'Meetii barbaachan waggaa 22f magaalaa onaa keessatti dabarse'

Maxxanfame

Robart Luuyis Dasmaaraayis magaalaa Cerro Gordo, lafa itti meetii barbaachaa ture keessa waggoota 22'f qofaasaa jiraataa ture.

Gaheessi umurii waggaa 70 fi barsiisaa mana barnootaa sadarkaa olaanaa duraanii kan ture Dasmaaraayis, tibba manni barnootaa cufamutti baadiyyaa deemuun lafa oomishti albuuda sibilaa argamu daawwataa ture.

Garuu booda keessa guutummaatti gara sana deemuun waca keessaa bahee ''urjii jala, qofaasaa tulluurra jiraachuu eegale.''

Sero Gordaa (Tullu furdaa Ispaanishii ) bulchiinsa Kaaliforiniyaa keessatti albuuda meetiin baayyee bu'aa qabeessa kan turedha.

''Innis Loos Anjalas ijaaruuf baayyee gargaare'' jedha Dasmaaraayis.

Akka oomishi meetii hedduu jiru erga amaneen boodas, innis burruusa fi qiyyii qabachuun gara tulluu ol fageenya faana 800 qabutti ol bahee.

Achittis dhagaa waqaree maal akka isaan keessa jiru hubachuuf murteeffate.

Tulluuwwan albuudaaa baayyee akka argatu abdata ture. ''Akkan argadhu abdiin qaba, kanaafan hanga ammaa as ture'' jedheera.

"Waggoota 22 olitti, meetii qixabaareelaa ( wheelbarrow) guutuu argadheera'' jedha.

Ammaaf albuuda haaluma jiruun turistoota gara sana dhaqaniitti gatii doolaara 5 hanga dolaara 20tti gurgurata.

Erga Dasmaaraayis magaalitti keessa jiraachuu eegaleen waggoota muraasaan booda, namni ta'e nama kana duraa lafa jireenyaa oomisha albuudaa Wiiliyaam Hantar jedhamu keessa jiraataa ture kenneefi.

Innis ammaan tana achi jiraataa jira, gaaricharra.

Jireenyi inni jiraataa jirus salphaa miti. Haati warraasaa haala qilleensaa dandamachuu waan dadhabdeef dhiiftee deebitee jirti, jedheera. Amma Nevaadaa keessa jiraataa jirti.

Dasmaaraayis guuyyaa hunda muka qoraanii funaanuun falaxa. Gaara sanarra elektirikii malee bishaan waan hinjirreef, magaalaa tulluu jalatti argamtuu, Keeler dhaqee waraabbachuu qaba.

Magaalaan Keereel buufata baabuuraa turte. Albuudi meetiis gaaricha irraa gara magaalaa tanaatti ergamuun baaburaan fe'amee gara Loos Anjalasitti geeffamaa ture.

Magaalaan gara biraa Keleer irraa fageenya Km 15 argamtu Lone Pine lafa dhiheenyaan waan barbaachisu argamuudha. Magaalaan tunis hoteela, suuqii, mana dhugaatiifi kaaffee qabdi.

Akka nama qofaasaa jiraatu tokkoottis Dasmaaraayis, daawwattoota naanneessuun agarsiisuutti gammada. Waa'ee seenaa Sero Gordo bara 1865tti hundeeffamtees itti hima. Duraan battalumatti guddachuun akka jiraattoota gara 4,500 qabaachaa turte hima.

Innis imala lafa onaa jalaa albuda barbaachaaf gaggeessuu barbaada ture, garuu abbootiin qabeenyaa magaalichaa, (LA entrepreneurs Brent Underwood and Jon Bier) fa'i faallaa yaada isaa kana dhaabbatu. Isaanis albuunni umamaan balaa mataasaa qaba jedhu kaasu.

Saro Gordo bara darbee baatii Adooleessaa keessa dolaara mil. 1.4n bituun guyyaa Jimaataa gaafa 13 bittaasaa cufuun magaalaa eekeeraa fakkeessan jedhu.

Akkuma Dasmaaraayis, isaanis waan gaariin achii argamu akka danda'u yaadu. ''Amantaa meetiin dhakaa jala dhokate guyyaa tokko ni argama jedhu qabna.

Hanga ammaattis albuudota gatiinsaanii doolaara mil. 500 baasuu Tullicha keessaa argataniiru. Ammas qabeenyaan hang sanaa baasu kan biraa jiraachu saa shakkiini jira.'' Magaalattiinis erga hundeeffamte kaasee ''namoota abdii qabu tokkorraa kan gara biraatti'' darbaa turte jedhaniiru. Abbootiin qabeenya haaraan magaalattiis bakka bulmaataa halkanii qopheessuun magaalattiitti lubbuu horuu barbaadu. Maal hojjachuu akka qaban ilaalchisee yaada argachuuf marsariitii Reddit gaafatan.

Marsariitiin tokkos akka siniimaa ijaaran yaada kenne, garuu magaalattiin duraanu mana kadhannaa gara mana siniimaatti geeddarte qabdi.

Abbaan qabeenyaa kunia isuma sanatti fayyadamuun fiilmiiwwan garaa garaa agarsiisuuf karoorfate. Namni biraa ammo maal dhaabuu akka qabaatu irratti gorsa kenneef.

''Innis wayinii baayyee gaarii ta'an akka dhaabnuu fi baalli harca'ee abiddi ka'uuf madda akka hintaane re'oota soorachuun akka ittisnuufi re'oota muraasa akka horsiifnuuf nu gorse.'' Yaada isaaniif galanni haa ta'uutii, reettiin 'qocaa' reettii tulluu taate.

Abbaan qabeenyaa inni dhumaa Roobarti Dismaaraayis akka magaalattii eeguuf gaafate. Innis kanfaltii malee tola eegaa ture. Abbaan qabeenyaa haaraan garuu akka kunuunsaatti mindeesseen. Innis foddaawwan haaromse. 'Bofaa fi kurupheewwan muraasa'' ajjeessuun saree daggalaa garuu ''barbaachisoo fi uumama bareeda'' jechuun dhiise. Gataa ''namoonni naamusa hin qabne dhiisan ni funaanna.'' Akkasumas daandii qotamaa gara magaalaatti geesssu ji'atti altokko ni guuta.

Fayyadamaan Instaagiraam tokko akkas jechuun barreesse: ''Roobarti, yeroo hunda Sero Goro kunuunsu keetiif galatoomi! Fayyadaman biraa immoo akkas jedhe: ''Urjii jala abidda qaamachaa, seenaawwan Roobarti dhaggeeffachuun barbaada.''Carraa ta'e garuu, inni yaada jarreen kunneen kenna kana argu hindanda'u. Kompitars hinqabu. Teeknolojii kamiyyuu hinfayyadamu. ''Ani warra duriiti.''jedha''Ani bineensota, ciminaa fi urjiiwwan bareedduu baayyeen jaaladhas, '' jedha.