Dubartiin abbaa warraashee tapha ilaaluuf mana hiriyaasaa deeme 'nagaa dhowwite' adabamte

Jowaan fi Isriiv Heelii

Madda suuraa, CAVENDISH PRESS

Maxxanfame

Abbaan warraa ishee hiriyyoota isaa waliin kubbaa miilaa ilaaluuf yeroo deemetti dubartiin irra deddebiin isatti bilbilte arrabsitee salphisuun himatamte.

Jowaan Heelii, umurii ganna 59, abbaan warraa ishee Istiiv, umurii ganna 60 utuu tapha Chelsii fi Maanchister Yunaayitid TV irratti ilaalaa jiru, eessa akka inni jiru baruu barbaadde.

Dhuma irratti yeroo inni bilbila ishee kaasuu didu, Jowaan hiriyyoota isaatti bilbiluun isin ‘peadophile’ (ga’eessota daa’imman waliin saal qunnamtii gochuu fedhan) jechuun arrabsite.

Mana murti biyya Ingiliiz, Wiraalitti, Jowaan himata arrabsoofi nama salphisuu jedhuun irratti dhiyaateen yakkamtuu ta’uu ishee amanteetti.

Yakka kanaan walqabatee tajaajila hawaasaa ji’ootaa 12 fi adabbii maallaqaa paawondii 80 adabamteetti.

Dabalataan Jowaan, guyyaa 20’f tajaajila sirreessaa waliin leenjii guyyaa 20 akka fudhatuufii baasii isaa paawondii 234 akka kaffaltuuf ajajamteetti.

Onkololeessa baraa darbeetti manni murti akka dhaga’etti, Istiiv hiriyyoota isaa lama Joon fi Debii Ashwoorz waliin tapha kubbaa miilaa ilaaluuf ba’e.

Tapha kana guyyootii muraasa dura Jowaan Aadde Deebii waliin waldhabdee, ergaa barreeffamaa, miidiyaa hawaasummaa fi bilbilaan akka ishee arrabsaa turte manni murti dhaga’eera.

Yeroo tokkotti Jowaan saa’atii lama keessatti si’a 59 akka mana jireenya Aadde Deebitti bilbilte himameera.

Aadde Deebiin akka poolisitti himtetti, “Natti hin bilbiliin jedhe itti himeera garuu isheen tuffattee bilbiluu itti fufte.

“Keessumaa, Onkololeessa 22 bara darbe irratti Jowaan irra daddebiin bilbilaa turte. Ana, abbaa manaakoo Joon, ilmakoo fi abbaa manashee Istiiv waliin mana turre. Hundi keenya TV irratti tapha kubbaa miilaa ilaalaa turre.”

Bilbilli Istiiv irra daddeebiin akka kaasee itti himaa tureefi kan bilbilaa ture hadha warraa isaa akka turte, akkasumas irra daddebiin saree keenya fidiiti manatti deebi’i jechaani akka turte himtetti.

Isteev tole akka jedheeni ture Deebiin himteetti. “Garuu bilbilbila isaa kaasuu dhaabee jennaan bilbila manaa kootti bilbiluu eegalte.”

‘Arrabsoo, iyyaa fi nama salphisuu’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deebiin irra daddeebiin akka bilbiluu dhaabduun Jowaanitti himtus deebiin ishee garuu, “arrabsoo, iyaa fi nama salphisuu ture miira machii” ture jetti.

“Abbamanaa ishee Istiiv waliin hariiroo jaalalaa qabda jettee na himatte – kun ammoo wanuma hin taanedha,” jetti.

“Dhuma irratti, iyyashee dhaggeefachuurra bilbila bannee keenye sagalee TV ol kaafne.”

Dhuma irratti Deebiin poolisii qunnamtee Jowaan to’annoo jala oolfamte.

Jowaan kana dura yakkaan himatamtee waan hin beekneef, abukaatoon ishee, Rebekaa Bosweel: “ Jireenya ishee guutuu utuu mana murtiitti hin dhiyaatiin dabarsiteetti. Asitti of arguuf yaaddetti jedhee hin yaadu,’ jechuun mana murtiitti himteetti.

Haadhi murti, Meerii Garvii yeroo murtee kenninutti Jowaaniin akkas jettetti: “ Har’a mana murtiitti argamuunkee nama gaddisiisa. Bilbilli ati bilbiltee kan irra daddebii fi itti fufiinsaan taasifamedha ta’us, kun waan ji’a saddeet dura ta’ee fi sana booda irra dabi’ee hin raawwatamne waan ta’eef ajaja ittisaa sirra hin keenyu.

“Garuu kun siif akeekkachisaa fi barnootadha, nutis irra deebiin mana murti kanatti si arguu hin feenu.”