Waraanniifi walitti bu'iinsi waliin jireenya hawaasaa Itoophiyaa keessatti diigaa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Goolamni siyaasaa fi rakkoon nageenyaa Itoophiyaa ajandaa addunyaa erga ta'ee bubbuleera. UN, US, Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa fi kaan guyyuu dhimma Itoophiyaa dubbatu.
Haalli Itoophiyaa keessa jiru na yaaddesseera kan jedhan Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerez, ''Rakkoon Itoophiyaa to'annoon ala ta'aa jira. Hariiroon hawaasummaa laaffataa jira,'' jedhaniiru dhiheenya kana.
Yaaddoon qondaalli kun ibsatan akkuma salphaatti ilaalamee bira darbamee? Lakki, garuu hagas mara bakki hin kennamneef.
Qondaalli UN kana jedhanii guyyoota afur booda ammoo dhaabbatichatti bakka bu'aan Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee, ''hariiroon hawaasummaa uummata Itoophiyaa adda cicciteera kan jedhu oduu bu'uura hin qabneedha,'' jedhan.
''Haala bara kana caalaa hammaatu keessa wayita turreyyuu hariiroon hawaasumma akeenya kan hin diigamneef bu'uura jabaarratti waan ijaarameef,'' jedhanii barreessan.
Siyaasa Itoophiyaa fi Ertiraa manneen bunaatti
Waggoota saddeetiif US, kutaa biyyaa Neevaadaa magaalaa Laas Veegaas kan jiru Ibraahiim Baazzazaw, manneen bunaa-Starbucks qabu hunda keessatti siyaasi habashaa wayita calaqqisu arga.
''Starbucks bakka habashaan siyaasa isaa itti calaqqisiisu ta'eera. Habashaaf bakki kun bakka itti buna dhugan qofa miti,'' jedhe.
Ibraahiim qoqqoodiinsi siyaasaa baayyinaan kan calaqqisuu eegale erga waraanni kaaba Itoophiyaa eegaleeti.
''Duraan bifa qofaan habashaa ta'uu walbarraan nagaa waliin jedhu. Waliin haasofta. Waa'ee sabaa lafaa hin kaasru. Amma sun hafeera. Haalli qoqqoodiinsa siyaasaa sabarratti hundaa'e yeroo gabaabaa keessatti akkaan babal'ate,'' jedhe.
Akka Ibraahiim jedhutti magaalaa Laas Veegaas, ollaa ''Litil Itoophiyaa (Little Itoophiyaa)'' jedhamuun beekamtutti dhalattoonni Tigraay moggaatti of baasaniiru.
''Kanaan dura kolfitee taphattee adda baata. Waraana booda garuu bakka tokkotti argamuufuu miirri gammachuu sitti hin dhagahamu,'' jedha Ibraahiim.
Magaalaa kana keessatti hawaasi Itoophiyaa bakka heddumminaan jiraatu- Little Ethiopia bakka jedhamutti faranjoonni wayita argan, hariiroon lammiilee Itoophiyaa cimaa ta'uu hubatu.
Dhugaan jiru garuu hariiroon kun kan yeroo kamuu caalaa diigameera jedha Ibraahiim.
Dhalattoonni Tigraay maaliif moggaatti of baasuu filatan?
Dhaabbata Barnootaa Kanaadaa jiru tokkotti piroofeesara kan ta'an Geetaachoo Asaffaa rakkoo dhalattoota Tigraay addatti baase akkas jechuun ibsu.
''Nama rakkoo kee qooddatu yoo dhabde, dhiphina kee kan sirraa salphisu yoo dhabde, kan si hirphu yoo cina keetii dhabde ni qoollifatamta, moggaatti baata,'' jedha.
Piroofeesar Geetaachoon dhimma dhalattoota Tigraay kana ibsuuf haala naannoo Kaaffee akka fakkeenyaatti hin fudhanne, isaaniif haala mana amantii keessa jirutu dhimma kana ibsa.
Waan pireeofeesar Geetaachoon ibsanitti ce'uun dura, haala qabatamaa biyya ollaa Itoophiyaa keeniyaa keessa jiru haa ilaallu.
Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessa bataskaana ortodoksii lamatu jiru- Madihaanialam (kan Itoophiyaa fi Kidaanemihrat (kan Ertiraa).
