Caffee Oromiyaa: Pirezidaanti Lammaan waa'ee Finfinneerratti maal jedhan?

Madda suuraa, Getty Images
Caffeen Oromiyaa Yaa'ii Idilee 9ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii 5ffaa tibbana geggeesseen dhimmoota akka nageenyaa, daangaa, carraa hojii, dhimma Finfinnee fi ijaarsa seeraan alaarratti mari'ateera. Muudama adda addaas raggaasiseera.
Walga'ii kanarratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa argamuun gaaffilee miseensota caffeerraa ka'aniif deebii kennaniiru. Dhimmoota isaan irratti xiyyeeffatan keessaa kanneen armaan gadii qindeessineerra.
Dhimma Finfinnee
Waa'ee Finfinneerratti ajandaa uummaanni oromoo qaburraa mootummaan naannoo Oromiyaa addatti qabaachuu hin danda'u.
Mirgi uummanni Oromoo Finfinneerraa seeraan qabu eegamuufiitu irra jiraata.
Kanarratti mootummaan Naannoo Oromiyaa eenyuyyuu caalaa hojjechaa ture.
Keessumaa dhimmi faayidaa addaa Oromoon Finfinneerraa qabu seeraan kabajamuu qaba kan jedhu mirkaneessuuf hoji guddaa hojjenneerra.
Erga xumuraan geenyee garuu rarra'ee taa'eera.
Kunis sababa rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa tureeni.
Seerri dhimma faayidaa addaa Oromiyaan finfinneerraa argachuu irratti baasne ifaajee guddaa boodadha.
Akkaataa uummataaf banaa ta'een kan qophaa'eedha.
Uummanni Oromoo bu'uura seeraa kanaan yeroo kamiyyuu waa'ee Finfinneerratti falmachuu danda'a.
Deebiis argachuu qaba. Waan baayyee nuuf hiikuu danda'a seerri kun.
Garuu wal hubachuu dhabuu keenyaan, sababa mataa keenyaan rarra'ee yoona ga'e.

Madda suuraa, OBN
Har'a carraa kaleessa qabaachaa turre qabnaa laata jennee yoo ilaalle wantoonni baayyeen rakkoo ta'an ni jiru.
Kanas ta'ee garuu mirgi Oromoon Finfinneerratti qabu eegamuutu irra jiraata. Kanarratti garaagarummaa qabna jedhee hin yaadu
Har'a, eenyu akka ajandaa waa'ee Finfinnee uume sirriitti ilaaluu qabna. Rakkoo fidanii magaalaa Finfinnee galchuuf hojii bal'aa hojjetaa jiru.
Abbaan fedhe meeshaasaa bocatee gabaatti dhiyeessee, nuti gabaa sana keessatti akka hirmaannu nu taasisa.
Gaaffiin uummanni keenya gaafatu sirnaan deebi'uufiitu irra jiraata.Eenyuyyuu kana dura hin dhaabbatu.
Waa'ee Finfinneerratti ibsi namoonni kennan seeras miti, murtiis miti. Qilleensarratti ajandaa uumuuf yoo ta'e malee waa'een Finfinnee heera mootummaatiin hiikama.
Yaada namoonni kaasan tokko tokkoon hordofnee deebii itti hin kenninu. Garuu mirga seenaanis ta'e seeraan qabnu irratti mari'annee akkati fala argachuu danda'u irratti hojjechuutu nu baasa.
Nageenyarratti
Rakkoo nageenya Oromiyaa keessa ture hiikuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa obsaa fi tasgabbiin hojechaa tureera.
Ammas hojjetaa jira. Rakkoon kun gadhummaansaa numa keessatti dhalatee kan ofumaa wal saaxille ta'uusaatiin obsaa fi tasgabbii guddaadhaan furuuf dirqamneerra.
Paartilee kabajaan alaa glachineen wayita waraanni nurratti banamu obsa guddaadhaan ilaalleerra.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa bulchu utuu jiruu caasaan mootummaa gara dakaa jiru harkatti diigameera.
Hooggantoonni mootummaa hedduun ajjeefamaniru. Poolisoonni Oromiyaa nagaa uummata keenyaa eeguuf halkanii fi guyyaa dhama'an ajjeefamaniiru.
Qabeenyi mootummaan ramade hedduun fudhatamee jira. Kana hundumaa obsaan keessa dabarre. Isaan humnaan dhufe humnaan deebisuuf itti hin galle.
Kanas ta'ee obsuun keenyammoo faayidaa guddaa fideera.Rakkoon qaqqabeera garuu rakkoo kanaa olii dhalachuu danda'u sababa obsineefi tasgabbiin ilaalleen hambisuu dandeenyeerra.
Ammas falli nu baasu nagaadhaan dubbi ilaalanii hiikuu duwwaadha. Karaan humnaa badiidha malee furmaata fiduu hin danda'u.
Kanarra darbee kan dhufu yoo jiraate obsis tasgabbiinis daangaa qaba. Mootummaan dirqama seera eegsisuu qaba.
