kallattiin kaayame,” jedhan Pirezidaantii MM Gammachuu Salamoon.

Haata’u malee, manni murtii shakkamaa kan ta’e abbaa waraa duraanii miidhamtuu dhuunfaa waamuun yemmuu gaafatu shakkamaan gochicha raawwachuu haale.

Sana boodas himatamaan poolisiin to’atamee sakattaan yemmuu adeemsifamutti wantoonni gochaa falfalaaf oolan heddu harkatti argamuu himan.

“Wantoota gochaa falfalaa fi tolchaa kunniin qaamasaa iddoo heddurratti ofitti qabatee deema. Jaakkettaasaa keessa barreeffamoota ifa hin taane kan afaan Arabaa fi Gi’iziin barraa’an, mallattoolee waan seexanaa mul’isan baay’ee ofirraa qaba. Mallattoo ‘666’ jennullee waan baay’ee ofirraa qaba. Gogaa waraabessaas qaba, rigaa wayiis qaba. Wantoonni kana fakkaatan baay’een jiru” jedhan.

“Asiin dura akka waan gochaa falfalaa fi tolchaa keessatti akka hin hirmaannetti kan falmachaa ture. Garuu harkaaf harkatti gochaa kana keessatti hirmaataa ta’uunsaa ni qabame” jedhan.

Himatamaan wantoota harkatti argaman kunneenis dhuunfaa isaatiif kan itti fayyadamu malee nama ittiin miidhuuf kan hin fayyadamne akka ta’e poolisiitti hime.

Haa ta’u malee ragaan namaa fi poolisii qindaa’ee Abbaa Alangaatiin himanni erga irratti banamee booda Manni Murtii Aanaa Haroo Wolaabuu himatamaa Taammanaa Lolee ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu gaafatus himatamaan ragaa ittisaa dhiyeeffachuu hin dandeenye.

Manni Murtiis dhimmicha erga qorateen booda Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 533 bu’uura godhachuun himatamaa Taammanaa Lolee irratti hidhaa salphaa ji’a Saddeetii fi adabbii qarshii 5,000 irratti murteessee jira.

Seerri Yakkaa Itoophiyaa waa’ee falfalaa maal jedha?

Seerri Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwanni 533 tolchaan, falfalaan yookiin wantoota kana fakkaataniin namarratti balaa geesisuun seeraan kan nama adabsiisu ta’uu hima.

“Namni kamiyyuu amallisaanii balaa yookiin miidhaa akka qaqqabsiisu osoo beekuu, fayyaa miidhuu kan danda’an: daakuuwwan bittiinnaa’an, wantoota dhukkuba qalbii dadhabsiisu fidan, dhugaatiiwwan kana fakkaatan biroo nama biroof kan qopheesse, kan kenne, kan gurgure, kan raabse yookiin kan obaase yoo ta’e yakka akka ta’etti tumamee jira” jedhan pirezidantiichi Obbo Gammachuu Salamoon.

Haaluma kanaan himatamaan wantoota hojii falfalaaf oolan kunneen qopheessuu isaatiin himatamee adabamuu isaas himan.

"Namni sun namaan miidhuudhaaf kan yaade ta’ee argamuutu mirkanaa’uu qaba. Kun immoo mana murtii keenyaan waan mirkanaa’eef adabamuu danda’eera” jedhan.