Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Raashiyaan warshaa oomisha konkolaataa Renault Moskoo jiru dhaalte
Dhaabbati 'Renault' warshaa konkolaataa Raashiyaa Avtovaz jedhamu keessa qooda olaanaa qabu sababa biyyattii keessa turuun dhiibbaan itti baay'ateef qooda isaa gurguraa akka jiru ibse.
Warshaan konkolaataa Faransaay kuni qooda isaa 68% inistitiyutii saayinsii Raashiyaaf akka gurguru hime.
Qoodi isaa Renault Raashiyaa keessa jirummoo magaalaa Moskootti akka darbu ibse.
Raashiyaan warshaa oomisha konkolaataa 'Renault' jedhamuufi qabeenyummaan isaa kan Faransaay ta'e qabeenya mootummaa gochuun dhaalte.
Kuni eega biyyattiin Yukireen weerarte as kaampaanii alaa jalqabaa qabeenyummaan isaa mootummaa jala akka seenu taasifamedha.
Ministeerri Indastiriifi Daldalaa Raashiyaa ibsa baasen meeshaan warshichaa Federeeshinii Raashiyaatti akka darbu waliigalteen raawwachuu isaa hime.
Odeeffannoon dabalataa waa'ee waliigaltee kanaa ifa hin taasifamne.
Baatii Ebla keessa garuu Ministirri Indatiriifi Daldalaa Raashiyaa Deenis Maanturoov dhaabbati Renault qabeenya Raashiyaati qabu gurguruuf yaada akka qabu ibsanii turan.
Akka dhaabbatichi gaafa Wiixataa ibsa baasen taanaan waliigalteen kuni warshaa oomisha isaa Moskoo jiru, Avtoframos, kan modeloota konkolaataa Renault fi Nissan oomishan ni dabalata.
Kantiibaan magaalaa Moskoo Sargeeyi Sobyaanin oomishi bakka warshichaa biraandii bara Sooviyeet kan ta'e Moskvich oomishuun ni eegala.
Hoogganaan konkolaataa Renault Luca de Meo: ''Guyyaa har'aa murtee rakkisaa garuu barbaachisaa ta'e murteessine.
''Waa'ee hiree hojjettoota keenya 45,000 Raashiyaa jiranii murtee itti gaafatama qabu murteessine,'' jechuun fuula duratti biyyattiitti deebi'uu akka fedhan akeekuun ibsan.
Waliigalteen Renault waliin taasifa,e kaampaanicha dolaara biiliyoona 2.29 ni baasisa jedhamee tilmaamama.
Dhaabbati Avtovaz Raashiyaa keessatti oomisha konkolaataa baay'inaan oomishuun kan beekamu yoo ta'u biraandii biyyattii beekamaa Laadaa jedhamuus isatu oomisha.
Baatii Bitootessa keessa ture warshaa Moskoo keessaa qabu keessaa oomisha dhaabuu kan hime.
Kunis, erga Pirezidantiin Yukireen Volodimiir dhaabbatichiifi kaampaaniin Faransaay biroo ''ajjeechaa dubartootaafi daa'immanii tumsaa jiru'' jechuun himatanii Raashiyaadhaa akka bahan gaafatan boodadha.
Biraandiiwwan idil-addunyaa kanneen akka Starbucks, Coca Cola, Levi's fi Apple Raashiyaan erga Yukireen weerarte booda Raashiyaa gadhiisanii bahaniiru.
Kaanimmoo biiznasii biyyattii keessa qaban gurguruuf barbaadaa jiru.
Kana dura Moskoon yoo dhaabbileen kunneen oomisha dhaaban qabeenya isaanii akka qabeenya mootummaa jala galchitu himtee turte.