'Halkan nutti seenanii jaarsaafi jaartii gargar baasanii yakka raawwatu'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Baqattoonni Itoophiyaa Somaalilaand magaalaa Arabsiyoo jedhamu keessa jiraatan humnoota nageenyaa biyyattiin dararamaa jiraachuu himatan.

Somaalilaand iddoo lammiileen Itoophiyaa hedduun itti baqatan yoo taatu, erga dhibdeen sababa waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand mudate hammaatee garuu haalli daran geeddaramuu jiraattonni BBCtti himan.

Namoonni BBCn dubbise torban tokkoof humnoota nageenyaa biyyattiin reebamaa jiraachuu himan.

Jiraataan magaalaa Arabsiyoo irraa dubbisne tokko rakkoo mudataa jiru akkanaan ibsu.

''Bakka hojiitii qabanii saamichaa fi reebicha irratti raawwatu. Uleedhaan tumu. Bilbila irraa fuudhanii maallaqa qabu irraa ergatan.''

Yeroo ammaa reebichaan miidhaan irra ga’ee kanneen hospitaala ciisan akka jiranii fi kaan ammoo madaama baatanii dalagaatti akka jiran himan.

''Kan mana yaalaa deemuu dadhabee ciisaa jirus jira. Namni miidhame hedduudha,'' jedhan.

Sababa rakkoo ammaa kana uume jedhan wayita ibsan, waraanni Somaalilaand Itoophiyaa leenjiiif deemee deebi’uudhaan walqabata jedhan.

''Waraanni Somaalilaand leenjiif Itoophiyaa deemee akka ture quba qabna. Leenjii sana dhaqanii dhufanii, Oromootu achitti nu miidhe jechuun asitti miidhaa guddaa nurratti gaggeessaa jiru,'' jedhan.

''Sababa Kanaan kijibaan nama Oromoo addatti miidhaa jiran.''

Rakkoo kana aanga’oota biyyattiitti iyyatanis furuufii akka hin dandeenye himan.

''Dura bu’aan Oromoo magaalaa Arabsiyoo fi aanaallee dhaqee xalayaa galcheera. Bulchaan Aanaas hooggansi magaalaas akka hin dandeenye xalayaa barreessee dura bu’aaf kenne. Akkasitti ofirraa gaggeesse.''

Amman tana waan irra jiran hin beekne, dura bu’aan Oomoo kunis hordofaama jira.

Kanneen miidhaa qaqqabsiisaa jiru jedhan waraana Somaalilaand ta’uus himan jiraataan kun.

''Halkan sa’atii afuritti namatti seenanii jaarsaa fi jaartii gargar baasanii jaartii irraa fudhatu. Isheerratti yakka adddaa raawwatan,'' jedhan.

Akka namni kun jedhanitti rakkoon inuma ture garuu takkaa yakki akkanaa raawwatee hin beeku.

''Nuti amma halkan sa’a takka taanaan gadi ba’uu hin dandeenyu. Sodaa isaaniif jecha jaartii keenya bira agadi hin baanu,'' jechuun sodaa keessa jiraachuu himan.

''Guyyaas yoo ta’e bakka dalagaatti nama reebuutti jiran. Warra ooyiruu dalagu reebaa jiru.''

Jiraataan kun akka jedhanitti sodaarraa kan ka’e nama warra fi ijoollee gara Itoophiyaa ergatetu jira.

''Kan maatiisaa qabatee asii kutellee jira. Rakkoon kun guyyumarraa hammaataa jirti. Kan torban kanaa ammoo akkaan hammaattuudha.''

Jiraattuun kan biraan waggaa 12'f Somaalilaand keessa jiraachuu himtu wayita BBCtti dubbattutti dhokattee akka jirtu ibsite.

''Nama Oromoo ta’e qabanii reebaa Jirani. Mootummaan seeraan nama hin hidhu. Garuu hidhattoonni galgalumaan nama saaman. Guyyaallee yoo si reeban, si saaman uummanni biyya kanaallee sirraa hin baasan,'' jette.

''Yeroo ammaa nami hedduun reebamee jira, kuun baqatee jira, kan ooyiruu keessa dhokatanis jiru. Kaan ammoo mana keessaa gadi hin ba’an.''

Dubartiin kun akka jettutti biyya sana keessatti waraqaa baqattummaa namni hundi hin qabu.

