Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wal tajjiin marii biyyaalessaa Itoophiyaa bara dhufu jalqabuuf jedhu maalirra jira?
Wal tajjiin marii biyyaalessaa Itoophiyaa A.LItti bara 2015 ji'a Sadaasaa keessa akka jalqabamu walitti qabaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa pirofeeser Masfin Araayaa himan.
Mariin biyyaalessaa kun boqonnaa afuritti qoodamuun kan gaggeefamu yoo tahu, adeemsa hanga ammaatti tureenis hojiin qophii duraa xumuramaa jiraachuu himaniiru miidiyaaleen biyya keessaa walitti qabaa komishinichaa pirofeser Masfin Arayaa wabeeffachuun gabaasaniiru.
Marii biyyaalessaa rakkoo biyyattii fura jedhamee yaadame kana hunda akka hammatu dubbatamaa turus KFO'n ibsa miidiyaaf tibbana kenneen rakkoo biyyattiin keessa galte kan furu miti jedhe.
"Yeroo ammaa kana sochiin maqaa marii biyyaalessaatin geggeefamaa jiru adeemsa qoosaa ta'uu biraa darbee rakkoolee jiran kan daran hammeessu adeemsa balaa qabudha" jedheera.
Komishiniin marii biyyaalessaa ijaarames ta'e adeemsichi walaba fi hirmaachisaa akka hintaanes himeera.
Haala amma biyyattii keessa jirun Komishiniin marii biyyaalessaa jijjiirama fiduu akka hin dandeenye dura taa'aan dhaabichaa Profeesar Mararaa Guddinaa sodaa qaban himan.
Marichi kunneen hidhannoon bosona jiran dabalatee qaamolee hunda kan hirmaachiseefi haala qaamni walabaa jirutti adeemsifamuu akka qabus himeera.
Haa tahu malee, hanga ammaatti mootummaa federaalaa waliin wal waraanaa kan turee fi ammas muddama keessa jiru TPLF akkasumas naannoo Oromiyaa keessattii hidhachuun kan socho'u WBO marii biyyaalessa qophaa'aa jiru keessatti akkamiin ilaalamu kan jedhu ifa miti.
Xiinxaltootni siyaasaa tokko tokko ammoo qaamoleen hidhachuun socho'an lamaan marii keessa yoo hin galle ammallee mariin biyyaalessaa bu'aa barbaadame hin fidu amantaa jedhu qabu.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa kun dhiibbaa fi gidduugalummaa qaama keessaa fi alaa malee gaggeessuuf akka socho'aa jiru himeera.
''Marichi mootummaadhaanis tahe qaama biyya alaa jiruun akka micciiramuu fi gaggeeffamu hin barbaannu'' kan jedhan pirofeseer ogeessotni biyya alaa fi biyya keessaa akka galma isaa gahuuf deeggarsa gochuu qabu jedhan.
Deeggarsa maallaqaa ilaalchisee ministera maallaqaatti tirasti fandiin banamuun deeggarsi alaa argamus tahe maal irra akka oole odiit godhamuun kan hojiirra oolu taha jedhan.
Ajandaan marichaaf qophaa'u yaada uummataa gara gadii jiruu ykn hawwaasa keessaa irratti hundaa'uun akka tahe himanii, haaluma kanaan hawwaasa keessaa namootni walaba tahanii fi uummata bakka bu'an filatamu jedhan.
Dabalataan odeeffannoo uummataan gahuuf kutaa odeeffannoo cimsaa akka jiru komishinici himeera.
Itoophiyaa keessatti wal dhabdee daangaa waliin wal qabatanii ka'anii fi eenyummaa waliin wal qabachuun ka'aa turan deebisuuf komishinootni adda addaa hundaa'uun hojjechaa turaniiru.
Haa tahu malee wal dhabdee gama daangaan ka'anis tahe eenyummaa waliin waggootaaf ka'aa turan yeroo deebisan hin mul'atan jedhamuun qeeqamaa turan.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa amma hojiitti jiru ammoo sanada qorannoo komishinootni yeroo tajaajila isaanii xumuran akka Komishinii Daangaa fi Eenyummaa akkasumas Komishiniin Araaraa fi Nagaa gaggeessan harkaa fuudhachuunmarii kanaaf akka galteettan fayyadama jedheera.
Itoophiyaan waliigaltee biyyaalessaara akka geessuuf yeroo mariin kun adeemsifamuuf qophiitti jiru kana sodaa humnootni TPLF ammas waraanatti galuu danda'u jedhus jira.
Waana Kaaba biyattiitti humnoota TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti gaggeeffamaa tureen biyyattiin qabeenya guddaa fi lubbuu namaa kumaatamaan dhabdeetti.