Dhalattoonni Tigraay hedduun barsiisi amantii bataskaana keessatti kennamu lallaba siyaasaati jechuun gara mana amantii deemuurraa of qusataaru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bataskaana keessatti waa'ee jaalalaa lallabaa, alatti ammoo waraanichi sirrii ta'uu eebbisu jedhu dhalttoonni Tigraay.
Daba raawwatamu kana ilaalaa dhalattoonni Tigraay gara manneen amantaa kunneen deemuuf miira isaaniin wal'aansoo qabu.
Wayita filannoo dhaban gara mana amantii warra Masirii deemu. Kun Keeniyaa qofatti kan mul'atu miti.
Biyya keessaas manneen amantii Islaamaa fi pirotestaantii keessatti darbee darbee mul'achuu eegaleera.
Kanaadaa keessattis haalli kun mul'ataa akka jiru Pirofeesar Geetaachoon ni dubbatu.
''Hiriyoonni kiyya da'imman isaanii mana amantii warra Masiriitti cuuphuuf dirqamaniiru,'' jedhan.
Piroofeesar Geetaachoon dhalattoonni Tigraay filannoo dhabuurraa [bakka itti daa'imman cuuphan] daa'imman dhalatanii hanga waggaa 2 fi 3 osoo hin cuuphamin ga'u jedhan.
''Yeroo tokko tokko waan itti obsitu osoo barbaadduu duula waraanaaf nama kakaasu miidiyaa biyyaa irratti argita. Amantoonni muraasni obsanii taa'u, kaan moggaatti of baasu,'' jedha.
Qabeenyi Itoophiyaa guddaan 'hariiroo hawaasummaati'
Obbo Galataa Zallaqe dhimmoota hariiroo hawaasummaa Itoophiyaan walqabatan irratti qorannoo gaggeessaniiru.
Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee hariiroo hawaasaa Itoophiyaa lafuu hin haalle.
Rakkoo kanaaf bu'uura kan kaa'e siyaasi saboota bu'uureffate heddummaachuudha jedhan.
Namni tokko lammiisaa isa cinaa taa'u yeroo callisee itti shakku keessa jirra. Hariiroon hawaasaa qabeenya Itoophiyaa ta'e akka laaffatu kan godhes kanuma,'' jedhan.
Garuu dhuguma Itoophiyaa keessatti hariiroon hawaasaa cimaa turee? moo fakkeessaatu ture? jennee Obbo Galataa gaafanne.
Hariiroo dhugaa fi bu'aa cimaa qabu akkasumas fakkeessaa kan jedhurratti walii hin galan.
''Biyya keenya ta'eeti malee osoo rakkoon amma nuti keessa jirru biyya biraa kan mudate ta'ee silaa yoona biyyi sun diigamteetti,'' jechuun ibsan.
Akkasaan jedhanitti goolama siyaasaa fi hookkara gama hundaa biyyi keessa jirtu dandamachuunuu raajiidha.
Kanaaf hariiroon hawaasummaa keenya hundee jabaa waan qabuuf rakkoo hagam guddaa ta'eenuu qoramee hin beeku jedhu Obbo Galataan.
Waan darberratti hundaa'anii kana haa jedhaniyyuu malee, waan fuulduraa irratti garuu onnee guutuun yaada hin kennine.
Haga tokko isaan yaaddessa.
''Riqichi fi gamoon yoo diigame ijaaruun ni danda'ama. Hariiroon hawaasummaa diigamnaan suphuun ni ulfaata,'' jechuun ibsan.
Dhumaatii Sarbiyaa fi Kirooshiyaa haala Itoophiyaa waliin...
Obbo Baay'isaa Waaqwayyaa dhumaatii sanyii addunyaarratti beekaman keessaa kan Kirooshiyaa fi Sarbiyaa qaamaan nama arganiidha.
Bara 1992 karaa Kirooshiyaa fi Boosniyaa magaalaa Saaraayeevoo galan. Dhumaatiin waggoota sadiif wayita raawwatetti achuma turan.
Yeroo sanatti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti gorsaa seeraa ta'anii hojjechaa turan.
Itoophiyaa haala Yugoslaaviyaa waliin walitti fakkeessuun miira gaari isaaniif kennuu baatus, haala qabatamaa ammaa wayita ilaalan yaadannoon rifaasisaan sun dhufee waan fuulasaanii dura dhaabbatu fakkaata.
Waa'ee haala hariiroo hawaasummaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessaa irrattis wayita yaada kennan, haala Kirooshiyaa fi Sarbiyaa keessa ture fakkeenya godhachuu filatan.
''Sarbiyaa fi Kirooshiyaa jechuun bar akkuma Gondarii fi Goojjam, yookiin akkaWalloo fi Goojjami. Saba tokkodha. Walfuudhanii, waliin horanii kan waliin jiraataniidha,'' jedhan.
Keessa isaaniitti garuu jibbiinsi dagaagee ture. Kanaaf jecha warra Kirooshiyaa kaatoolikii ta'an, warri Sarbiyaa ammoo baayyinaan ortodoksiidha.
Bara waraana addunyaa 2ffaa warri Kirooshiyaa Hitlariin tumsuun warra Sarbiyaa guddoo miidhan.
Erga waraanni obba'ee ammoo warri Sarbiyaa olaantummaa argachuun haaloo ba'an.
Warra Kirooshiyaa jiraatti awwaalan, abiddaan guban, kan irraa hafan gara Jarman, Kanaadaa, Awustiraaliyaa baqatan.
Warri Kirooshiyaa waggaa 70 booda erga Yugoslaaviyaan diigamtee eeganii ammas walfixan.
Obbo Baayyisaan seenaa kana waa malee hin kaasne.
Kirooshiyaa fi Sarbiyaa keessa hariiroon hawaasummaa ture akkuma kan Itoophiyaa kan dinqisiifatamu ture.
Boodarra garuu jibbiinsa hundee jabeeffateen burjaaja'e. Wal ajjeechaa keessa egaa abbaan amantiiyyuu ilmasaaf dhiifama hin goone.
Kan walfuudhan garaa waliif hin laafne, hunduu walitti gadi taa'anii wal fixan.
''Waraana keessatti yeroo tokko nama tokko, lama ni ajjeesta. Isa booda dhalli namaa bineensa fakkaatee sitti mul'ata. Akka bineensaatti nama ajjeesuu eegalta,'' jechuun yaaddoo waraanaa ibsan.
Amma yaaddoon isaanii haalli kun [hariiroon hawaasaa laafuun] Itoophiyaa keessattis mul'achuu eegaluusaati.
Hariiroon hawaasummaa keenya duraanuu kan hunda hammatedha jedhaii hin amanan.
''Waa'ee Itoophiyaa wayita haasofnu waa'ee saboota sadii qofa irratti xiyyeeffanna. Kaan akka dagannu,'' ibsan.
Mootummaan dhufaa darbaa xiyyeeffannaansaa Itoophiyaa bulchuu malee lammiilee Itoophiya ijaaruu hin turre kan jedhan Obbo Baayyisaan, Kanarraa ka'uun hariiroon hawaasummaa laafeera.
Hariiroon hawaasummaa waggootaaf laafee ture, amma ammoo waraanni wayita irratti dabalamu haalota daranuu hammeesse. Kanarraa ka'uun egereen biyyattii isaan sodaachisa.
Osoo namoonni siyaasaa hin jirre ummati sabaan walfixaa?
Tarii haala walitti dhufeenya hawaasummaa laafaa, qoodinsa, hamii, jibbaa fi wal summeessuu amma argaa jirru intarneetiituu harbeessee nutti agarsiisaa laata?
Har’a ykn boru kan diigamnu kan nutti fakkaatu ilaalchi keenya miidiyaa hawaasaatiin nu jalaa hagugamee ta’aa laata?
Jecha biraatiin ibsuuf, osoo qonnaan bulaa bira deemne kan sodaannuu hin jiraatuu laata? Namoonni siyaasaa buna wal waamanii, waliin gadda gahaa jaalalaan itti fufuu laata?
Pirofesar Geetaachoon kana deebiisuuf, hawaasa sadarkaalee afur irra ka’u.
Isaanis, masaraa, mana amantaa, mana hayyoo fi mana ummataa jedhan.
Seenaa Itoophiyaa keessatti masaraafi mana amantaa (betakinatiin) hidhata cimaa qabaataa turan. Ummata irraan dhiibaa qaqansiisuun wal faalleessanii hin beekan.
Bara kana ammoo manni hayyootaa itti dabalameera. Osoo jarrii sadan kunneen jalaa goranii, manni ummataa walin jiraachuuf hidhata hawaasummaa gahaa ta’e qaba jedhanii amanu Pirofesar Geetaachoon.
