Harmeen da'aimman hedduu Aadde Abbabach Goobanaa du'aan boqotan

Madda suuraa, AGOHELMA
Harmeen Itoophiyaatti wiirtuu daa'imman maatii hinqabne yeroo duraaf hundeessaniiru jedhaman Aadde Abbabach Goobanaa guyyaa har'aa du'aan boqochuun isaanii dhagahame.
Aadde Abbaabach baatii tokko dura koronaavaayirasiidhaan qabamanii hospitaala Phaawuloos seenanii turan.
Ergasii yaala argataa akka jiraniifi itti wayyaa'aa akka jiru gabaafamee ture.
Har'a ganama dhaabbanni isaan hundeessan akka beeksisetti 'harmee kumaatamootaa' jedhamuun kan beekaman Aadde Abbaabach ganama kana du'aan boqotaniiru.
''Laphee nama cabsa. Harmeen dinqii ardii keenyaa, Maazar Terezaan Afrikaa, Dr Abbabach Goobanaa kana kana du'aan boqotaniiru,'' jechuun dhaabbanni AGOHELMA beeksiseera.
BBC'n qondaala dhaabbaticharraa akka mirkaneessetti harmeen kuni ganama kana lubbuun isaanii darbeera.
Ammatti owwaalchi isaanii yoomiifi eessatti akka raawwatu wanti ibsame hin jiru.
Aadde Ababach hojii daa'ima giddusuu kan eegalan xabalaaf gara Kaaba Itoophiyaa imalanii yoo deebi'an hongee yeroos tureen mucaa haati jalaa duutee harma hootu erga arganii boodadha.
Ofii isaanii gaa'ila ijoollumaa baqachuun manaa kan baqatanii turan harmeen kuni daa'ima guddisuuf jecha qabeenya isaanii dhabuurra kan darbe bultii isaanii diiguuf dirqamuullee seenaan isaanii ni ibsa.
Kana dura Yunivarsiitiin Jimmaa hojii isaaniif beekkamtii kennuun badhaasa Dr kabajaa kenneefiira.

Aadde Abbabach Goobanaa eenyu?
Abbabach Goobanaa Godina Shawaa Kaabaa naannoo Salaalee bakka Shabal jedhamtutti bara ALA 1935 kan dhalatan oggaa tahu, abbaan isaanii waraana yeroo Xaaliyaaniin ajjeefamuu himama.
Akka seenaan jireenyaasaanii agarsiisutti maatiin ijoollummaasaanii ganna 10tti fedhii malee erga heerumsiisanii booda, gaa'ela dhiisuun gara magaalaa Finfinneetti baqatan.
Haati ijoolleesaanii hedduun maqaa masoo 'Iddaayyee' jedhamuun waamaman kun, hojiin har'a akkaan maqaa itti horatan kun kan madde amantaa isaaniirraati jedhama.

Madda suuraa, AGOHELMA
ALA baroota 1980'ta keessa biyya Itoophiyaatti hongeen hammaatee, keessattuu naannoo Wallootti wayita namni hedduun beelaan wayita dhumaa turetti, haati kun bataskaana Gishan Maariyaam jedhamutti kadhannaaf imalan.
Wayita achii deebi'anittis daa'ima haalaan miidhamteefi haadha duute cinaa turte arguun bira darbuu hin dandeenye - kaasanii dhoksaan baatanii gara manaa fidan.
Boodarras daa'ima tokko biraa itti ida'uun, maatiin Abbabach akkasiin guddachuun, waggaa tokko keessa daa'imman 21 gahan.
Hojiin akkasiin eegalame kun barkurnee afuriif itti fufuun, daa'immaniifi qaamolee hawaasaa saaxilamoodha jedhaman kumaatama hedduuf qarqaarsa gochuu AGOHELMA'n ni ibsa.
Dhaabni isaan wayita sanatti hundeessan Itoophiyaa keessatti bakka dahoo/guddifachaa daa'imman abbaafi haadha hinqabnee ykn yatiima isaan jalqabaa keessaati jedhama.
Hojii tola oltummaa isaanii kanaaf Abbabach Goobanaa Yunivarsiitii Jimmaarraa doktireetii kabajaa kan argatan oggaa tahu, waggoota keessatti badhaasota hedduus biyya keessaafi alaarraa argataniiru.
Wayita Dr kabajaa kennuuf Yunivarsiitiin Jimmaa ''Abbabach Goobanaa ijoollee ofiisaanii dahan qabaachuu haa baataniyyuu malee, maatii kumaatamatti lakkaa'amu qabu,'' jedheera.

Madda suuraa, AGOHELMA
Waggoota 40 dura daa'imman muraasa hongeen miidhaman gargaaruun hojii kan eegale waldaan kun, waajira muummeesaa Finfinneetti argamu dabalatee iddoowwan garagaraatti hojii qarqaarsaa hojjeta.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnees dhiyeenya kana Hospitaala Wal'aansa Dubartootaafi Daa'immanii maqaasaaniitiin moggaasefi tajaajila gosa garagaraa kennu eebbisiiseera.















