'Mastikaa hin nyaatiin, oduu namaa hin dhaggeeffatiin': Seerota addunyaa adda ta'an

Madda suuraa, Getty Images
Seerri fi heerri bu’ura hundeeffama mootummaa biyya tokkoodha.
Wanti biyya tokko keessatti yakka ta’e biyya biraatti ammoo wanta yaadatamullee ta’uu dhiisuu mala.
Biyyooti addunyaa adda adda keessatti seerota adda ykn ajaa’iboo ta’an muraasa walitti qabnerra.
Tarii kun guyyaa tokko biyyootii kunneenitti yoo imaltan utuu hin beekiin seera cabsuurra of eeguuf isin gargaara.
Singaappoor: Maastikaa hin nyaatin
Maastikaa alanfachuu ykn nyaachuun biyya jirtanitti wanta hubannoo keessa galu ta'uu dhiisu danda'a.
Singaappor keessatti garuu gocha yakka dha. Namni utuu maastikaa gurguruu qabamellee, hidhaa hanga waggaa lama ykn doolara hanga 100,000 adabamuu danda'a. Addabbiin kun nama yeroo jalqabaaf yakka kanaaf himatameefidha, yoo irra deebiin yakka kana raawwatan garuu adabbiin dabalaa deema.
Singaappor kun seera maastikaa dhorku hojiirra kan oolchiste qulqullina biyyashee eeguufidha.
Mastikaan tamboo xuuxuu dhaabuuf fayyaduufi fayyummaa ilkaaniif fayyadu ni eeyyamama kunis ajaja oggeessa fayyaan qofadha.
Ta'us mastikaa kunneen daandirratti ykn bakka qodaa kosiin alatti yoo gatte garuu yakkadha.
Taayilandis dhimma maastikaa gatuu irratti seera wal fakkaataa qabdi.
Taayilaand: Maallaqarra hin ejjetiin
Taayilaandiin yemmuu daawwatan lafa ejjettan ilaalchaa deemuun barbaachisaadha. Sababiin isaa tasa maallaqa lafa kufee jirurra ejjechuun mana hidhaa isin buusu danda’a.
Taayilaand keessatti suuraa maatii mootota Taayiland qabu kamuu arrabsuun akka yakka cimaatti ilaalama.
Nootiin maallaqa biyyatti suuraa mootii biyyatti bulchuu waan qabaatuuf, akka seeraatti irra ejjechuun yakka waan ta’eef hidhaa seenuu dandeessa.
Seerri gocha kana ergu kan waggootii dheeraa dura ba'edha.
Deenmark: Maqaa 'hin eeyyamamne' daa'imaaf hin moggaasiin
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daa'ima dhalate ykn dhalatte tokkoof maqaa moggasuun itti gaafatamummaa maatiin qaban keessa isa guddaadha. Maqaan eenyummaa namaa ni ibsa.
Yeroo hedduu dureessotni, weellistoonni ykn taatonni bekamoo tokko tokko ijoollee isaaniif maqaa 'adda' ta'ee fi namoota hedduurra qeeqni irra ga'u kennuufi.
Fakkeenyaaf, abbaa qabeenyaa Twitter fi dureessa beekama kan ta'e Iloon Mask, ilma isaaf maqaa X Æ A-12 jedhu moggase. X Æ A-12 yeroo waamamu 'eeksi aash ee tiweelve' ta'a.
Iloon utuu lammii Deenmark ta'e maqaa kana ilma isaaf moggasuu waan danda'u miti, sababiin isaa biyyattii keessatti daa'imaaf maqaa moggasuun kan danda'amu abbaa taayitaa maqaa irraa eeyyama argachuun qofadha.
Maqootiin eeyyamaman adda ka'aman gara 7000 ta'an jiru, isaan keessaa filachuun ni danda'ama kanaan achi iyyata dhiyeessuun eeyyama argachuu qaba.
Deenmark keessatti seerri kun kan ba'e ijoolleef maqaan boodarra isaan miidhu danda'u akka hin moggaafamneefiif gochuufidha.
Kanaaf maqaa 'arrabsoo' ykn 'mufachiisa' ykn 'boodarra dhiibbaa uumuu danda'u' moggaasuun hin eeyyamamu.
Maalawii: Bakkeetti hin dhuufin

