Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Diinagdee: Dureeyyiin addunyaa 'gibira nurratti dabalaa' jechuun waamicha dhiyeessan
Dureeyyiin addunyaa muraasni Daavoositti walitti qabaman hoggantootni addunyaa namoota akka isaanii irratti gibira dabaluun rakkoo qaala'insa gatii jireenyaa akka furan gaafatan.
Wiixata darbe rogeeyyii dabalachuun daandiitti bahuun sirna gibiraa haqa qabeessa ta'e akka addunyaatti akka diriiru waamicha dhiyeessaniiru.
Hogganttoonni siyaasaa fi daldalaa erga weerarri koroonaavaayirasii jalqabee waltajjii Fooramii Diinagdee Addunyaa (WEF) irratti yeroo jalqabaaf qaamaan gaggeeffamu irratti argaman.
Garuu akkaataa dureeyyiin addunyaa waggoota lamaan darban keessatti bu'aa argatan irratti qeeqni ka'aa jira.
Miliyeenarri UK Fiil Waayit akka jedhanitti: "Addunyaan kaan ulfaatina rakkoo diinagdeetiin yeroo kufaa jirtutti, biliyeenarootaa fi hoggantoonni addunyaa mooraa dhuunfaa kana keessatti walga'uun seenaa keessatti qabxiilee jijjiiramaa irratti mari'atan" jedhan.
"Hoggantoonni siyaasaa keenya warra baay'ee qaban, garuu rakkoo dhiibbaan dinagdee geessisu xiqqaa beekan, baay'een isaaniis gibiraan xiqqaa ta'e kaffalan dhaggeeffachuun isaanii waan nama aarsudha.
''Bu'aan amansiisaa konfiransii kana irraa argamu nuyi warri dureeyyiin gibira kaffaluudha, amma gibira nu kaffalsiisaa,'' jedhan.
Garee 'Patriotic Millionaires' jedhamu bakka bu'uun kan hojjetan Mr Waayit gorsaa daldalaa ta'uun maallaqa isaanii baasii taasisaniiru.
Duula farra hiyyummaa jijjiiramaaf waamicha dhiyeessanitti makamuu kan himan Waayit, walgahii waggaa daldaltootaa fi hoggantoota siyaasaa dhiibbaa uuman gaggeessan irratti jijjiiramni dhufuu akka qabu dhaaman.
Sababni isaas dinagdeen addunyaa kufaa jira waan taheef jedhan.
Waggoota kurnan darban keessa lakkoofsi miliyeenarootaa fi biliyeenaroota Ameerikaa fi Awurooppaa keessatti argaman baay'achaa dhufan sagalee isaanii ifatti dubbachuun, mootummoonni gibira olaanaa, gibira qabeenya dureeyyii irratti kaffalamu dabalatee akka kaffalsiisan gaafataniiru.
Mormii kana irratti hirmaachuuf miliyeenaroonni muraasni qofti Daavoositti kan argaman yoo ta'u, duula geggeessitoonni xalayaa banaa abbootiin qabeenyaa 150 tahan irratti mallatteessan bakka bu'oota Daavoos hundaaf erganii jiru.
Xalayaa jalqaba baatii Amajjii keessa ergame kanarratti namoonni haaraan mallatteessanis taatoo beekamtuu Ameerikaa Maark Rufaaloo dabalata.
Deeggartoota sochii kana dura turan keessaa dhaaltuu Diiznii Abigaayil Diiznii, Nick Hanauer, abbaa qabeenyaa Ameerikaa fi invastara jalqabaa dhaabbata onlaayinii guddaa Amaazoon, fi Mooris Paarl, daayireektarri olaanaa duraanii dhaabbata invastimantii BlackRock turan.
Hiriira mormii kanarratti miliyeenara biraa kan taate Marlene Engelhorn "akka nama jireenya isaa guutuu faayidaa qabeenyaa hubateetti, dinagdeen keenya hangam akka dabe argaan jira, ofiikoo taa'ee namni tokko, bakka tahe irraa akka waa hojjetu eeguu hin qabu,'' jette.
"Xumura bara kanaatti namoonni nuusa biliyoona ta'an hiyyummaa hamaa jalatti yoo kufan isa dhumaarra gahuu keenya.''
Dhaabbanni tola ooltummaa Oxfam jedhamu waggaa waggaan waltajjii Daavoos irratti walqixxummaan dinagdee dhibuu ilaalchisee gabaasa baasu, waggoota lamaan darban keessa sa'aatii 33tti biliyeenarri haaraan tokko addunyaa irratti uumamaa turuu hima.
Galii gama biraatiin ammoo, Oxfam bara kana sa'aatii 33tti namoonni gara miliyoona tokkootti siqan hiyyummaa hamaa keessa akka galan ni eegna jedhan daayreektarri olaanaa dhaabbata tola ooltummaa Gabriela Bucher.
''Waggoota kurnan lamaan darban keessa wal-qixxummaan biyyoota gidduu jiru hir'achaa ture,'' jedhan.
"Yeroo weerara vaayirasii kanaa saffisa amma argaa jirruu kanaan dabaluun fiixee irra gahee jira.''
Gatiin aannisaa dabaluun rakkoo biraa adunyaa mudachaa jirudha.
Walgahiin WEF kun isa barame irraa waggaa booda kan gaggeeffame yoo ta'u, kunis hoggantoonni, ogeeyyii fi namoonni daldalaa 2,000 ta'an irratti hirmaatan yeroo boqonnaa isaaniitti riizoortii Siwiizarlaand keessatti cabbiirra mucuceessuun [skiing] gammaduu hin danda'an jechuudha.
Mata dureewwan ajandaa ta'an keessaa waraana Yukireen, weerara koronaavaayirasii dandamachuu fi jijjiirama qilleensaa kan dabalatudha.