Miseensi paarlaamaa Kaanaadaa mana fincaanitii walgahii hirmaatan Shaafqaat Alii dhiifama gaafatan

Madda suuraa, Government handout
Miseensi mana maree paarlaamaa Kaanaadaa tokko mana fincaanii ta’uun viidiiyoodhaan walgahii waan hirmaataniif dhiifama gaafatan.
Miseensi paarilaamaa warra walabaa (Liberal) kan ta’an Shaafqaat Alii erga waahilli isaanii keenyaa mana fincaanii duubaan mul’atu hubataniin booda Jimaata darbe miseensa paarlaamaa paartii warra Konsarvaatiivitiin qeeqamaniiru.
‘‘Kaameeraan qarqara keenyaa mana fincaanii duuba agarsiisa ture’’ jedhan miseensi paarlaamaa mormituun.
Taateen qaanessaan miseensi mana maree yeroo walgahii intarneet gubbaa Zuum [Zoom] irratti akkanaan mul'atan haaraa miti. Inumaa waggaa lama keessa yeroo lammataaf mudate.
Aab Alii kan umuriin waggaa 55, duraan daldalaa mana jireenyaa kan turan yoo ta’u, bulchiinsa Kaaba-lixa Toroontoo akka tajaajilaniif bara darbe filataman.
Taateen kunis wayita miseensonni mana marichaa hedduun osoo wixinee seeraa irratti mari’ataa jiranuu Zoom dhunfaa miseensonni qofti arguu danda'an irratti wayita hirmaataniitti ture.
Miseensi mana marichaa Paartii Konsarvaativii Laayilaa Guudirih, kan walgahiicha qaamaan hirmaataa turaniitu waayillisaanii ‘‘mana fincaanii taa’uun hirmaataa jiraachuu malu,’’ jechuun kaafte.
Isaan boodas toorri mana marichaa miseensichi bakki namni kuni jiran ‘’mana fincaanii akka fakkaatu’’ mirkaneesse.
Kunis Af-yaa’ii ittaanaa gargaaraa chaambarichaa kana ‘‘miseensoonni hundi wayita karaa onlaayiinii seenaniitti malawwan itti fayyadamnuufi waan naannoosaaniitti’’ argamu hubachuu akka qaban hubachiisan.
Akkasumas guyyaa Wiixataas waa’ee Aab Aliin eessa turan jedhurratti mariin irra deebiin taasifame. Dureen garee Konsarvaatiif Joon Biraasaard taatee sanarratti bal’inaan ibsa kennan.
‘‘Kanneen taatee kana agartaniif ifa akka tureetti miseensi mana maree Libaraalaa manneen fincaanii warra dhiiraa gamoo kanarratti argaman keessaa tokko seenan,’’ jedhan Biraasaard.
"Dhagaan, karri mukaa fi sibiillii karrarraa fi qabduuwwan karra sana duubatti argamu… hundinuu waanuma beeknu fakkaata,'' jechuun akkaataa kaameraan ka'aamu hin oolles dubbatan.
"Miseensi paarlaamaa kunis wayita marii mana marichaa irratti hirmaataniitti dhuguma mana fincaanii keessa turan,'' jedhan.
Battaluma Mr Biraasaard kana jedhaniittis Miseensi Paarlaamaa Shaafqaat Aliin paarilaamaatti bilbiluun taatee mudateef dhiifama gaafatan.
"Dhimma kana baay'ee cimseen fudhadha. Dogongora walfakkaatus akkan irra deebiin hin raawwanneen waadaan gala’’ jedhan.
Af-yaa’ii ittaanaan Kiriis D’Entarmoon gama isaanitiin ‘‘dhiifama gaafachu’’ miseensa paarlaamaa Alii hordofee dhimmichi xumuramuu beeksisan.
"Kaameeraan mul'achuu yoo hin qabaanne, dhaamsaa,’’ jechuun miseensota mana marichaas yaadachiisan.
Bara darbes, miseensi mana maree warra paartii Libaraalii, Wiil Amoos osoo waligahii paarlaamaan gaggeeffamaa jiruu viidiyoo irra ta’uun fincaa’utti dhiifama gaafatamanii ture.
Baatiidhuma tokko duras, fiigichaa deebi’uun osoo waahillan waliin viidiyoon haasa’anii qullaa mul'atanii ture. Isaan boodas irra deebiin filatamuuf hin barbaadne.















