'Du'a duuba du'aa ka'uun, dukkana duuba ifti akka jiru beekna' -MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Waajira MM
Ergaa isaanii yaada bu'uura Ayyaanni Faasikaa(du'aa ka'uu Yesuus Kiristoos) ittiin kabajamu waliin walfakkeessuun dhaaman Kanaan ''dhukkubaa duuba gammachuun, du'a duuba du'aa ka'uun, dukkana duuba ifti akka jiru beekna'' jedhan.
Addunyaan guutuun weerara Koroonaavaayirasiin raafamaa jiraachuu, biyyoota gurguddoo meeshaa waraanaa malee jilbeeffachiisuu fi kumoota hedduu galaafachuu isaa yaadataniiru.
Dhibbaa hanga ammaatti weerarri kun Itoophiyaarraan gahaa jiru caala akka hin hammaanne hunduu waltumsuun akka duulu waamicha dhiyeessan.
''Barnoota Du'aa Ka'uu Yesuus Kiristoos irraa argannee osoo rakkoo amma sababa COVID-19 nu mudate keessaa bahuuf itti fayyadamnee milkaahoo taana'' jedhan.
Amma waldhaansoon godhaa jirru dhiibeen kun cimsee osoo nu hin midhiin akka darbuuf malee darbuun isaa hin olus jedhan. ''Yeroon dhukkubbii gabaabbatee kan du'aa ka'uu akka ariifatuufi'' jedhan.
''Oduun du'aa darbee du'aa ka'uun, oduun dukkanaa hafee kan ifaa, wanti dhukkubbii hafee kan gammachuu yeroon itti dubbannu fagoo miti.''
Wanta gochuu qabnu yoo goone yeroon rakkinaa ni gabaabbata kana hin goonu yoo ta'e garuu ni dheerataa jedhan.
''Yeroon amma keessa jirru Jimaata galgalaa hanga Dilbata barii isa jiru fakkaata. Yeroo rakkoo, kan dukkanaafi shakkiiti.''
''Islaamaafi Kiristaana osoo hin jedhiin yaa rabbi nu maarii jennee kadhanneerra. Ni amannaa innis nuu araaramaa''
Namni hunduu wanta gaarii hojjechuuf akka dhama'us gaafataniiru.
Ogeeyyiin fayyaa duula kanarratti adda duree ta'aniif jabeenyi, kanneen deeggrsa godhaniif badhaadhinni, warra vaayirasii Kanaan qabamaniif fayyinni, kanneen maatii dhabaniif jajjabinni akka ta'us hawwan.














