Paatiriyaarkiin duraanii Eertiraa waggoota dheeraf hidhaa manaa jala turan du'an

Maxxanfame

Paatiriyaarkiin amantaa Ortodoksii Eertiraa waggoota kudhanii oliif mootummaan hidhaa manaa jala turan, Abuna Inxooniyoos du'aan boqochun isaanii himame.

Lallaba wangeelaa kutaa biyyaa Kaaba Ameerikaatti miseensa kan ta'an Lubni olaanaan Gabra Mikaa'eel Yoohaannis BBCtti akka himaniitti, dureen amantaa kun Guraandhala 9, 2022 du'aan booqatan.

Dureen amantaa Abuna Inxoniyoos maanguddoo waggaa 97 kan turan yoo ta'u, reeffi isaaniis gara godina Kibba Safa'aatti kan argamu gara gadaamii Abbaa Indiriyaasiitti gaggeeffamuun himameera.

Duuka bu'aa Abbaa Inxooniyoos kan ta'anii fi UK kn jiran abbaan amantaa Abbaa Yoohaannis Gabrahiyoot jedhamanis du'a duree amantaa duraanii kun dhugaa ta'u mirkaneessaniiru.

''Abuna Inxoniyoos waggoota 16'f oliif hidhaarra turan. Waaqa amananiif i waadaa bataskaanaaf seenaniif jecha osoo hidhaarra jiranu du'aan boqatan,'' jedhan Abbaa Yoohaannis.

Duree amantaa kunis yeroo dheeraaf jidduu galummaa Motummaan Eertiraa taasisu qeeqaa kan turan yoo ta'u, kanaanis waggoota 16 kan ta'uf aangoo isaanii irraa kaafamuun hidhaa manaa jala oolfamutu himama.

Bara 2019tti aangoo paatiriyaarkummaarraa hanga buufamaniitti yeroo paatiriyaarkii sadaffaa ta'uun tajaajilaa turan.

Waggoota sadiin dura sinidoosiin Eertiraa Paatriyaarkii duraanii kana baleeleeffachuun hordoftoonni amantichaa ''beekkamtii akka hin kenniinee fi maqaasaanii akka hin kaafne'' ajajee ture.

Paatiriyaarkichi miseensummaa bataskaanaa irraa kan dhorkaman yoo ta'an, mana abbuummaa bataskaanittii jalatti argamu keessa akka jiraataniif heyyamameefii ture.

Warrabbii viidiyoo waggoota sadiin dura bakka itti hidhamanii irraa bahe jedhameen komii irratti ka'e balaaleeffachuun batasikaaniitti irraa dhorkamus akka hin fudhannee himanii ture.

Viidiyicha irrattis paatiriyaarkichi jalqaba wal dhabdee mootummaa waliin qaban ilaalchisee, namni mootummaa irraa ergaman Obbo Yooftaahee Diimoxiroos jedhaman tokko batasikaanittii nan hoggana jechuu fi isaan garu bataskaannii nama daaqonii ykn luba hin taaneen hogganamu akka hin dandeenye ibsuun mormu dubbatan.

Ta'us Obbo Yooftaaheen yaadasaanii kana akka hin fudhannee itti himu cimsanii hubachiisanii turan.

Abuna Inxooniyoos yaada kana gara yaa'ii qulqulluu Sinidoosiitti wayita dhiyeessaniitti, miseensoonni Sinodoosii, ''motummaan erga murteessee nuti maal gochu dandeenya'' jechuun akka deebisaniif himanii turan.

Booda ammoo Sinidoosichi yakkawwan jahaan akka isaan himate kan dubatan Abuna Inxooniyoos, ''seera cabsuudhaan ana yoo dubbisan ofiisaaniitii himattoota, ofumaan murteessitoota ta'uun paatiriyaarkummaa irraa na buusuun akkan monoksee ta'u na taasisan,'' jechuun haala yeroo sana ture dubbatanii turan.

Erga hidhaa manaa jala taasifamanii boodas humnootiin nagaa fi nama amantaa tokko waliin ta'uun manasaanii dhaqanii, fannoo, kitaabooleefi uffatasaanii konkolaataatti fe'uun akka jalaa fudhatan ibsanii turan.

Abuna Inxooniyoos miseensoota mana barnootaa Dilabataa gara kuma sadii ta'an ari'achuuf hayyamamoo waan hin turreefi akkasumas dureewwan amantaa hidhaman waan gaafataa turaniif hidhaa kanaaf saaxilamun ni dubbatama.

Bataskaanni Ortodoksii Ertiraa Bitsuh Abuna Qeerliisiin paatiriyaarikii ishee shanaffaa taasisuun kan muddee bara darbe keessa ture.

Namoonni tokko tokkoos paatiriyaarikiin duraan mudaman osoo lubbuun jiranu mudama haaraa kennuun akka hin hayyamamne eeruun qiiqaa turan.

Hordooftoonni Phaaphaasiin Kooptik kan Ameerikaatti argamtuufi kan Abuna Maqaariyoosiin kan hogganamuu motummaan dhimma batasikaanaa keessa gala jechuun himatu.

Motummaa Ertiraas jidduu galmaataafi sarabama mirga namoomaa ittiin himatamu haalaa tureera.

Motummoota Gamtomaniifi Amanastii Intarnaashinaal dabalate dhaabbileen mirga namoomaaf falman, motummaa Ertiraa dhiibbaa amantaa irraan gahuun himatu.

Abuna Inxooniyoos jidduu galuumsa motummaafi sarbama mirga namoomaa mormuun diyaasipooraa hedduu biratti akka fakkeenya ciminaatti fudhatamu.

Hedduunis karaa miidiyaalee hawaasaatiin gadda du'asaanitiin itti dhagahamee ibsaa jiru.

Du'a paatiriyaarikii duraanii kana ilaalchisuunis gama motummaatiin wanti jedhame hin jiru.

Abuna Inxooniyoos bakka Himbiritii jedhamtuuf magaalaa Asimaaraatiin alatti argamtuutti kan dhalatan akka ta'e seenaan isaanii ni mul'isa.