Sababni Finfinneetti qorichi qaama adoochu hanqateef maali?

Maxxanfame

Buuftaalee fayyaa Magaalaa Finfinneetti argaman keessatti hir'inni qoricha adoochituu(anesthesia), kan yeroo wallaansa baqaqsanii wallaanuuf ooluu mudachuu irraa kan ka'ee tajaajilicha haala barbaadamuun kennuu akka hin dandeenyee ogeeyyiin fayyaa hospitaaloota adda addaa keessa hojjatan BBCtti himan.

Hospitaala Miniliikiitti Ispeshaalisitii Anistoyolojii kan ta'an Dr Boonsaa Haabeloo akka jedhaniitti, hir'inni qoricha suxamethonium jedhamu fi wallaansa baqaqasanii yaaluutiif oolu mudachuusaatti tajaajjiilli baqaqsanii yaaluu yeroof dhaabbaachu dubbateera.

''Hir'innichi kan mudate Wiixata darbee irraa kaaseeti. Yeroo sanarraa kaasee qorichicha fayyadamaa kan jiru dhukkubsattoota wallaansa atattamaa qofaaf, haadhoolii wallaansa baqaqsanii yaaluun dahaniifi namoota balaan mudatee gara hospitaalaa deeman qofaaf jedheera.

Qorichi 'suxamethonium' jedhamu kunis wallaansa baqaqsanii yaaluu gosa hundaa raawwachuuf murteessaa ta'usaa kan dubbatan oggeessi fayyaa kun, qorichoonni bakka qoricha kanaa hanga tokkoo bu'uu danda'an jiraatanilleen garuu gutummaa guutuutti qoricha kana bakka bu'uu akka hindandeenyee dubbatu.

Kanaan kan ka'ee, tajaajilliiwwan wallaansa baqaqasanii yaaluu dhaabbataan kennamaa turan dhaabuun qoricha qaban dubartoota dahaniifi kanneen balaan irra gahee qofaaf oolchuu murtee irra gahu himan.

Ogeessi maqaansaanii akka hin eeramne gaafatanii fi hospitaala motummaa biraa keessa hojjatan tokkos, qorichi namoota tajaajila baqaqsanii yaalamuu ooluu erga mudatee bubbuluu himuun, hospitaaloonnis qorichoota addochuuf tajaajilaniifi karaa seeraan alaatiin galfamaniifi hin galmoofne bitanii fayyadamaa jiraachu dubbatan.

Tajaajila Dhiyeessitii Qorichoota Itoophiyaatti Daareektarri Komunikeeshinii Obbo Awwal Hasan qorichi suxamethonium jedhamu kun mudachu BBC'f mirkaneessaniiru. Hir'inni kunis kan mudate qoricha kana qofaarratti jedhan.

Dhaabbanni qorichoota bituudhaan dhaabbilee wallaansa fayyaa motummaa guutuu biyyaatti argamaniif raabsuu kunis, qorichoota gosa 12 tajaajila adoochuutiif oolan keessaa hir'inni kan mudate isa tokkoo qofaarratti jedheera.

Kanneen hafan garuu dameewwan 17 tajaajila dhiyeessuu qoricha Itoophiyaatti haala gahaa ta'een kan argaman ta'u BBCtti himaniiru.

Daareektarri kun kana haa jedhan malee ammoo ogeessi wallaansa baqaqsanii yaaluu maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan tokko, qorichi maashaa diriirsuudhaaf ooluu Dikironiiyam jedhamu gutummaaatti magaalaa keessaa badee akka ture ibsu.

Qorichi wayita wallaansi waliigalaa kennamuutti wallaanamaaf kennamu kanaafi hir'inni qoricha adoochuuf tajaajiluu kun jiraachu kan dubbatan ogeessi fayyaa kun, kanaan kana ka'ees hospitaaloonni gatii dachaatiin oliin bituuf dirqamaa jiru jedha.

Hir'inni qoricha 'suxamethonium' jedhamu kanaa maaliif akka mudatee kan gaafataman Obbo Awwal, kunis kan haala bittaa idil-addunyaatiin wal qabate ta'u himaniiru.

Qorichoonni adoochuuf oolan kunnenis biyya keessatti kan oomishaman akka hintaaneefi haala sadarkaa hundaan jedhamuutti kan biyya alaarraa galfaman waan ta'eef, haala adda adaaatiin adda cicituun dhiyeessitii mudachu danda'a jedhan.

Sababiiwan rakkina dhiyeesitiiti jedhanii kaasan keessaa tokko, kan tilmaama hanga akka barbaachisuu sirriin tilmaamuu (forecast) gochuu dhabuun kan wal qabatu dha jedhan.

Kana malees hidhata dhiyeessi, akkasumas qorichoonni gara biyya keessaa wayita galfamaniitti yeroo dheeraa waan fudhataniif hir'innichi yeroof mudachu kaasan.

Rakkinni mudatees kan yeroo gabaabaati kan jedhan Obbo Awwal, ''har'a hir'inni jira jechuun boruf hir'inni ni mudata jechuu miti'' jedhan.

Kana malees qorichoonni gara biyya keessa galchuun eegalamu kan dubbatann Daareektarri kun, torbee dhufaa keessa akka raabsamuun eegaluu dubbataniiru.

Rakkiinicha amma mudate yeroo gabaabaa keessatti furuun hir'ina mudate sirreessuuf biyyoota ollaarraa dabalatee atattamaan karaa qilleensaatiin oomishichi gara biyyaa akka galuufi dhaabbilee fayyaatiif kan raabsamu ta'u himaniiru.

Rakkina amma mudate kana haala waliitti fufiinsa qabuun furuufis oomishichi biyya itti omishamu irraa karaa geejiba qilleensaatiin galfamuun ni raabsamas jedhan.