Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Pirezidant Putiin waraanaa dheeraaf qophaa’aa jiru - Tika US
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin Yukireen keessatti waraana dheeraaf, tarii injifannoo waldhabdeen akka baha keessatti hin dhaabanneef qophaa’aa jiru jechuun tiki US akeekkachisee.
Akeekkachiisi kunis yeroodhuma baha karaa Raashiyaan daangaa deebifachuuf waraanni cimaan gaggeefamaa jiruu dhagahame.
Mooskoonis erga yaalii magaalaa guddoo Kiyiiv qabachuuf taasifte Yukireen irraa qolannaa cimaan mudatee booda naannoo Doonbaas deebiftee to’achuuf yaalaa jirti.
Haata’u malee, humnootiin ishee dadhabaa jiraachuu tiki US hime.
Avriil Haayinas, daarektarri tika biyyaaleessaa Kibxata koree Seenetii US'tti akka himaniitti, ‘‘Putiin ammalleen galma Donbaas alaa fiixaan baasuuf yaalaa jiru,’’ garuu ammo ‘‘fedhiin isaaniifi dandeettii waraana Raashiyaa ammaa jidduu madaallii dhabamuun mudataa jira,’’ jedhan.
Itti dabaluunis, pirezidantiin Raashiyaa ‘‘tarii’’ qaalaa’insa, hir’ina nyaataafi gatii boba’aa dabalaa jiru hir’isuuf deeggarsa US fi EU lakkaa’aa jiru jedhan.
Haata’u malee, pirezidantiin Raashiyaa waraanni waan itti fufaa jiruuf ‘‘rakkoo caalaa cimaa’’ keessa galuu mala- Raashiyaan yoo kan ‘‘jiraachuuf ishee sodaachisa jettee amante’’ Puutiin meeshaa waraanaa qofaa fayyadamu danda’u jedhan.
Daarektarri Eejansii Tika Waraanaa, Iskuuti Beeriir gama isaanitiin, Raashiyaanonnii fi Yukireenonni haala ‘‘xiqqoo rakkisaa keessatti’’ argamu jechuun korichatti himan.
Waraana dhumaatiin, Yukireen naannoo Kaaba-baha Kaarkiivitti iddoowwan qubannaa afur deebiiftee to’achuu himte.
Iddoowwan akka Cherkasy Tyshky, Ruski Tyshky, Rubizhne fi Bayrak fa’i hundi Raashiyaa harkaa humnootii Yukireeniin deebifamaniiru.
Pirezidant Voolodmiir Zalansikiin injifannoon Yukireen waljalaan humnootii Raashiyaa Kaarkiiv kan erga waraanichi eegalee qabee haleellaan irratti gaggeefamaa jiru keessaa ari’ataa jiru.
Yukireen bakkeewwan garaa garaatti:
- Magaalaa Izyum keessatti, wayita magaalatti to’achuuf waraanni cimaa gaggeeffameetti reeffi namoota nagaa 44 jijjigaa gamoo jalaa argame.
- Bitooteessa keessa gamoon mana jireenyaa abbaa darbii shanii namoonni haleellaa Raashiyaa jalatti dhokatanii turan jigee lubbuu baraartonni qaqqabuun namoota oolchan.
- Magaalaa Kaaba-baha Kaarkivitti argamtu Izyum akka seensa Donbaasitti beekamti. Isheenis bosonaafi laggeeniin kan marfamte yoo taatu, uumamaan badhaatudha.
- Haleellaan magaalaa Maariyupuul qabachuuf taasifameen loltoonni Yukireen dhiibbaatamaan lakkaa’aman loltoota Raashiyaatiin yaa’awwan lafa jalaa keessatti marfamaniiru.
- Maariyupuul to’achuun sababii isa to’achuun buufataalee Yukireen gurguddoo keessaa tokko qabachuu waan dandeessisuufi haala salphaatti naannicha akka qaqqaban gargaaruuf Mooskoodhaaf waan duraa ture.
- Magaalaa buufataa Odeessaa keessatti haleellaan misaa’eela halkan keessa gamoowwan hedduu barbadeessuun manneen jireenyaa dhiheenyatti argaman raaseera. Namni tokko ajjeefamuu namoonni shan ammo madaa’aniiru, akka humnootiin Yukireen jedhaniitti.