Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TPLF: 'Mootummoonniifi qaamoleen alaa dhimma biyya keenyaa keessaa haa ba'an'
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay(TPLF) yeroo duraaf yaa'ii hatattamaa magaalaa Maqaleetti geggeessee wayita xumuru ibsa akkaan jabaa ta'eefi mootummaa giddu galeessaa qeequ baaseera.
Jijjiiramni siyaasaa Itoophiyaa keessatti mul'achuu erga eegalee paartilee ADWUI hundeessan keessa tokko kan ta'e TPLF Tigiraayitti gugateera.
Qondaaltonni paartii kanaas Uummata Tigiraay jilbeenfachiisuuf aggaammiiwwan hedduutu mootummaa giddu galeessaarraa nurratti raawwatamaara jechuun komachaa turan.
Odeeffannoo biroo kana waliin walqabatan biroof:
Ibsi TPLF kana eeruun uummata Tigiraay jilbeenfachiisuu gonkumaa hin danda'amu jedha.
''Gonkumaa hin jilbeenfannu. Gabrummaatti hin deebinu. Kana afaanumaan jennee dhiisuuf miti. Yookiin waan nu malee jenneef qofa miti.
Injifannoo Kanaan dura gonfannee fi aarsaa kaffalle leellisuufis miti. Gabrummaa keessatti akka hin kufneef jecha falmachuutu nurra jiraata.
Filannoo biraa hin qabnu. Adeemsa gabrummaa biraatti nu deebisu dura dhaabbannee qolachuu qabna. Aarsaa daangaa hin qabneefi bakka hin buufamne hedduus kaffalaa turre, kaffalaas jirra.''
'Keessa seentummaan qaamolee alaa birmadummaa Itoophiyaaf yaaddoo ta'eera'
Erga mootummaa giddu-galeessaa waliin atakaaroo keessa galanii hariiroo alaa biyyattiirratti gammachuu akka hin qabneefi biyyoota alaa waliin hariiroo uumuurrattis akka cunqurfamaa jiran kan dubbatu TPLF, keessa seentummaan garmalee birmadummaa Itoophiyaafi naannawa kanaa miidhaa jira jedha.
''Keessa seentummaan qaamolee alaa fedhiifi faayidaa Itoophiyaa darbees birmadummaashee yaaddoo keessa galchaa jira.
Qaamoleen alaa ta'e jedhanii yookiin ammoo beekumsa malee gara Itoophiyaa seenaa jiran nageenyaa fi fedhii gaanfa Afriikaas miidhaa jiru.
Qaamoleen kunneen yookiin ofiin beekanii ba'uu qabu yookiin ammo rakkoo mudatuuf itti gaafatamummaa fudhachuu qabu.
Mootummoonni Afriikaa fi Gamtaan Afriikaa kana beekanii dhiibbaa uumuu qabu.''
Uummata Eertiraaf maal dhaame?
Hariiroo waggoota kurnan lamaa oliif addaan citee ture suphuu keessatti ga'ee olaanaa kan gumaachaniifi ittiinis badhaasa nageenyaa kan badhaafaman Ministirri Muummee Abiy Ahmad, adeemsi isaaniifi Pirezidaantii Eertiraa Isaayaas Afaworqii mootummaa naannoo Tigiraayiif waan liqimfame hin fakkaatu.
Ibsa TPLF baase keessatti nageeyna waaraa buusuuf waan gochuu qaban kaa'aniiru.
''Ummatoonni Tigiraayiifi Eertiraa Afaan tokkoo fi aadaa tokko qabu.
Mootummaa abbaa irree 'dargii' kuffisuu keessatti waliin qabsoofneerra, wareegamneef bakka tokkotti awwaalamneerra.
Uummanni Tigiraayiifi paartiin isaa 'TPLF' bilisummaa Eertiraa keessatti shoora guddaa ba'anneerra, aarsaas kaffalleerra.
Haata'u malee, waggoota kurnan lamaan darban keessa waraana hin malle keessa seennee, du'a hin taane dune. 'Du'a gaabbisiisaa'.
Rakkoo gidduu keenya ture furuuf paartiin keenya TPLF fi ummanni Tigraay hedduu dhamaaneerra.
Hariiroon waggaa tokkoofi walakkaa darbe keessa ture abdachiisaa ta'ullee, garuu haala hin beekamneen gufateera.
Ammas taanaan dhaabi keenya TPLF fi ummanni keenya hariiroo keenya bakka duraatti deebisuuf ni qabsoofna.
Hariiroo nagaafi hunda fayyadu deebisnee ni bu'uuressina. Nuti gama keenyaan nageenya waaraa buusuuf waan nurraa eegamuufi waan dandeenyu hunda ni hojjenna.
ummanni Eertiraas kana akka raawwatu waamicha dhiyeessina.
Hariiroo paartii 'Badhaadhinaa' waliin...
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay (TPLF) tarsimoo fi sagantaa Paartii Badhaadhiinaa akka hin fudhanne kanaan dura haala garaagaraan ibsaa turus kora hatattamaa guyyoota lamaaf taa'aa tureen gonkumaa akka itti hin makamne beeksisuun xumureera.
Kana malees, kanaan booda walitti dhufeenyi dhaabni TPLF kun mootummaa Federaalaa waliin qabaatu haaluma bu'uura Heera mootummaa biyyattiin akka ta'us yaada murtee yaa'ichaatiin kaa'eera.
Dhaabbichi xumura yaa'ii ummataa kan attatamaa kanaan ibsa ejjennoo qabxiilee saddeetti of keessaa qabu baasuun xumurameera