''Namni akkanumaan seenee dalagataa jira. Ijoolleen Oromoo biyya kanatti gara caalu ooyiruu dalagdi.''

Rakkoo kana mootummaatti iyyatanis furmaata akka dhaban himte.

''Rakkoo nu mudataa jiru kanatti mootummaa biyya kanaattillee iyyanneerra. Garuu humna keenyaa oli deebii jedhu nuuf kennan. Muddama akkasii keessa jirra,'' jette.

''Qaamoleen nageenyaa mootummaa wayita nuti ittti himannu nama sana eenyummaasaa, fuulasaa ni beektuu? jedhanii deebisanii nu gaafatu. Gidduutti rakkoo hamtuu keessa jirra.''

''Poolisoota hedduutu nama reebu. Kana hunda fuulasaanii beekuun hin danda’amu. Isaanillee kana waan beekaniif fuula beektaa jedhanii gaafatu,'' jedhe jiraataa biraan.

Qaamoleen jiraattonni himatan kunneen maaliif akka addatti namoota Itoophiyaarraa dhufanirratti xiyyeeffachuun haleelan gaaffiidha.

''Nama Itoophiyaarraa dhufe, keessattuu Oromoo taanaan sirratti xiyyeeffatan. Bilbila namarraa guuranii lakkoofsa iccitii himi jedhanii maallaqa dabarfatu,'' jetti jiraattuun magaalaa Arabsiyoo.

Mana namoota Itoophiyaarraa dhufanii hordofanii seenuun sakatta’aa fi ijoollee shamarranii irratti yakka raawwataa jiru jette.

Namoonni kunneen rakkoo jajjabaa himatu, ammoo rakkoon kun dhiyooma kana hammaachuu himu.

''Duraan magaalaa kana keessa rakkoon hin turre. Magaalaa Hargeessaa keessa ture. Rakkoon magaalaa Hargeessaatti baqattootarra ga’aa ture anallee mudateera. Waraqaan kee gubatte jedhanii bakkan amata 12 keessa ture keessatti na dararaa jiru,'' jechuun rakkoo keessa jirtu ibsite baqattuun Itoophiyaa kun.

''Ammoo magaalaan kun duraan nagaa turte. Mootummaanillee akka magaalaa kanaatti addatti nurratti xiyyeeffatee nu ari’aa hin turre. Rakkoon akkasi torbanuma kana keessa eegale.''

Jiraattonni kunneen rakkoo darbe caalaa kan hammaatu akka as itti deemu sodaatu.

''Waraqaa hin qabnu, biyya kana hayyamaan hin dhufne. Mataa gadi qabanneema bulla jennee dhufne. Mootummaan keenyas quba nu hin qabu. Amma yoo nama waliin walitti buune nama sanillee ofirraa dhorkuu hin dandeenyu. Nagaa nuuf wayya jennee gadi jennee jiraataa jirra.''

Lammiileen Itoophiyaa hedduun gara Somaalilaand baqatanii achi kan jiraatan yoo ta'u hedduun waraqaa eeyyama jireenyaa malee hojjetatanii waggoota dheeraaf jiraataa jiru.

Sababa eeyyama jireenyaa fi haalota adda addaan kanaan dura rakkoon inuma mudata, garuu erga Amajjii darbe Itoophiyaa fi Somaalilaand akkaataa Itoophiyaan ulaa galaanaa irraa fayyadamtu irratti waliigaltee mallatteessan dhibdee haaraan dhalachuu baqattoonni Itoophiyaa himaa turan.

Tibba waliigalteen walhubannoo (MOU) mallattaa'u sana Somaalilaand beekamtii biyyummaa argatti jedhamuun guddoo odeeffamaa ture.

Kanarraa kan ka'e magaalota Somaalilaand keessa miira gammachuu guddaatu ture. Ammoo lammiileen Itoophiyaa Somaalilaand jiraatan daafoo kanaan miidhamuu akka eegalan ibsaa jiru.

Erga waliigaltee sanaatii hariiroon mootummaa Itoophiyaa fi Somaalilaand cimeera, garuu Somaaliyaa waliin ammoo dhibdeen uumameera.

Muddamni sababa kanaan Gaanfa Afrikaatti mudate biyyoota naannawa kana jiranirra darbee fageenyarraallee biyyoota adda addaa hirmaachisee yaaddoo uumeera.