Pirezidantiin UAE Sheek Kaliifaa ganna 73'tti du'aan boqotan

Maxxanfame

Pirezidantiin Yunaayitid Arab Emireet (UAE) Sheek Kaliifaa bin Zayeed al-Nahiyaan ganna 73'tti du'aan boqotan. Du'a Pirezidantii UAE hordofee guyyaan gaddaa afurtama labsameera.

Biyyi kuni mootota badhaadhoo addunyaa keessaa tokko dha.

Sheek Kaliifaan bara 2004 eegalee pirezidantii biyyattii turani. Taatullee erga 2014 eegalee dhukkuba istirookiin dhibamaa waan turaniif gaheen isaanii hammana cimaa hin turre.

Obboleessi isaanii Mohaammad bin Zaayed al - Naahiyaan bakka isaanii bu'uun dhimma biyyattii hordofu jechuudha.

Maatiin al-Naahiyaan qabeenya dolaara biiliyoona 150 qabu jedhamee amanama.

Sheek Kaliifaan Pirezidantii UAE'n ala bulchaa magaalaa guddoo emireetota torbanii kan taate kan Abu Daabiitis.

Duunii isaanii miidiyaa WAM jedhamuun ifa taasifame.

Ministirri dhimma pirezidantichaa guyyaa gaddaa afurtama labsamuu gaafa Jimaataa ibsaniiru. Alaabaan biyyattiis walakkaatti hanqattee mirmirfama.

Guyyoota jalqabaa sadiif hojiin seektaroota ummataafi dhuunfaa akka hafu ta'eera.

Sheek Kaliifaan abbaa isaanii bakka bu'uun bulchaa Abu Daabii 16ffaa ta'un bara 2004 pirezidantii ta'anii muudaman. Pirezidantii lammataa UAE'dhas.

Waggoota kudhan dura bulchiinsa isaanii jala jijjiirama caasaa mootummaa federaalaafi Abu Daabii gaggeessaa turan.

Erga istirookiin qabaman booda garuu miidiyaatti as hin baane. Ta'ullee hojii itti fufanii turan.