Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidha Haaroomsa Guddicha marsaa sadaffaa bishaaniin guutuun xumuramuun ibsame
Hidhi haaroomsa guddicha Itoophiyaa marsaa sadaffaan bishaaniin guutuun xumuramuun bishaanichi hidhicharraa qaxxaamuree yaa’uu eegaluun ibsame.
Marsaa sadaffaa hidhicha biishaaniin guutuun xumuramu hordofees MM Abiy Ahimad fi Ittaanaan MM Damaqaa Makooniin dabalatee aanga’oonni mootummaa olaanoon bakkicha dowwataniiru.
Waqitiiwwan gannaa lamaan darbaniittis marsaa tokkooffaa fi lammaffaan hidhicha bishaaniin guutuu raawwatamuun isa ani yaadatama.
Isaan booda tarbaaniyiniin jalqabaa onniisaa elektirikaa maddisiisuu hojii eegaluun himamee ture. Guyyaa kaleessaa ammo bakkuma MM Abiyiifi qondaaltoonni mootummaa olaanoon biraa argamaniitti tarbaayinii lammaffaan annisaa elektirikaa oomishuu eegaluunsaa ni yaadatama.
Marsaan sadaffaan hidhicha bishaanii guutuu hidhichaa kan ibsameesi erga kaleessa Haggayya 11, 2022 wayita tarbaayiniin lammaffaan onnisaa maddisiisuun himameen booda ture.
Walumaagalattis hojiin ijaarsa hidhichaa waggoota dhufan lamaa hanga lamaaf wallakkaa jidduuttu ni xumurame jedhamee akka eegamu Hojii gaggeessaan ijaarsa hidhichi Injinar Kiflee Horroo dubbatanii ture.
Wayita ammaa kanattis hojiin ijaarsa siviilii parsantaa 95 xumuramuus haasaa kaleessa sirna eebba tarbaayinichaarratti taasisanii himanii turre. Waliigalattis, ijaarsi hidha haaroomsa guddichaa ammatti parsanataa 83.3 irratti akka argamu Injinar Kiflee Horroo ibsaniiru.
Tarbaayiniin lammaffaan anniisaa maddisiisuu eegaluu
Tarbaayiniin lammaffaan hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa anniisaa elektirikii maddisiisuu eegaluu Muummeen Ministeeraa Abiy Ahimad beeksisan.
Ministeerri Muummee Abiy Ahimad angawoota olaanoo mootummaa waliin bakka Hidha Guddichaatti argamuunHagayya 11, 2022 wayita tarbaayinii lammaafaa hojii jalqabsiisanitti akka jedhaniitti, ''seenaa keessa darbuu carraadha. Garuu seenaa hojjachuun injifannoodhas'' jedhan.
Haaluma kanaanis lammiileen Itoophiyaa ijaarasa hidha kanaa keessatti humnaa, beekumsaa fi maallaqaan gummaachuun ijaarsa isaa sadarkaa kanaan gaha hundaaf carraa qofa osoo hintaane injifannoos waan ta'ef baga gammaddan jedhan.
Adeemsa ijaarsa hidha haaromsa guddichaa kana keessatti lammiilee aarsaa lubbuu kanfalan illeen jiraachu kan kaasan MM Abiy, carraafi injifannoo amma irra gahameen isa caaluuf akka kaka'amu yaadachiisan.
Hidhi Guddicha Itoophiyaa hojii ijaarsaa isaa erga eegalee waggoota kudhanii ol kan lakkoofsise yoo ta’u, ammatti hojiin ijaarsaa garri caalan dhumataa jiraachuu fi tarbaayinii tokkoffaan ji’a Guraandhalaa keessa humna ibsaa maddisiisuu eegaluu beeksisee ture.
Sirna eebbaa kana Muummeen Ministeeraa Abiy Ahmad dabalatee Pirezidaant Sahaalawarqi Zawudeee, fi aangawoonni olaanon argamaniiru.
Tarbaayiniin lammaaffaan guyyaa har’aa anniisaa elektirikii maddisiisuu eegale jedhame kun dandeettii humna ibsaa Meegaa Waatii 270 maddisiisuf qaba jedhame.
Itoophiyaan Hidha Guddicha marsaa 3ffaa bishaan guutufi jechuun Masriin dhimmicha Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti iyyattee turte.
Masiriin xalayaa Mootummoota Gamtoomaniif ergiteen, Itoophiyaan walii galtee irra osoo hin gahin bishaan marsaa 3ffaa guutuu hin qabdu jechuun mormii ishee ibsatte.
Itoophiyaan garuu bishaan guutunis ta’ee hidhicha ijaarun biyyoota yaa’a gadii jiran irratti dhiibbaa homaatuu hin fidu jechuun bishaan guutu fi ijaarsa isaa itti fuftee jirti.
Hidhi Haaromsa Guddichaa baasiin doolaara biiliyoona shanii ol itti baafameefi anniisaa elekitirkaa meegaa waattii kuma shanii ol ni maddisiisa jedhames, Itoophiyaa bira taruun biyyoota naannichaatiifilleen human elektirikii ni
Hidha Haroomsa guddicha
Bu’uurri ijaarsa hidha Haroomsa guddichaa ALI Bitooteessa 24 bara 2003 dhagaan bu’urasaa kan kaa’ame. Eddoonsaas karaa daangaa Itoophiyaan Sudaaniin waldaangeessitu, Naannoo Beenishaan gul Gumuuz Aanaa Gubaa keessatti argama.
Hidhicha ijaaruufis baasii doolaara biiliyoona 4 yon birr biiliyoona 80 ol akka barbaachisu kan himamee yoo ta’u, hojiinn ijaarsa isaan irra jiraan dhaabbata ijaarsaa Xaaliyaanii Saaliinii jedhamuun kan raawwatameedha.
Yeroo hojiin ijaarsaa isaa xumuramuttis hidha guddicha anniisaa Ardii Afriikaa isa guddicha akka ta’e kan himameef hidhi kun, ol ka’iinsa meetira 145 fi dheerina kilo meetira 1.8 qaba jedhameera.
Hidhichi gutummaatti wayita ijaarsi isaa xumuramuttis bishaan kubiik meetirii biiliyoona 74 qabachu akak danda’u himame.
Haaluma kanaanis walitti fufiinsaan hojiin hidhicha bishaaniinnguutuu ALI bara 2012 fi 2013 gannawwan lamatti raawwatamera. Bara kana =ttis marsaa sadaffaan isa ani raawwatama jedhameera.
Hidhi kunis tarbaayinoota anniisaa elektirikaa maddisiisan 13 kan qabu yoo ta’u, tokkoon tokoo tarbaayinichaas annisaa meegaa waattii 375 maddisiisuuf dandeettii akka qabutu himame.
Haaluma karoora kanaatinis Guraandhala 13, 2014 irratti tarbaayiniin inni jalqabaa anniisaa maddisiisuu eegaluunsaa ni yaadatama.
Tarbaayinoonni hundinu wayita hojii annisaa maddisiisuu gutummaan eegalaniittis elektirikiin hidhi guddichi maddisiisuu meegaa waattii 5,150 akka ta’u eegama.