Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tediroos Adihaanom irra deebiin daarektara olaanaa WHO ta'uun filataman
Dr Tediroos Adihaanom Dhaabbata Fayyaa Addunyaa guddicha akka gaggeessaniif marsaa lammaatiif filataman.
Dr. Tediroos qofaadhuma isaanii kaadhimamaa ta'uun dhiyaatanii irra deebiin filatamuun isaanii kan mirkanaa'e Kora waliigalaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan waggaa 75ffaa Jenevaatti gaggeeffamaa jiru irrattidha.
Dr. Tediroos morkataa tokko malee qophaa isaanii kaadhimamaa ta'uun waltajjii irratti dhiyaatan irrattti biyyoota miseensa ta'an irraa deeggarsa kaadhiamuu isaaniitiif kennneniif galateeffataniiru.
Dr. Tediroos waggoota shanan darban Dhaabbata Fayyaa Mootummoota Gamtoomanii hogganaa turaniiru.
Yeroo kana keessa ammoo weerarri COVID-19 fi atakaaroo pirezidantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin keessa galeen barri aangoo isaanii kan qormaata qabu akka ta'u wantoota godhan keessaa kan eeramudha.
Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kun filatamuu isaanii hordofee ergaa dabarsaniin, "amantaa anarraa qabdaniifi abdii anarraa qabaachuu agarsiisuu keessaniif galatoomaa," jedhaniiru.
Dr. Tediroos WHO ji'a Waxabajjii itti aanu irraa jalqabanii waggoota shanan itti aanan hogganuudhaaf marsaa lamaffaa isaanii eegalu.
Dr. Tediroos Daarektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) ta'anii filatamuu isaaniitiin dura bara 2012 hanga 2016tti ministira dhimma alaa Itoophiyaa, isaan dura ammoo waggoota dheeraatiif minisira fayyaa biyyattii ta'uun tajaajilaniiru.
Dr. Tediroos baroota ministira fayyaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa turanitti, Itoophiyaatti tajaajilawwan bu'uuraaleen fayyaa babal'achuu isaaniitiifi du'aatiin daa'immaniifi haadhotii hir'achuun isaa dhugaa ba'ameera.
Daarektarri olaanaa kun marsaa duraa WHO yeroo hogganaa turan keessatti qormaatawwan isa mudatan keessaa, yeroo mootummaan Itoophiyaa TPLF waliin waraanatti turetti garee TPLFf ni baabsu jedhamuun aanga'oonni olaanoo Itoophiyaa irra dedddeebiin isa himataa turaniiru.
Marsaa jalqabaaf kaadhimamaa ta'aii yeroo dhiyaatan biyyi isaan kaadhimte Itoophiyaan amma waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalateen walqabatee hooggansi kun TPLF deeggaran jechuun irra deddeebiin komii irratti dhiyeessaa turte. Marroo lammataaf kaadhimamuu isaaniis mootummaan Itoophiyaa mormeera.