Barattuun umurii 15 hiriyyaan ishee daree tokkoo 'natti tolchite' jechuun hiisisuun dubbii ijoo ta'e

Liidiyaa Abarraa ALI Guraandhala 22,2015 mana baruumsaatii qabamtee erga hidhamtee booda waa'een ishee miidiyaa hawaasaa gubbaatti mata duree oduu ta'aa ture

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Maxxanfame

Naannoo Uummatoota Kibbaa magaala Halaabaa Qullittoo keessatti kan argamu mana baruumsa sadarkaa lammaffaatti barattuu kutaa 10ffaa kan taate Liidiyaa Abarraa ALI Guraandhala 22,2015 mana baruumsaatii qabamtee erga hidhamtee booda waa'een ishee miidiyaa hawaasaa gubbaatti mata duree oduu ta'aa ture.

Liidiyaan erga hidhamtee booda guyyoota shaniif mana murtiitti osoo hin dhiyaatin akka turteefi mana hidhaa keessatti sarbamni mirga namoomaa akka ishee mudate abbaan ishee Obbo Abarraa Shaamoroofi abukaaton ishee Obbo Ababaayyoo Geetaa BBCtti himan.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti daayireektara Kutaa Seerafi Poolisii kan ta'an Aadde Taarikuwaa Getaachoo dhimma Shamarree waggaa 14 to'annoo jala jirtuu hordofaa akka jiran BBCtti dubbatan.

Liidiyaan sababa maalif hidhamte?

Obbo Abarraa Shaamoroo magaala Halaabaa Qullittoo keessa waggaa 30 kan jiraatan yoo ta'u ijoollee shamarranii kutaa 10ffaafi 11ffaa baratan qabu.

Gaafa ALI Guraandhala 22,2015 Liidiyaan osoo daree keessa jirtuu shamarreen Musliima taate tokko daree keessatti kufte.

Kuni ammoo dubbiin Liidiyaa irratti akka ka'uuf sababa ta'uu barsiisan mana baruumsichaa maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate BBCtti hime.

"Barattuun sun kan kufte Liidiyaan qoricha waan itti gootefi" oduun jedhu odeeffamuun hokkorri mana baruumsichaatti ka'uun hojiin mana baruumsichaa yeerof adda cituu ibsa barsiisan kun.

Sana booda poolisoonni mooraa mana baruumsichaa seenan.

"Ajaja [mana murtii] tokko malee akkuma yuunifoormii kaawwattee dabatara baattee jirtutti osoo isheen boossuu fuudhanii deeman," jechuun haala ture baay'ee yaaddessaafi kan nama gaddisiisu ta'uu dubbata barsiisan kun.

Daayireektara mana baruumsichaa kan ta'an Obbo Wandimmuu Margaas barattuun sun daree keessatti kufuun ishee hidhamuu Liidiyaatif sababa akka ta'e himan.

Haa ta'u garuu duraanuu shamarree Liidiyaa irratti barattoonnifi maatin isaanii komii kaasaa akka turan dubbatu.

"Ishee wajjin nyaata nyaannerra" kan jedhan barattoonni saddeet komii dhiyeessufi "manni baruumsaa tarkaanfii haa fudhatu kan jedhu" dhiibban godhamuu irraa kan ka'e manni baruumsichaa komii kana gara waajjira poolisiitti akka geessu gochuu dubbatu Obbo Wandimmuun.

"Barataanis, maatiinis gaaffii qabaannaan buufata poolisiitti himata isaanii akka dhiyeeffatan goone. Bu’uuruma kanaan amma dhimmichi mana-murtiitti ilaalama jira," jedhu.

Akka seerri yakkaa Itoophiyaa bara 1997 foyya’ee baheetti yakkawwan digimtii, xonqolaa, nan siif beekaafi wantonni kana fakkaatan akkaataa ittiin ilaalaman kaa'uu himu abokaaton Liidiyaa.

Haata’u malee, yakkawwan akkasii kun daa’ima akka shamarree kanaatiin kan raawwatamu miti jedhan.

Daayireektarri mana baruumsichaa Liidiyaafi obboleettii ishee qaamaan kan beekan ta'uu himanii lamaan isaanituu barnootatti collee ta'uu eeru.

Haa ta'u garuu obboleettin Liidiyaa mana baruumsa biraatti akka barattuufi komiin Liidiya irratti ka'e isheerratti akka hin kaane himu.

Himata shaamarree Liidiyaa irratti dhiyaate

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abukaatoo Liidiyaa kan ta'an Obbo Ababaayyoo Geetaa Liidiyaan erga waajjira poolisiitti geeffamtee guyyoota shaniif himanni osoo irratti hin banamin seeran ala hidhamuu himu.

Guyyaa shan booda mana murtii mana sirreessaa Halaabatti dhiyaachun beellamni qorannoo guyyaa 14 irratti gaafatamuufi manni murtichaas beellama beellama gaafatamee hayyamuu himu Obbo Ababaayyon.

Himata irratti dhiyaate yommuu ibsan, "Daree barnootaa galtee osoo jirtuu barattuun Musliima taate tokko ni kufti. Erga kufteen booda itti dagamsiifteeti ykn matatii itti gooteeti barattuun kun kan kufte jechuudhaan hiriyyoonni micayyoo kuftee poolisiitti dabarsanii kennan," jechuun ibsu.

Itti dabaluunis, "Akka seeraatti umuriin ishee xiqqoo waan taateef, wanta raawwattellee waan hin beekneef mana murtiis taanaan qaama ishee ilaalee daa’ima akka taate beekee maatiisheetti deebisee kennisiisuu qaba ture."

Shamarreen kun qorannoof barbaadamti taanan, maatii ishee biraa fuudhamtee poolisiin qoratamuu akka qabdu himu.

Amma abokaaton Liidiyaa murtee darberratti oliyyannoo fudhatanii Bitootessa 15, 2023tti beellama qabataniiru.

Abbaan Shamarree kanaa Obbo Abarraan intalli isaanii qormaata waan qabduuf mana hidhaatii yooman baha jechaa jirti jedhu.

"Galanni Waaqayyoof haa ta’u malee ijoolleen koo barumsatti cimoodha, ooliitti [hunda keessaa] tokkoffaa bahu. Amma ijoollee tokkoffaa bahuun badhaafaman kana bakka maqaa isaanii xureessanii hamilee isaanii cabsan kanatti barachuun rakkisaadha," jechuun ji’a muraasaf bakka biraa geessanii barsiisuf deeggarsa waldaa [waldaa Kiristaanaa] gaafachaa akka jiran BBCtti himan Obbo Abarraan.

Dhimmichi miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii ta’uu isaan walqabsiisee maatiin dhiibbaa keessa akka jiran Obbo Abarraan himaniiru.

Gama biraan, Godina Halaabaatti waajirri nagaafi tasgabbii magaalaa Qulliittoo fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti dhimmicha dhimma amantii fakkeessuudhaaf yaalii taasifamu balaaleffachuun, Liidiyaa qofa osoo hin taane namni Obbo Naasir jedhamus yakka wal fakkaatun to'atamee qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibse.