Sirna awwaalcha MM duraa Jaappaan Shiinzoo Abee mormuuf namichi ibiddaan of gube 

Maxxanfame

Jaappaanitti namichi tokko sirna awwaalcha Ministeera Muummee duraanii Shiinzoo Abee irratti mormii dhageessisuuf jecha abidda ofitti qabsiisee of gube.

Fulbaana 21, namichi kun magaala Tookiyootti kan argamu naannoo biiroo Ministeera Muummee biyyattii abidda ofitti qabsiisee jennaan namoonni argan poolisii waaman.

Shiinzoo Abeen ministera muummee Jaappaan ta’uun waggaa dheeraa kan tajaajile yoo ta’u ji’a Adoolessaa keessa duula filannoo osoo namaaf gaggeessuu ajjeefame.

Sirni awwaalcha Shiinzoo Abee Fulbaana 27, 2022 kan raawwatamu yoo ta’u dureewwan biyyoota garaa garaa dabalatee keessummoonni heddu irratti argamu jedhamee eegama.

Namicha abidda ofitti qabsiise kana poolisoonni dhufanii gara hospitaalatti geessuu miidiyaan biyyattii gabaase.

Haa ta’u garuu miidhaa isarra gahee fi haala inni amma irra jiru waanti beekame hin jiru. Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti namichi abidda ofitti qabsiise kun nama ganna 70 keessa jiruudha jedhame.

Waa’ee mormii namichaa kana irratti mootummaan yaada hin kenning jira. Haa ta’u garuu yeroo dhiyoo as sirni awwaalcha ministeera muummee duraanii kun turuu fi baasii sagantichaaf bahu irratti gammadoo miti jedhame.

Shinzoo Abeen Adoolessa 8, 2022 ganna 67tti paartii siyaasaa deeggaruuf duula filannoo osoo gaggeessuu rasaasan rukutamee ajjeefame.

Jaappan keessatti sirni awwaalchaa akka biyyaalessaatti raawwatu baramaa miti. Sirna awwaalchaa akka biyyaatti raawwatamu kanaaf ammoo bajanni mootummaa yeenii biliyeena 1.65 (dolaara miliyeena 11.4) tu itti baha jedhame kana garuu namoonni mormaa jira.

Biyyaattii keessatti paartii mormituu cimaa kan ta’e Constitutional Democratic Party sirna awwaalchaa kana akka hin hirmaanne beeksise.

Sirna awwaalcha Giiftii Elizaabet II wajjin gaafa wal bira qabamu kan Shinzoo Abee lammiilen Jaappan heddu ni mormu.

Ragaalen akka agarsiisanitti bajatni qaraxa uummata irraa walitti qabamu sirna awwaalatiif ooluun alatti keessummoota hirmaatan keessaa bakka bu’oonni juuntaa waraana Barmaa fa’aa affeeramuun dheekkamsa kaasera.

Dhimma namicha abidda ofitti qabsiisee odeeffannoo bal’aa poolisiin hin laanne, haa ta’u garuu namichi kun osoo tarkaanfii kana ofirratti hin fudhatin sirna awwaalchaa kana irraa mormii akka qabu qaama dhimmi ilaalutti beeksisuu himeera jechuun miidiyaalen biyya keessaa gabaasan.

Naannoo inni abidda ofitti qabsiisettis mormiidhuma kana barreeffamaan ibsuu kan agarsiisu waraqaan argamuu miidiyaalen kun himaniiru.