Ijoolleen dhalachuun akkamiin gaa'ilaa fi hariiroo jaalalleewwanii jijjiira?

Madda suuraa, Getty Images
Hooliin haadha yeroo taatu wanti baayyeen akka jijjiiramu ni beekti. Altiraasaawundiidhaan ilmooleen ji'a lamaa lama garaa ishee keessa akka jiran gaafa bartu ammoo jijjiiramichi ittuu guddaa akka ta'u barte.
Wanti isheen itti hin qophoofne garuu dhufaatiin daa'immanii hariiroo isheen jaalallee ishee waggoota shanii waliin qabdu irratti dhiibbaa hammamii akka qabaatudha.
Ijoolleen isaanii lakkuun erga dhalatanii osoo hedduu hin turiin dubbiin isaanii walitti jabaachuu eegale.
Hanga gargar bahuuttuu yaada dhiyeessan.
Biyya Kaanadaa kan jiraattu Hooliin sababni ijoon hirmaannaa hojiiti jetti.
Jaalalleen ishee hojii mana keessaa gara caalu kan akka qulqulleessuu, huccuu miicuu, nyaata bilcheessuu ni dalaga.
Isheen ammoo guddisuma ijoolleerrattuu deeggarsa isaa dabalataan barbaaddi.
Hooliin akka tasaa ta'ee waldhaansa baqaqsanii waldhaanuun deesse, 'qaamni koo walitti hin turre. Ijoollee lama takkaatti 24/7 soora, hirribni hin jiru. Yoo isaan keessaa tokko boohe oh si barbaadan naan jedha, dhaqee ofii sossobuurra. Isa irratti aariin irraa qaba,'' jette.
Maatii baayyeen hanga nuti yaadnuun ol yaada Hoolii ni qooddatu.
Qorannoolee hedduun hariiroon jaalalleewwanii baayyeen daa'imman erga dhalatanii booda akka geeddaraman ni agarsiisu.
Qorannoon bara 2021 Yunivarsiitii oof Boorn akka jedhutti jaalalleewwan gammachuun hariiroo isaaniirraa qaban yeroo yerootti jijjiiramaa jedhee, waggoota jalqabaa waliin jiraachuu eegalan 10 keessatti garuu daa'imni dhufus dhufuu baatus ni xiqqaata jedha.
Haata'iyyuu malee jaalallewwan ijoollee hin qabnerra kanneen ijoollee qaban keessatti hariiroon isaanii akkaan gadi bu'aa jedha.
Jaalalleewwan hanguma ijoollee baayyee qaban gammachuun isaanii xiqqaachaa adeema jedha.
Haadholiin daa'imman xixiqqoo qaban ammoo hunda caala gammachuun isaanii xiqqaa ta'uu ibsa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hariiroo jaalalleewwanii miidhuuf dhalachuun ijoollee sababa isa takkittii mitii jetti Kaalifoorniyaatti gorsituu dhimma maatii kan taate Isteesii Shareel.
Dhufaatii ijoollee dura, jaalalleewwan dhimmoota hedduu irratti hin haasa'amneef yeroo ni qabaatu, garuu ammoo yeroo daa'imni itti dabalamu baayyee ulfaata jetti.
Maatii hedduun gorsa ogummaa laattuuf kanneen daa'ima argachuu booda hariiroon isaanii qorame akka ta'e dubbatti.
Itti dabaluunis hariiroon qunnamtii saalaa keessan gaarii mitii? ijoolle wajjinimmo ittiyyuu gaarii ta'uu dhiisuu mala'' jetti.
Amalli dhufaatii ijoollee dura xiqquma nama mufachiisu, ijoolleen yeroo dhufan dubbii guddaa ta'a.
Fakkeenyaaf abbaan warraa nama viidiyoo geem taphatu yoo ta'a, dhufaatii ijoollee dura sun rakkoo hin ta'u. Jaalalleen isaa akka waan itti bohaaru qofaatti ilaaltee bira darbuu dandeessi. Erga daa'imni dhufee garuu abbaan warraa viidiyoo geem taphachuu itti fufuu jechuun haati guddisatti kophaa ta'aa jirti waan jedhu agarsiisuu danda'a.
Gaa'ila keessatti walitti bu'iinsi kan mudatu warra duraanuu hariiroon isaanii rakkoo godhachaa jiru qofa miti- kanneen hariiroon isaanii akka sibiilaa jabaate jedhamus ni mudata.
