Ameerikaan yaaliin misaa'eel Chaayinaa yaaddeessaadha jette

Maxxanfame

Jeneraalli waraanaa olaanaan Ameerikaa yaaliin misaa'ela 'Hypersonik' jedhamu Chaayinaan taasifte taatee 'Sputnik' yookan saatalaayitoota aartifishaalii Sooviyeet Onkololeessa 4, bara 1957 yeroo jalqabaaf Orbiitii irra qubate waliin kan walitti dhihaatudha jechuun ibsan.

Mark Milley gaaffiifi deebii Bloomberg waliin taasisaniin ' waraanni Chaayinaa saffisaan bal'achaa jira' jechuun ibsan.

Fayinaanshiyal Tayims akka gabaasetti ammoo, yaaliin Chaayinaan taasifte kun waraana Ameerikaa hedduu rifaasise.

Chaayinaan garuu yaalii taasifte jedhamtu kana haaluun xiyyaarota nam-maleessa gara hawaatti ergamanidha jetti.

Qondaalli Waraanaa Ameerikaa Jeneraal Milley garuu, "wanti argine yaalii meeshaa waraanaa cimaa 'hypersonik'ti. Kun baayyee waan nama yaaddessudha.

Hammam akka taatee 'Isputnikiin' akka walfakkaatu hin beeku garuu isumatti dhihaata. Xiyyeeffannaa jabaa waan qabudha," jechuun Bloombertti dubbatan.

Yaadni qondaala waraanaa kanaa yaaad jalqabaa gama Ameerikaatii dhimma yaalii misaa'elaa Chaayina irratti kenname yoo ta'u, Chaayinaan yaalii Misaa'elaa lama akka taasiftetti himu.

Gabaasaleen akka mul'isanitti ammoo meeshaan waraanaa Chaayinaan tibbana yaalte kuni Meeshaalee Nukilaraan guutamaniifi dandeettii humna qilleensaa Ameerikaa haleeluu akka danda'utti ibsame.

Bara 1957 Sooviyeet 'Spuutnik' dhukaasuun Ameerikaa naasuu hamaa keessa kan naqxee ture yoo ta'u teekinilojiidhaan gara fuuladuraatti tarkaanfatteetti jedhameefiis ture.

Gochi Sooviyeet kun pirezedaantii Ameerikaa yerosii John F Kennedy xiiqii keessa galchuun Ameerikaan nama Addeessa irra qubachiifti jechuun waadaa galanii yeroo waggaa kudhan hin guunne keessatti milkeessan.

Dubbi Himaan Pentaagon John Kirby, Roobii darbe yaada Generaalichaa irratti deebii kennaniin "Kuni teeknolojii nuwajjin walqabatu miti.waa'ee kanaa sekendiidhaafuu waan nuti yaannee hin beekne" jedhan.

Itti dabaluunis Ameerikaan humna waraanaa ishee cimsachaa dandeettii teeknolojii waraanaa ishees gara misaa'eloota Hayipersonikiitti ammayyeefachaa jirti jedhan.

Misaa'eloonni Hayipersoonikii kuni saffisa saffisa sagalee dachaa shaniin caalu kan qabanidha.

Kana maleesa misaa'eloota idileen jiran caalaa samiirratti gaggaragaluu kan danda'anii fi carraa humna qilleensaatiin haleelamuu gadi aanaa ta'es qabu.

Torbee darbe Ameeerikaan Wiirtuu Nasa Kan Virginiyaatti argamurraa Misaa'eloota kana lama yaaliidhaaf dhukaastee ture.

Yaaliin kuni "Guddina irra jirru quba qabaadhaa" ergaa jedhu kan qabudha jedhan qondaalli Ameerikaa kuni.

Gen Milley akkas jechuunis waraana Chaayinaa akeekkachiisan "waraanni Chaayinaa warra lafoon lolaa turee fi baayyina qabu akkasumas hanga naannoo bara 1979 tti ture irraa amma hidhannoo hunda kan qabuu fi fedhii Addunyaa hunda gahuu qabaachuurra gaheera" jedhan.

Pirezedaantiin Ameerikaa Joyi Baayiden, hariiroo Ameerikaa fi chaayinaa kana "dorgommii istiraateejikiiti" jechuun ibsan.

Qondaalli waraanaa Ameerikaa amma dhimma misaa'ela Chaayinaa irratti yaada kennan kuni ji'a darbe keessa gita isaanii Chaayinaatiin 'Ameerikaan Nukilara hin dhukaastu' jechuun jechuun erga mirkaneessaniifii hojii isaanii akka gadhiisan gaafatamanii ture.

Haa ta'uutii qodaalichi yaadni yeros kennan ' qaama hojii fi dirqama kiyya keessatti hammatamedha' jechuun deebii kennan.