Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan warraa Afa-yaa'ii Mana Maree US, Nansii Peloosii, dhuganii konkolaachisuun shakkamanii qabaman
Abbaa warraa Afa-yaa'ii Mana Maree US Nansii Peloosii kan ta'an Pool Peloosii dhuganii konkolaachisuun shakkamanii erga Kaalifoorniyaa keessatti qabamanii booda mirgi wabii doolaara 5,000 eegameef.
Qondaalli kun erga konkolaataan isaanii, Porsche ta'e, bulchiinsa Napa keessatti konkolaataa biraatti bu'ee miidhee booda qabaman.
Balaa konkolaataa uumameen namni miidhame hin jiru, konkolaachisaan konkolaataa isa kaaniis hin qabamane.
Maanguddoon umrii waggaa 82 kun yakka salphaa jalatti shakkamanii erga qabamanii booda wabiin doolaara 5,000 eegameef.
Garuu akka namoota yakka kaaniin shakkamanii bakka amala sirreessa tursiifamanii miti dhimmi isaanii kan ilaalame.
Qaamni daandii gurguddoo Kaalifoorniyaa to'atu akka jedhetti, Aab Peloosiin osoo daandii guddicha qaxxaamuruuf yaalanii konkolaataan isaanii konkolaataa gosa Jeep, kan namni umrii waggaa 48 konkolaachisaa tureen walitti bu'e.
Akka seera Kaalifoorniyaatti namni tokko dhiiga isaa keessa alkooliin dhibbeentaa 0.08 yoo jiraate konkolaachisuun hin eeyyamamuuf.
Garuu hangi alkoolii dhiiga Aab Peloosii keessatti argame garuu hin ibsamne.
Nansii Peloosii fi Pool Peloosii bara 1963 erga walfuudhanii walumaan jiru.
Wayita balaan kun mudate Nansii Peloosii Yuuniversitii Brown jedhamutti haasaa taasisaa turan.
Pool Peloosii waan isaan mudaterratti hanga ammaatti homaa hin dubbanne.