Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zimbaabweetti namoonni albuuda baasan lafa jalatti ukkaamfamuun lubbuu dhaban
Zimbaabwee keessatti namoonni albuuda baasan lafa jalatti ukkaamafamuun namoonni 2 du'anii 20 kan ta'an ammallee lafa jalatti ukkaamfamanii jiru.
Namoonni kunneen giddu gala magaalaa Kwekwe keessatti seeraan albuuda baasaa turan.
Bakki oomisha albuudaa kun magaalaa guddoo biyyattii Haraaree irraa kiilomeetira 200 fagaatee gara dhihaatti argama.
Iddoon kun bara 2007 keessa ajaja Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannootiin cufamee ture.
Ejensiin Balaa yeroo tasaa hojii lubbuu baraaruu hojjechaa tureen namoota lama baraaruu ibseera.
Iddoon oomisha albuudaa 'Globe and Phoenix' jedhamu kun bara 1800 keessa eegale.
Garuu yeroo dheeraa kan turee fi naannoo irraanis dhiibbaa guddaa kan geessisaa waan tureef cufameera.
Balaan kun kan mudate dhagaan namoota albuuda baasaa turan irratti kufuudhaan akka ta'etu himama garuu hanga ammaatti hin mirkanoofne.
Zimbaabweef qabeenyi albuudaa madda galii olaanaa fi sharafa alaa biyyattiif kan argamsiisuudha.
Albuudonni akka warqee fi pilaatiiniyemii baay'inaan argamu.
Garuu oomishi albuudaa biyyattii bulchiinsa sirna qabuun waan hin hoogganamneef yeroo baay'ee balaatu uumama.
Bara darbe naannooma amma balaan kun mudatetti namoonni 22 du'anii ture.