Raashiyaan biyya alaarratti dhiibaa gochuuf doolaara mil. 300 baafte- US

Madda suuraa, EPA
Raashiyaan biyyoota 24 keessatti namoota siyaasaa irratti dhiibaa taasisuuf jecha erga bara 2014 kaaftee doolaara miiliyoona 300 ol baasuu Ameerikaan himte.
Himannaan Isteet Dippaartimantii kunis qorannoo tika Ameerikaa Kibxata gadhiifamee irratti kan hundaa'eedha.
Qondaalli olaanoon waajira bulchiinsa pirezidaanti Joo Baayiidan, ''Kunis akka adeeffannoo xiqqoo yaadna'' jedhan.
Raashiyaan ifatti himannaa kanarratti yaada hin kennine.
Mooskoon mataashee yeroo baayyee biyyoota jidduu galuun Ameerikaa himatti.
Tikni Ameerikaanootaa, ''kun tarii maallaqa isa xiqqaa hin argamiin Raashiyaan dabarsiteedha kan xinxalan'' jedhan qondaalli bulchiinsa Baayidan wayita bilbilaan ibsa kennaniitti.
Qondaalli kunis osoo maqaasaanii adda hin baasii dubbataa turan.
Qorannoon tika Ameerikaa gadhiifamee kunis maqaa biyyootaa ykn qondaaltoota Raashiyaadhaa irratti xiyyeeffatame adda hin baafne, garuu ammoo ardiiwwan afur adda baasuu kaasan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaalli kun dabalunis hawaasni tika Ameerikaa biyyoota Raashiyaadhaan irratti xiyyeefatame jedhaman kanneen dhunfaadhaan akka ibsaniif kaasaniiru. Ibsichi baayyee icciitiin kan qabamu ta'u himan qondaalli kun.
Madeen bulchiinsichaa qoranicha quba qabanis Raashiyaan filannoo bara 2017 keessatti Paartii Dimokiraasii jiddugala Mirgaa Albaaniyaafi akkasumas paartiilee fi kaadhimamtoota Boosniyaa, Montenegroo fi Maadaagaaskaar deeggaruuf doolaara miiliyoona wallakkaa baafte jechu maddi oduu AFP gabaase.
Maddichi danaluunis Raashiyaan Biraasilis fi addawwan kaadhimamtoota warra faar-raayits deegaran akka jidduugala godhattuus kaaseera.
Aanga'oonni raashiyaa garuu himannaa Ameerikaa kanarratti deebii ifatti kennan omtu hin jiru. Aanga'oonni raashiyaa garuu himannaa Ameerikaa kanarratti deebii ifatti kennan omtu hin jiru.
Kanaan dura Raashiyaan Eejansiin Tika Ameerikaa addunyaa guutuutti gareewwan adda addaa deegaruu dabalatee, dhimmoota biyyoota biraa keessa galaa jirti jechuun himamattee turte.
Ameerikaan bara 1946-2000 jidduutti addunyaa guutuutti yeroo 80 ol filannoowwan biyyoota biyaa keessa galte jirti, kunis fonqolchaa fi yaaliiwwan buulchiinsa jijjiiruu kan hin dabaalannee ta'u himan.
Guyyaa Kibxataa dubbii himaan Isteet Dippaartimantii Need Pirees Raashiyaan ''walabummaa miidhaafu'' deeggarsa taasisfti jechuun himatan.















