Kitaaba waa'ee afaan, aadaa fi qubsuma uummata Mursii birrii miliyoona 13 fixe

Uummata Mursii
Ibsa waa'ee suuraa, Uummatni Mursii lakkoofsaan 7,500 hanga 10,000 ta'u
Maxxanfame

Godinni Kibba Oomoo kan naannoo Saboota, Sab-lammootaa fi Uummatoota Kibbaa keessatti argamu aanaalee saddeeti fi bulchiinsa magaalaa tokko of jalaa qaba.

Magaalaa guddoo naannoo Uummatoota Kibbaa Hawaasaa irraa kiiloomeetira 600, Finfinnee irraa ammoo kiiloomeetira 800 fagaate argama.

Godina kana keessa sabaa fi sab-lammoota 16 ta'antu jiraata. Isaan keessaa tokko Mursiidha.

Tibbana kitaabni waa'ee afaan, aadaa fi seenaa uummata Mursii akkasumas qubsuma isaanii irratti barraa'e maxxanfamee jira.

Kitaabni mata-duree 'A Grammar of Mursi' jedhuun maxxanfame, barsiisaa Yuunivarsiitii Jiinkaa Dr Fireewu Girmaa jedhamaniin barraa'e.

Fuula 684, boqonnaa 14 kan qabu kitaabichi qopheessuuf ganna 5 fi birrii miliyoona 13 fixuu barreessaan kitaabichaa BBC'tti himaniiru.

Waraqaa qorannoo PhD kan ture kitaabichi qorannoof waggoota afur, gara kitaabaatti jijjiiruuf ammoo waggaa dabalataa 1 fudhate jedhu.

Kitaabichi boqonnaan jalqabaa seenaa, jiruufi jireenya, bulchiinsa aadaa fi falaasama uummata Mursii irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u boqonnaawwan hafan seer-luga afaan Mursii irratti xiyyeeffata.

Kitaabichi uummata Mursiif "kitaaba qofa osoo hin taane hambaadha"kan jedhan Dr Fireewu, sirna barreeffamaa afaan Mursii tolchuuf, barnoota idilee afaan Mursiin eegalchiisuuf akkasumas galmee jechootaa afaanichaa qopheessuuf bu'uura ta'uu akka danda'u dubbatu.

Keessaahuu ogeeyyii barnootaa, barreessitoota seenaa, turiistotaa fi barattootaaf faayidaa guddaa akka qabaatus dubbatu.

Kitaabichi afaan Ingiliziin kan barraa'e yoo ta'u, dhaabbata maxxansaa biyya Neezarlaandis Biriil jedhamuun maxxanfamee, gatiin kitaaba tokkoo doolaara 139n gabaaf dhiyaateera.

'Afaan Mursii afaanota kaan irraa waan adda isa godhu qaba'

Qorataa afaanii kan ta'an Dr Fireewu Girmaa yuunivarsiitiiwwan Finfinnee fi Dirree Dhawaa barsiisaniiru. Ammatti yuunivarsiitii Jiinkaatti qorataadha.

Warri Mursii maqaa ofii moggaasaniif Oolii Chaagii jedhanii waamuun. Maqichi wayita qorannoo digirii sadaffaaf uummata Mursii waliin jiraata turan akka mogga'eef himu.

Yuunivarsiitii Jems Kuukitti wayita digirii sadaffaa baratan qorannoo isaanii uummata bosona Amaazoon keessa jiraatan akkasumas uummata bicuu Paappawaa Niwu Giinii keessa jiraatan iratti akka qorannoo hojjetan gaafamanii turanis didanii gara Kibba Oomoo qajeeluu himu Dr Fireewu.

Uummata Mursii
Ibsa waa'ee suuraa, Guutummaan guutuutti sadarkaa jedhamuun warri Mursii horsiisee bultoota

Godina Kibba Oomoo keessatti afaanoti maatii afaanotaa gurguddoo sadan, Kuush, Niiloo Sahaaraa fi Omotiik akka dubbataman himu qorataan kun.

Afaan warra Mursii maatii afaanotaa Niiloo Sahaaraa keessatti ramadama.

Afaanichi addunyaarratti afaanoti muraasni kan qaban amala addaa qaba jedhu Dr Fireewu.

Afaanicha wantoota adda godhan keessaa sagaleewwanii fi sirna sagaleessuu wal-xaxaa ta'e qabaachuu, akkasumas akkaataa ijaarsa jechoota wal-xaxaa ta'e qabaachuu eeru.

Laafa xiqqaa irratti uummatni afaanota 16 dubbatu wal-makee jiraachuun isaa sababa afaanichi amaloota addaa akka qabaatu godhan keessaa ta'uu himu Dr Fireewu.