Pirofesar Geetaachoon ummanni Itoophiyaa wallakkaan rakkoo sabumaa qaba jedhee hin amanu jedhu. ‘‘Garuu ammoo hidhannii masaraa, mana amantaafi mana hayyootaa na sodaachisa. Sababiinsaas Ummata faaluu waan danda’aniif’’ jedhu.
Walimaagalatti, amantaan Pirofesar Geetaachoo kana haata’u malee, taateewwan amantaasaanii kana qoran muraasni umamanii ture. Keessattuu naannoo magaalotaatti.
‘‘Waardiyaan tokkoo kan biraa, kadhataan tokko kan biraa sababii eenyummaasaatiin dabare yoo kennu arganiiru. Kunis osoo dhibbaan eenyuutuu hin jiraatiiniidha.’’
Haata’u malee Pirofesar Geetaachoon dhimmi akkasii jiraatulleen jira jedhanii amanu hin barbaadan.
‘‘Amanu kanan barbaadu kadhataawwan sun akkas kan raawwatan dirqisiifamaniiti jedheetan’’ jedhu. ‘‘Akka fayyaankoo hin miidhameef waanan yaadda’uuf harbeessuu hin barbaadu.’’
Suuraa nama abbaa ofii ajjeesee qabatanii naanna'uu...
Obbo Baayisaan weerara alaafi waraana wal walii adda addaan yoo kaa’an, weerara alaa ‘qulqulluu’ fakkeessu.
‘Ziyaadibaarreen dhufe, deemee. Xaaliiyaaniin dhufe deeme. Badii hedduu qaqabsiisan. Garuu ammoo lammii Itoophiyaa isaan irratti haaloo qabate tokkoolleen hin argattu’’ jedhu.
War waraansi walii badaadha. Kan miidhuufi miidhamaa ollaa ta’un akka waliin jiraatan dirqisiisa. Barri kun ammoo dhimmicha kan caalaa cimsu kan hin ollee fakkaata. Ilbaanyi miidiyaa hawaasaatiif.
Miidhamtoonni madaansaanii daqiiqaan dhukkuba. Miidhaan yoo qaqabu dhukkubsachuun jira. Miidhicharratti yoo dhukkubbiin biraa umamuu ammoo caalaa dhukkuba.
Teeknooloojiin mataansaa madaa gara biraati. Waraanicha akka cidhaatti waraabuun dhiyeessa.
Tokko tokko kan hadhasaanii gudeedeefi kan abbaasaanii ajjeesse bilbilatti baatanii naanawu.
Duri olmaan adda waraanaa loltuu dularraa deebii’un hanga tokko dhagahama ture. Har’a garuu badiin cimaan kaameeraan waraabamee kaa’ama. Akka kubbaa miilaatti Yutuben kallattiin dabarfama. Kan ajjeessee reeffa waliin ofee ka’a.
Kun ammo waliif dhiisuu baayyee akka ulfaatu taasisa.
Pirofesar Geetaachoon madaalliin walitti dhufeenya hawaasummaa hawaasa tokkootiif (Social fabrica) bakka miidhamaa sana ta’uudha jedhu. Mirriin amma jiru garuu isa miti. Faallaa isaati.
Kan wal jajjabeessuu hin jiru. Kann ajjeessuus kann miidhamuus dabareedhaan geggedaram.
Gamni ajjeessaa dabareen geerara. Haalli ajjeechaa attamiin ajaa’iba akka ture hima. Giingoonsaa marsaadha.
‘‘Baayyee miidhamneerra, gama lamaanuu meeqa gammoojii keessatti akka awwaalame ni beekna,’’ jedhu Obbo Baayisaan.
‘‘Waraanni bareedu jiraachu baatulleen, keenya garuu kan baayyee fokkisu natti fakkaata,’’ Obbo Baayisaan kan ajjeechaa hedduu addunyaa irratti argan.
Amma gaaffiin tokkicha. Innis madaa keenya haa wallaanannuu? Ykn dhalootaatti darbaa?
Dhumaatii baayyee kan ilala waggoota sadiif Sooviyeeti keessa jiraatanii turan Obboo Baayisaa Waaqwayyaa, ‘‘gara dhalootaatti akka hin dabarree taasisuun ni danda’ama. San gochuufis carraan jira, yoo daandii nagaa barbaachaaf turuu baanne’’ jedhu.