''Addunyaarratti hariiroo miidhagaa fi jabaa jedhamu qabdu haa jennu. Ta'ullee wantoota yeroo maatii taatan hammaachaa deeman irratti walhubannaafi mariin jirachuu qaba''jetti Shareel.
Landan kan jiraatu Andiin innii fi haati warraa isaa ga'illi isaanii bu'uura jaalalaa cimaa jedhamu irratti hundaa'us, ijoolleen isaanii lamaan erga dhalatanii booda miirri walirratti aaruu akka dhufe hima.
''Gaafatamni isaa baayyeedha, wanti sirraa eegamu guddaadha, anatti humna aol natti ta'e. Booda dhadhabee guyyaa baayyee yeroon boohun of arga, cinqaa fi dhiibbaan natti baayyatee'' jedha Andiin. Sababa kanaatti haadha warraa isaatiin waldhabuufi walitti aaruun akka dabale hime.
''Hamma ijoollee qabaattutti akkamiin eenyummaan kee akka jijjiiramu hin beektu' jetti Shareel. ''Tasa wantan dura itti hin dhiphanneef dhiphachuu eegalta. Jaalalleen kee nama kan biraa taate siin jechuu dandeessi ykn dana'a.
Kana keessatti wanti biraan dagatamuu hin qabne dhimma fayyaa sammuu dahumsaan walqabatee mudatuudha. Fakkeenyaaf gom'uun dahumsa boodaa(postnatal depression ) dubartoota dahan afur keessaa tokko irratti, abbootii warraa ammoo 10 keessaa tokko irratti ni mul'ata.

Madda suuraa, Getty Images
US Varjiiniyaa kan jiraattu Eriin dubartii wantoota hedduu hojjechuun miira ishee eeggattu turte. Kanneen keessaa inni tokko ammoo shaakala qaamaa gochuudha. Yeroo garaatti baachaa turtellee shaakalchiisaa qacartee hojjechaa turte. Ilmi ishee erga dhalatee booda garuu yeroo fi bilisummaan ofiifi eeggannoo gootu hunduu ni bade.
Dahumsa booda miira gammachuu dhabuu guddaa keessa galte. ''Wanta isa kamuu jalachuu hin dandeenye. Jireenya koo isa duraaniin yaduu jalqabee. Achiis wantan dhabeen hubadhe'' jetti.
Rakkoon dhalachuu daa'imaa booda gammachuu dhabuufi jireenyi qormaataan guutamuun kun hangamiyyuu gaa'ila namoota baayyee keessatti mul'atu, maati baayyeen gargaarsa gaafachuu dhiisiitii waayee dhimma kanaa ifatti dubbachuunuu hin baratamne.
Ameerikaa Niiwyoork keessatti gaazexessituu kan taate Jancee Dunn kitaaba How Not to Hate Your Husband After Having Kids jedhu barreesiteetti.
Mucaa godhachuu isaaniin dura isheef abbaan warraa ishee wanta erga daa'ima argatanii booda isaan mudatu dursanii haasa'aniiru osoo ta'ee hawwiti.
Gaa'illi isaanii mucaa godhachuun duras waggaa10 tureera. Gaa'ila gammachuun guute waan tureef maatii horachuutti kan seenan rakkoon akka isaan hin qunnamne amanuun ture.
''Erga daa'imni dhalatee booda sunaamii fedha hin dhugoomne, dadhabbiifi walirratti aruutu nu mudate'' jetti.
Dunn gara jalqabaa haala gaa'ila isheetii hiriyyaattuu himuun ishee rakkisa ture. ''Qaanii guddaatu natti dhagaahama ture. Namni kaan hundi ana caala gaa'ila isaa akka gaaritti qabachaa jira yaada jedhutu natti dhagahama ture''jetti.
Takkaa Kitaaba ishee barreessuufi qorannoo gaggeessuu erga eegaltee booda garuu, dubbiin akka yaaddu akka hin tane hubatte. Namoota gaa'ilaan waliin jiran keessaa dhibbeentaan 95 daa'ima erga horatanii booda rakkoon hariiroo isaanii mudachuu himuu dubbatti. Namootni kun rakko akkasii keessa kan darbaa jiru isaanuma qofa akka ta'anitti yaadu jetti.
Namoota gabaasa kana keessatti yaada kennan keessaa gaarii gorsa ogeessaa fi waliin dubbiin rakkoo kana furuuf akka gargaaru dubbatu.