Madda suuraa, Getty Images
Biyyootii Afrikaa seerota adda ta'aniifii ajaa'iboo ta'an hedduu qabu.
Maalaawii keessatti waaree bakka namni jirutti ykn bakkeetti beekaa dhuufuun yakkadha akka ta'uuf wiixineen bara 2011'tti dhiyaatee ture. Raggaasifamuu fi dhabuun garuu ammatti ifa miti.
Seerii kun nama beekaa ummata jeequuf gocha kana raawwatu ilaallata.
Seerri kun akkamiin hojiirra akka oolchamu danda'u ifa miti.
Singaappoor: Hancufa hin tufiin
Hancufa tufuun gocha uumamaadha ta’us bakka hedduutti safuu qaba. Singaappor keessatti garuu bakka ummatni jirutti hancufa tufuun, yakka haga doolara 1,000’tti itti adabamuu dandeessudha.
Biyyattii keessattii bakkeewwan akka mana shaayii, atoobisii, mana barumsaa, gabaa ykn daandirratti hancufa tufuun seeraan yakka nama adabsiisudha.
Kanaaf yoo gara Singaapporitti imaltan, ‘gorora liqimsuu’ wanti jennu, wanta dulluma ibsuun jennu osoo hin taanee gocha yakka irraa ittiin of eeggannu ta’a jechuudha.
Giriis: Kophee ‘taakkoo’ hin kaawwatiin
Giriik bakkeewwan seena qabeessa daawwatoota hawwatan hedduu qabdi. Bakka kana yemmuu daawwatan garuu kopheen isin kaawwatan isa eeyyamamu ta’uu isaa adda baasuu qabdu.
Bakkeewwan seena qabeessa tokko tokkotti kophee ‘taakkoo’ kaawwachuun seeraan dhorkamaadha, sababiin isaa kopheen akkanaa bakkeewwan kunneen irra miidha geessisuu waan danda’uufidha.
UK: Saanqaa baattee dandiirra hin deemiin

Biriteen, magaalaa Landan keessatti saanqaa baattee dandiirra deemuun dhorkaadha. Kan baachuun siif eeyyamamu konkolaataarra buusaa yoo jirta ta'e qofadha.
Seerri qajeelfama Poolisii Metropolitan kun dhorkii kan kaa'uu saanqaa qofarratti miti, goommaa, masalaalii, jirma mukaa fi wantoota biroos of keessatti qabata.
Seerri kun kan barbaachiseef namootni daandirra deeman akka hin danqamneef gargaaruufidha.
Kanaaf yoo saanqaa ykn goommaa bittatee bakka tokko bakka biraa geessuu feete, konkolaataatti fe'uu qabda malee 'kun salphaadha, baadhee geeffadha' jechuun yakka si adabsiisu ta'u mala.
Kaanadaa: Muka hin yaabiin
Kaanadaa Oshaawa keessatti seeri 'mirga' mukeenii eegu jira.
Magaalaa keessatti mukeen magaalattiin dhaabaman yaabuun seeraan dhorkaadha, yaabuullee qofa miti waa itti maxxansuu ykn fannisuunillee hin eeyyamamu.
Tanzaaniyaa: eeyyama malee meeshaa muuziqaa hin taphatiin
Namootni muuziqaa jaallatan mana keessaa meeshaa muuziqaa akka giitaaraa bitatanii manaa qabaachuu fi taphachuu malu.
Taanzaniyaatti garuu kun waan salphaa miti.
Meeshaa muuziqaa kamuu bitachuufis ta'e taphachuuf eeyyama mootummaa argachuun barbaachisaadha.
Seerri kun kaa'ame jeequmsa sagalee eeguufidha.
Ameerikaa: Oduu namaa hin dhaggeeffatiin
Seerri kun beekaa oduu namaa dhaggeeffachuun eeyyama malee odeeffannoo isaanii argachuuf yemmuu taasifamudha.
Mala adda addaa fayyadamuun, eeyyama malee sarara bilbilaa hatuun ykn dhokatanii dhaggeeffachuunis ta'a.
Seerri kun kan jiru bulchiinsa Oklahoomaa keessadha.
Tasa haasaa nama dhaga'uu miti yakki, yemmuu beekaa itti karoorfamee taasifamudha.
Poorchugaal: Galaana keessatti hin fincaa'iin
Seerri kun akkamiin akka hojiirra oolfamu ifa miti. Ta'us garuu Poortugaal keessatti galaanaa keessatti fincaa'uun yakkadha.
Kunis gochaa 'safuu malee' bakka uummati jirutti raawwachuu waliin wal qabachuu mala.
Seerotni armaan olitti kaa'aman yeroo kamittu kan geeddaramuu danda'anii fi gariin ammo gabaasaalee miidiyaan alatti guutummatti kan ifa hin taasifamne ta'uu malu.
Maddeen: BBC, CBS, CNN, USA Today












