Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan obbolaan lammii US waggaa sadii booda akka biyyatti deebi’an eeyyamte
Obbolaan lammii Ameerikaa lama waggoota sadiif akka Chaayinaa keessaa hin baaneef dhorkamanii turan, akka biyyatti deebi’aniif eyyamameef.
Sintiyaa fi Viktar Liwuu, harmee isaanii waliin yeroo Chaayinaa daawwatanitti “yakka diinagdee” rawwattaniittu jedhamuun himatamanii ture.
Obbolaan kun akka jedhanitti anga’onni Chaayinaa kan isaan dhorkan abbaan isaanii gara achitti akka deebi’u godhanii himata yakka gowwomsaa irratti banuufi.
Murtoon isaanii kun hoggantuun dhaabbata Teeknoolojii Chaayinaa kan tahe Huawei - Meeng Wanzhuu fi lammiilee Kaanaadaa lama gadhifamuu isaani waliin walirra bu’a.
Kanaan dura qeeqxonni, Chaayinaan lammilee nagaa dhimma siyaasaaf akka “dippilomaasii hidhamtootatti” fayyadamti jechuun qeeqaniiru. Chaayinaan himata akkana yeroo hunda haalti.
Gaafa Wiixataa seenaatarootni US Edwaard Markii fi Elizabeet Waaren ibsa baasaniin, Sintiyaa fi Viiktor Liwuu “waggoota cimoo sadiif Chaayinaa keessatti anga’oota Chaayinaan akka mi’a kiyyeeffannaatti itti fayyadamanii gara manaatti deebi’aniiru,” jedhan.
Dabalataanis harmeen isaanii Saandiraa Haanis lammii US yoo taatu, “Chaayinaa keessatti to’annoo jala olteetti.” Seneetarootni kunneen akka isheen gadhiifamtuuf mootummaa US waliin hojjachaa turre jedhu.
Bara 2018tti, sadan isaanii firoota dubbisuuf gara Chaayinaa imalani. Yeroo sanatti Sintiyaan, ganna 27, gorsituu taatee hojjachaa kan turte yoo ta’u Viiktor, ganna 19 barataa yunivarsitii ture.
Guyyaa muraasa booda qondaaltonni Chaayinaa harmee isaani to’annoo jala oolchanii gara mana hidhaa dhoksaa “black jail” jedhamutti akka ishee geessan ijoolleen ishee nii himu. Isaanis ammoo Chaayinaa keessaa ba’uu akka hin dandeenye itti himame.
Yeroo sanatti ministirri haajaa alaa Chaayinaa dhorkiin kun kan taasifame sadan isaanii ragaa lammilee Chaayinaa ta’uu isaani waan qabanii fi “yakka diinagdee raawwachuun waan shakkamaniifi,” jedhaniiru.
Obbolaan kun garuu gaazexaa The New York Times’tti akka himanitti, anga’oonni Chaayinaa kana kan godhan abbaa isaanii hogganaa baankii mootummaa ture, gara biyyatti akka deebi’u gochuun, himata yakka gowwomsaa irratti banuu waan barbaadaniifi, ta’us garuu abbaan isaani maatii isaanirraa bara 2012tti gargar ba’eera.
Akka miidiyaan biyyattii China Daily gabaaseetti, abbaan isaanii Liwuu Changming yakkamtoota shororkeessummaan himataman ijoo 100 barbaadamaa jiran keessaa isa tokkodha. Bara 2007tti Chaayinaa keessaa baqatee ba’e.
Harmeen isaanii Haan ammoo, daldaltuu ijaarsa manneeniin doolara miiliyoona hedduu buufattedha.