Kadhaa fi sossobbiidhaan, waa'ee nagaa lallabuu qofaan mootummaa ta'uun hin danda'amu.Biyya bulchuun hin danda'amu.
Dhimma daangaa
Rakkoolee daangaatiin walqabatee hanga tokko kan hin furamin ammallee jiraatanis garuu daangaadhaan walqabatee kan hojjetamaa jiru siyaasa jedhan
Rakkoon dhimma daangaa haa fakkaatu malee Oromiyaa fi Oromoo tasgabbii dhowwuudha. Hoji manee yeroo mara Oromiyaadhaa laachuudha waa'een daangaa.
Garuu yeroo ammaa waa'een daangaa haa hafuu waraanni guddaan kan jiru gidu gala Oromiyaattidha. Magaalota Oromiyaa keessatti.
Mootummaa Naannoo Somaalee waliin dhimma daangaarratti dubbachuun ammallee hin dhaabbanne,hamma furmaata dhumaa argatutti itti fufna. Garuu siyaasa isa duuba jirutu danqaa nutti ta'e.
Dhimmi Moyaalee addatti ilaalama. Sababiin isaa moyaaleerratti siyaasa guddaatu geggeeffamaa jira. Kun bilchinaan karoora cimaadhaan yeroo fudhannee hojjechuu gaafata.
Kana Abbootiin Gadaa Booranaa sirriitti beeku, mari'anneerra. Dhimmi Moyaalee dhimma Boornaa qofa miti, dhimma Oromoo maraati.
Balballi Oromiyaa addunyaatti baasu moyaaleedha.Kanaan booda xiyyeeffannaan keenya diinagdeedha keessattuu daldala.
Booranni loon gurgurachuudhaaf yeroo hunda Finfinnee ilaaluun isarra hin jiraatu. Moqaadishoon, Naayiroobiin, Mombaasaab isaaf gabaa ta'uufii qaba.Nu barbaachisa balballi kun.
Ijaarsa seeraan alaa
Ijaarsi seeraan alaa bakka hunda jira.Magaalaa qofa osoo hin ta'in baaddiyyaa keessas jira.
Oromiyaa keessatti baadiyyaas ta'e magaalaa keessatti abbaa fedhetu seeraan ala lafa bal'aa qabata.
Magaalaan Oromiyaa ijaarsi seeraan alaa keessa hin jirre hin jiru. Inni haala kanaan lafa qabate yoo seera kabachiisuuf jennu ni iyya.
Hojiin seeraa alummaa kallattii kamiinuu ulaagaa kamiinuu seera qabeessa ta'uu akka hin dandeenye namuu beekuu qaba.
Waanti seeraan alaa micciirraa kamiinu seera qabeessa ta'uu hin danda'u Oromiyaa keessatti.
Lafti Oromiyaa sababa rakkoo keessoo keenyaatiin saamamaa jira. Qonnaan bulaan Oromoo otoo hektaara 3 fi 4 qabatee jiruu kan hektaara 20 qabatee jirutu jira.
Kana kan fide caasaa Oromiyaati. Kan lafa kana dabarsee gurgurate. Yoo xiqqaate gandi sirriitti beeka.
Manni magaalaa keessatti ijaaramu kun wayita hojiinsaa hojjetamu eessa jira bulchaan ganda sanaa? Manni halkan tokkotti hin ijaaramu.
Yoo dhugumaan ilaalla ta'e mana ijaaramee xumurame diiguun sirrii miti,seeraan ala haa ta'uyyuu malee.
Garuu yoo inni seeraan ala ijaaramu eessa turreedha nuti. Inni amma ofitti fidnee abidda nutti qabsiisaa jiru kun wayitanni ijaaramaa ture eessa bulchaa turre nuti.
Yakkamaan gaafatamuu qabu nama biraa osoo hin taane nuyi. Har'a manni ijaarame godoollee haa taatu beekamtii caasaa keenyaan ala miti.
Asiin osoo mootummaan kaartaa hin qabu jedhuu bishaan ibsaan haa galuuf jedhanii kan falman caasuma keenya bulchiinsa magaalaati tokko. Kan yakkamaa ta'u, kan gaafatamuu qabu caasaa akkas godhe kanadha.
Seeraan ala jennee namarraa mana diignee namni kararratti akka kufu hin goonu.
Hamma danda'ametti namni seera eegee akka hojjetu,bakka namni rakkatettimmoo mootummaan gargaaruuf qophiidha.
Ta'us garuu hojii seeraan alaammoo seeratti deebisuuf ni dirqamna. Kan na ajaayibe garu manni seeraan alaa Finfinnee , Baahirdaar akkasumas magaalota biroo keessatti baayyinaan diigameera, haaraa miti. Kana eenyutu dubbate.
Maali nu biratti waci hamma kanaa maaliif dhalate. Nutis rakkoo qabna, alaas rakkoo guddaatu nurratti oofama. Kana hundumaaf furmaata kennuu qabna.














