UNESCO'n kunuunsa Sirna Gadaaf maal gumaache?

Sirni Gadaa bara 2016'tti ture hambaa kiliyaa ta’ee Jaarmiyaa Barnootaa, Aadaa fi Saayinsii Dhaabbata Gamtoomanii -UNESCOtti kan galmaa’e.
Hoggaanaa Ittaanaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Biraanuu Buxee akka jedhaniitti, Sirni Gadaa UNESCO’n galmeessuu hordofee imaammata barnootaatti dabalamee barsiifamaa jiraachuu akka bu’aa jijjiirama argameetti tokkotti eeran.
Barnoonni Sirna Gadaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Oromiyaa keessatti argamanitti barsiifamaa jiraachuu fi naannolee ollaa Oromiyaatti babal’isuuf adeemsarra jiraachullee himan.
Kanaarra kan darbe garuu UNESCO’n baajanni inni ramadee Sirna Gadaa misoomsurratti hojjate jedhu ''hin qabnu’’ jedhan.
Haaluma walfakkaatuun, Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Barreessaa Abbootii Gadaa Oromoo Goobanaa Hoolaa, jaamiyaan kun erga Sirna Gadaa galmeesse as kunuunsa isaarratti ''waan hojjate hin jirree’’ dubbatan.
UNESCO’n qorannoo sirna Gadaarratti akka gaggeessuu fi beeksisuuf deeggarsa gaafachuuf bakka bu’aa dhaabbaticha Finfinneetti argamutti deddeebi’anii bilbilanii illeen deebii argachu akka hin dandeenye kaasan.
UNESCO’n maaliif Sirna Gadaa galmeesse?

Kunuunsi sirna Gadaa kan siyaas-dinagdee dimokiraatawaa ta'e kanaa ammatti sadarkaa fooyyeerratti akka argamu Dhaabbanni UNESCO kan BBCtti hime.
Waajjira UNESCO Finfinneetti argamutti hooggannaa kutaa Aadaa kan ta’an Obbo Geetuu Asaffaa, jijjiramni Sirni Gadaa galmeessuun argame fi ulaagaa jaarmiyaan kun deeggarsa kunuunsa hambaa kanaaf kennu BBCtti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirni Gadaa hambaalee sadarkaa addunyaatti Itoophiyaa bakka bu’uuf ulaagaa barbaachisu guutee galmaa’e kan jedhan Obbo Geetuun, '‘Kaayyoon ijoon dhaabbaticha kanaa hambaa kiliyaatti sirnicha galmeesseef kunuunsun dhalootatti dabarsuuf,’’ jedhan
‘’Sirni Gadaa hambaa kiliyaa kan waliin wayita madaalamu bal’aadha. Duudhaa hedduu qaba, ofiisaattu hambaa hedduu ta’uu danda’a. Sirni Gadaa hambaa Itoophiyaan ittiin boontudha,’’ jedhan.
Eegumsi Sirna Gadaa amma '‘sadarkaa gaarii irratti argama. Sirni Gadaa hambaa badu miti, hawaasni ni jaalata. Kan duraaniirra waanti hir’ate hin jiru’’ jedhu Obbo Geetuun.
Akka fakkeenyattis, feestivaala aadaa kan ta’e irreechi magaalota Finfinneetti addaan cite turellee amma deebi’ee kabajamaa jiraachuu eeran.
UNESCO'n hambaalee kiliyaa baduuf qarree gahan fi kanneen saffisaan kunuunsa barbaadan addatti galmeessa, sirni Gadaa garuu kanarraa adda ta'uu kaasan.
Sirni Gadaa hambaa baduuf yaadda'amu akka hin taane ibsan.
UNESCO’n deeggarsa attam kenna?
UNESCO’n hambaaleen sababii waraanaa fi balaatiin baduuf mala jedhamee yaadda'amu baraaruuf deeggarsa atattamaa hanga doolara Ameerikaa 100,000 akka kennamu eeran.
Deeggarsichi kan taasifamus yoo waajjira mummee dhaabbatichaa kan Faransaay -Paarisitti argamutti dhiyaatee ta’uu dubbatan Obbo Geetuun.
Dhaabbanni UNESCO hambaalee kiliyaaf eegumsi godhu jiraachuu eeruun, garuu kunuunsa Sirna Gadaatiif gaaffii ''hin argine'' jedhan.
Gaaffiin deeggarsi kunuunsa hambaa UNESCO'f dhiyaachu kan danda'u karaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itoophiyaan ta'u akka qabu ibsu.
Kanaafuu, gaaffiin kunuunsaa naannoo ykn godinaan dhiyaatu fudhatama hin qabu jedhan.
Yoo gaafatame garuu eegumsa hambaaleerratti leenjii fi deeggarsa barbaachisu dhaabbatichi kennu akka danda'u kaasan Obbo Geetuun.
Hambaalee haaraan UNESCOtti galmaa’uf gaafatte kami?
Itoophiyaan amma yoonaatti hambaalee kiliyaa afur UNESCO'tti galmeessifte. Hambaaleen kiliyaa kunneen Sirna Gadaa, Masqalaa, bara haaraa Sidaamaaa -Fiichee Cambalalaa fi Cuuphaati.
Yeroo ammaatti ayyaana shamarranii kan ta’e Ashandaan akka galmaa’uuf gaafatteetti jedhan Obbo Geetuu Asaffaa.
Haata'u malee biyyii tokkoo bara tokko keessatti hambaa dhiyeessitu tokko qofatu ilaalamaaf jedhaniiru.












