Jarman jeettiiwwan waraanaa Yukireeniif hin ergu jette

Olaaf Scholz

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Chaansilariin Jarman taankiiwwan waraanaa Yukireeniif erguuf waliigalanii guyyaan tokkoon booda jeettiiwwan waraanaa akka hin kenniine ibsan.

Olaf Scholz gaaffiif deebii gaazexaa Jarman waliin taasisaniin gaaffilee meeshaa waraanaa dhiyaataa jiran akeekkachiisan.

Haa ta'u malee, Yukireen biyyoota michuu akka 'walta'iinsa jeettiiwwan waraanaa' uumuun dandeettii isaanii cimsaniif gaafatte.

Ameerikaan dhimma jeettiiwwan waraanaa erguu 'of eeggannoo baay'een' Kiiyiv waliin mari'achu Kamisa himte.

Chaansilariin Jarman garuu ammatti xiyyeeffannoon isaanii taankiiwwan Leopard 2 jedhaman erguu akka ta'e himan.

''Nuti taankiiwwan erguuf akkuma murtee taasifneen xiyyeeffannoon dubbii Jarman taasifamte,'' jedhan.

Guyyaa Roobii Jarmaniin erga biyyoota michuutiin torbaniif dhiibbaan irratti taasifameen booda, taankiiwwan Leopard 2 jedhaman 14 Yukireeniif erguuf waadaa seenteetti.

Jarman taankiiwwan erguudhaaf waadaa seenuu ishee hordofes, Ameerikaanis taankiiwwan M1 Abrams jedhaman akka ergituuf himte.

Ittaanaan Ministirri Dhimmaa Alaa Jarman, Andrii Melnyk walta'insi jeettii waraanaa akka hundaa'uuf gaafatan.

Kunis Yukireeniif jeettiiwwan US F-16s fi F-35s, Eurofighters, Tornados, French Rafales fi kan Siwiidin Gripen jedhaman erguu hammata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gorsaan pirezidantii Yukireen gama isaanitiin TV Yukireen tokkootti akka himaniitti, waraana 'loltoota Raashiyaa ijoo atattamaan hir'isuudhaaf' miisaa'eelas akka barbaadan dubbatan.

Akkasumas pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiinis haasaa guyyaa karaa viidiyootiin taasisan irratti biyyattiin misaa'eeliiwwan US hojjattee ATACMS kan fageenya km 297 irratti furguggifamuu akka barbaadan dubbatan.

Innis misaa'eloonni kunneen haleellaa Raashiyaan naannoolee baadiyyaafi namoota nagaa irraan geessisuuf jirtu dhorkuuf ni gargaara.

Haata'u malee Waashingitan meeshaa waraanaa sana kennuuf tole hin jenne.

Chaansilariin Jarmanii af-gaaffii taasisan keessatti Nato'n Raashiyaa waliin wal waraanaa hin jiru waan ta'eef, ''muddama akkasiin hin ayyamnu'' jedhan.

Akkasumas walitti fufiinsaan pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin dubbachaa akka jiran mirkaneessuun, dhiheenya kanas Muddee 2022 keessa waliin dubbachu yaadatan.

''Wal walii kenyaan mari'achuutu nu barbaachisa'' jechuun, weerarri Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte fudhatama kan hin qabneefi loltoota ishee baasuu qofti furmaata akka ta'e ejjannoo isaanii ta'us ifa taasisan.