Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saadiyoo Maanee taphataa cimaa Afriikaa bara kanaa ta'un filatame
Taphataan lammii Seeneegaal Saadiiyoo Maaneen irra deebiin taphataa cimaa Afriikaa bara kanaa jedhamun Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afriikaa (CAF)n filatame.
Maaneen xumura taba waancaa Afriikaa bara kanaatiin biyyi isaa Seneegal Masrii injifachuun yeroo jalqabaatiif waancaa wayita argattutti rukkuttaa addabbiitin goolii lakkoofsisee ture.
Sirni badhaasaa sababii Covid-19n waggoota sadiif harkifatee tures magaalaa guddoo Morookoo, Raabaatitti gaggeefameera.
Naayijeeriyaa irraa bara 2019tti waancaa argattee kan turte Asiidaat Osho'olaan ammas injifannoo gonfattee jirti.
Maaneenis ''badhaasa kana wayitan fudhadhutti gammachuu guddaatu natti dhagahame'' jedheera.
Taphataan cimaan kun badhaasa kana kan argate, deeggaraa garee biyyaalessaa isaa fi gooli eegaa Cheelsii, Eduwaardi Meendii fi kan duraan waayilasaa garee Liivar puul ture Mohaammad Saalaah dursuudhani.
''Lammiilee Seeneegaal nan galateeffadha. Badhaasa kanas dargaggoota biyya kootiif yaadannoo gochuun barbaada,'' jedhe.
Maaneen garee biyyaaleessaa waancaa addunyaatiin qaqabsiisun alatti gareesaa duraanii Liivarpuul waliin waancaawwan lama aragachuun bara dorgommii isaa xumureera.
Badhaasawwan damee dhiirootaatiin turan torba keessaa shan lammiileen Seeneegaal injifachuun olaantummaasaanii mirkanneessaniiru.
Leenjiisaan garee biyyaaleessaa Aliiyyuu Siisee, badhaasa kabaja leenjiisaa bara kanaa argateera. Garichi ammoo garee dhiirootaa addaa bara kanaa jedhameera.
Paappii Saaraan ammoo dargggoo urjii bara kanaa jedhamuun badhaafameera. ''Waancaa kana argachuuf bara dheeraa eegneerra,'' kan jedhan pirezidaantiin Fadereshiniin kubbaa Miilaa Seeneegaal, Awugastiin Seengoor.
Itti dabaluunis, kunis gareewwan hanga ammaattii waancaa hin hin injifanneef fakkeenya gaarii ta'as jedhan.
Sirna badhaasaa sanarrattis taphatoonni bebbekkamoon duraanii kan akka Daani'el Omookaach, Luukaas Raadebee, Jee Jee Okoochaa, al-Haajii Diiyuuf fi Kaaliiluu Faadiigaa fa'i argamaniiru.
Gama Liigii dubartootaatiin ammoo goolii baayyee galchuudhaan Piichiichiin badhaasa kan argattee yoo ta'u, lammiin Naayijeeriyaa Asiisaat Oshooo'olaa ammoo badhaasawwan shan argachuudhaan taphattuu dubartootaa kan jalqabaa taatee jirti.
Osho'olaan badhaasicha kan injifatte, taphattuu Intarmiilaan kan taatee Ajiiraa Nichut fi lammii Zaambiiyaa Girees Chaandaa dursuudhaani.
''Alkan kunis kan koo qofaa osoo hin taane kan riikardiin Afriikaa itti cabeedha. Har'a badhaasa shan argadheera,'' jettee jirti.
''Barri dorgommii 2021-22 anaaf baayyee cimaa ture. Kanneen na maddii dhaabbatan hunda galateeffachuun barbaada'' jette.
Lammiin Afriikaa Kibbaa Diizaayar Eliis waggoota sadiif walitti aansuun leenjiiftuu dubartootaa cimtuu taatee jirti. Isheenis badhaasicha yaadannoo leenjiistoota dubartootaaf taasiftee jirti.