Gabatee qubee Afaan Mursii fooyyessuu

Mursii mana marnootaa Afaan Mursiitiin barsiisu tokko qofatu jira jedhu Dr Fireewu. Manni baruumsaa kunis 1-4 qofa kan barsiisu yoo ta'u, ijoolleen Mursii afaan dhalootaa isaanitiin kan baratan gosa barnoota murtaa'e qofa.

Hanga bara 1989 afaan Mursii afaan barreeffamaa hin taane ture. Bara 1989 gareen misiyoonii SIM jedhaman gabatee qubee Gi'izii fayyadamuun afaanichi afaan barreeffamaa akka ta'u taasisan.

Bara 2005 ogeeyyiin afaanii gabatee qubee laatinii afaan Mursiif qopheessuun afaanichi sirna barreeffamaa akka qabaatu taasisan.

Ammaan kanas barattoonni kanumaan kan barachaa jiran yoo ta'u, gabateen qubee kun fooyya'iinsa akka barbaadu qorataan kun ni himu.

Qubeewwan jiran sagaleewwan afaanichaa akka bakka bu'a gochuuf qorannoon saayinsawaa akka barbaachisu kan dubbatan Dr Fireewu, "kuni garuu murtoo siyaasaa gaafata" jedhu.

Waa'ee uummata Mursii hagam beektu?

Akka ragaan abbaa taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa jedhutti uummatni Mursii lakkoofsaan 7,500 yoo ta'an, Dr Fireewu garuu 10,000 jedhu.

Uummati Mursii uummata Kaaboodii, Nyaangaatoom, Arii, Hamar, Diimee fi Baacaa waliin ollaadha.

Lafti isaan irra qubatanii jiraatan lageen Oomoo fi Maagoo jedhamaniin marfamee jira. Paarkiin biyyaalessaa Oomoo fi Maagoos naannawa isaaniitti argama.

Guutummaan guutuutti sadarkaa jedhamuun warri Mursii horsiisee bultoota.

Lafa Uummata Mursii
Ibsa waa'ee suuraa, Lafti Mursiin irra qubatanii jiraatan lageen Oomoo fi Maagoo jedhamaniin marfamee jira

Uummati Mursii aadaa hidhii isaanii jaji'anii faaya jidduu galchuun akkasumas wal-aansoo doongaa jedhamuun beekamu.

Dubartoonni Mursii hidhii isaanii jaji'anii meeshaa faayaa supheerraa hojjetame jidduu galchuu fi dhiisuun murtee dhuunfaa isaaniiti.

Shamarri kana gochuu hin feene yoo jiraatte namni ishii dirqisiisu hin jiru.

Doongaa jechuun ulee jechuu yoo ta'u, dargaggoonni Mursii lama jidduutti falmii uleen godhamus Doongaa jedhuun.

Baay'ee hin beekamu malee shamarran Mursiis jabina isaanii kan ittiin sakatta'an wal'aansoo 'Ulaa' jedhamu qabu.

Lamaanuu waggaatti al tokko ganda Mursii keessatti dorgommii godhamudha. Dargaggoonni uleen, shamarran ammoo gumee harkaa isaaniin falmatu.

Bara 1896 ji'oogiraafaroonni fi antirooppolojistoonni Awurooppaa irraa ka'anii laga Oomoo hordofuun hanga Turkaanaa fi Somaaliyaa imalan akka barreessanitti warri Mursii ka'uumsi isaanii bakka Maajii jedhamu akka ta'e Dr Fireewu ni himu.

Akkaataan qubsuma isaanii akkuma macaafa qulqulluu keessatti Museen warra Israa'eel galaana diimaa hiree ceesise, gootni Mursii Kaawuloo Horoo jedhamu laga Oomoo adda kutee akka isaan ceesise himatu.

Warri Mursii qubsuma amma qabatan qabachuun dura yeroo sadii godaanuu himu Dr Fireewu. Godaansi inni duraa waggoota 100-200 dura akka ture himu.

Uummatni Mursii sirna bulchiinsa aadaa mataa ofii qaba. Kunis hogganoota bakka gara garaa qubatanii fi itti gaafatama adda addaa qaban, akkasumas gosa adda addaarraa ta'an afur qaba uummatichi.

Hogganni waliigalaa uummatichi heddumminaan kan keessa jiraatu magaalaa Maakii jedhamtu qubatee jira.

Hogganoonni afran itti gaafatama abjuu hiiku, sirna aadaa taaliigu, eebbisu, roobni yoo badu kadhatuu fi uummata Mursii fi loowwan isaaniif kadhachuu akkasumas eebbisuu qooddatu.

Cidhi sirna murteessaa uummaticha yoo ta'u, kan fuudhu nama loon kennaan kennuu danda'u qofa. Dargaggeessi fuudha kajeele tokko, warra intalaaf loon 37 kennaa keennuu qaba jedhu Dr Fireewu.