Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zelenskiin 'dambalii shororkeessuu haaraan' booda Raashiyaarratti qoqqobbii dabalataa gaafatan
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin 'dambalii shororkeessuu haaraa' Wiixata biyyattii irratti banameen booda biyyoonni Raashiyaa irra qoqqobbii dabalataa akka kaa'aniif gaafatan.
Haleellaa miisaa'elaa Raashiyaan guutummaa Yukireenitti raawwatteen yoo xinnaate namoonni 19 ajjeeffamanii, hedduun madaa'aniiru.
Haleellaawwan kunneenis haala bayyanannaa keenya ''xiqqoo harkiifachisa'' ta'a jedheeras.
Haleellaa dabalataa Kibxata gaggeeffame hordofunis, Zelenskiin biyyoonni Lixaa dhiibbaa siyaasaa Raashiyaarratti gochuun akka biyyasaa deeggaraniif gaafatan.
Waammichi kun marii atattamaa biyyoota garee G7 karaa viidiyootiin Kibxata gaggeeffatan hordofuun kan dhiyaatedha.
Gareen biyyoota akka Kaanaadaa, Firaans, Xaaliyaan Jaappaan, UK fi Ameerikaa kan hammate yoo ta'u, isaanis deeggarsa maallaqaa, namoomaa, waraanaa, dippilomaasiifi deeggarsa seeraa gochuufi akka itti fufan waadaa galaniifiiru. Kunis hanga ''yeroo fudhatuutti kan taasifamudha.''
Zelenskiin gama isaatiin, ''dambalii haleellaa shororkeessuu akkasiitiif tarkaanfii deebii dambalii haaraatu Raashiyaarra kaa'amu qabbaata, qoqqobbaa haaraa, dhiibaa siyaasaa bifa haaraa fi deeggarsa haaraatu Yukireeniif ta'uu qabataata,'' jedhan.
''Biyyi shororkeessituun gocha dambalii shororkeessuutiin waan argadha jettee yaaduu irraa dhorkamuu qabdi.''
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin haleellichis haaloo bahuu dhohiinsa riqicha murteessaa Raashiyaafi Kirimiyaa walitti hidhu irratti guyyaa Sambataa raawwateef jedheerra.
Biyyoonni Lixaa fi michoonni daldaloota Raashiyaa fi Puutin irra yeroo Yukireen weeraree jalqabee duraanuu qoqqobbii hedduu kaa'aniiru.
Kunis baankiiwwan Raashiyaa gurguddoo sirna ergaa faayinaansii idil-addunyaa Swift irraa haquufi namoota daldalaa fi dhunfaa Raashiyaa 1,000 irra dhorkaa ka'uu dabalata.
Ameerikaan ammoo zayitaa fi gaazii Raashiyaarraa galchuu dhaabde. Garuu ammoo Gamtaan Awurooppaa waan fedhii boba'aa isaanii parsantaan 40 Raashiyaarraa ta'eef kana gochuuf ni maman.
Haleellaan miisaa'elaa Wiixata Yukireen irratti Raashiyaan raawwatames erga waraanichi eegalamee as kun isa cimaadha jedhameera.
Baatiiwwan muraasaa asi magaalaa guddoo biyyattii Kiyiv irratti haala kanan xiyyeeffatamee hin beekamu ture.