Ertiraatti hordoftoonni amantaa wangeelaa 17 to'atamuun himame

Maxxanfame

Ertiraatti yoo xinnaate hordoftoonni amantaa wangeelaa 17 hidhamuusaanii maddeen BBCtti himan.

Maddeen BBC Tigriffaatti akka himaniitti, namoonni to'ataman jedhaman kunneen mana hidhaa magaalaa Asmaaraa irraa fagaatee argamu Maayisiriwaatti geeffamaniiru.

Manni hidhaa kunis kanaan duras bakka namoonni sababii amantaa isaanitiif to'ataman itti geeffaman jedhameera.

Mootummaan Ertiraa bara 2022 irraa kaasee waldaalee amantoota wangeelaa hedduun kan cufe yoo ta'u, amantoota hedduus to'annaa jala oolchee ture.

Namooonni sababii kanaatiin to'annoo jala oolfamanis osoo mana murtiittii dhiyeeffamuun himannaan irratti hin banamiin hidhaarra akka turan taasifaman jedhameera.

Sababii kanaatiinis namoonni osoo himannaan irratti hin dhiyaatiin waggoota 20 darbaniif hidhaarra jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Hordoftoota amantaa wangeelaatiin alattis abbootiin amantaa ortodoksii bebbeekamoo fi doktaroonni hidhaarratti akka argaman himama.

Dr Fitsum Gabranugus, Dr Takla'aab, Dr Kifluu Gabramasqal, Paastar Kidaanee Walduu akkasumas Haayilee Naayiziigii bara 2004 irraa kaasee kanneen hidhaarratti argama keessaayi.

Hordoftoonniifi hoggantoonni amantichaa Eritaan alatti argaman hidhaarraa gadhiifaman illeen, haalli bilisummaa amantaa biyyattii keessaa fooyyee omatu akka hinqabne dubbatu.

Bara darbe keessa Eriraatti Qindndeessaan Dhimmoota Namoomaa Motummoota Gamtoomanii, Ertiraan dhaabbileefi sirna seeraa mirgi namoomaa akka kabajamuufi hawaasa dimokraasii gabbiisuuf gargaaran hin diriirsine'' jechuun haala biyyattii ibsanii ture.

Heerri mootummaa dhabamuun, sirni haqaa bilisaafi walabaa diriirfamu dhabuun, Eritraa keessatti olaantummaan seeraa jiraachu dhabu kanneen agarsiisan keessaayi jedhanii ture.