Gaaffiin Yukireen EUtti makamuu waggoota fudhachuu mala- Maakroon

Maxxanfame

Yukireen miseensummaa Gamtaa Awurooppaatti fudhatamuuf waggoota akka fudhatu Pirezidaantiin Faransaayi, Emaanu’eel Maakroon dubbatan.

Maakiroon haassaa paarlaamaa Gamtichaa irratti Strasbourg keessatti taasisaniin, kanarra Yukireen hanaga murteen taasifamutti akka ‘‘hawaasa Awurooppaa walgitaniitti’’ makamtuuf yaada kennan.

Kunis biyyoonni miseensa EU hin taanee karaa biraatiin caasaa nageenya Awurooppaatti akka makamaniif ni dandeessisa jedhan Maakiroon.

Haasaan Maakroon kunis osoo Raashiyaan Yukiren- bulchiinsa baha Donbaas keessatti babal’ifachuuf yaalaa jirtuutti.

Qondaallii waraanaa US olaanaan adeemsi Raashiyaatiin ‘‘fooyya’iinsa dijitii baaqqee kilomeetiraa’’ jechuun ibasn. Hogganaan Yukireen ammoo naannoo Luhaansk keessatti waraanni cimaan gaggeeffamaa jiraachu beeksiisan.

Gama biraatiin ammoo, guyyaa Wiixata kaleessaatti:

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haasaa guyyaa injifannoo irratti taasisaniin humnootii Raashiyaa Yukireen keessaa lafa haadhasaanitiif lolaa jiru jedhe. Garuu ammoo haasaa isaatiin wanti guddaan ifa taasisee omtu hin turre.

  • Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Aab Puutiin waraanicha keessaa haala itti bahu danda’u yaaddeessuu himan. Puutiin waraanichi Nato fi Gamtaa Awuroppaa akka adda cabsuu dogongoraan amane jedhe.
  • Miisaa’eelloonni hedduu gara magaalaa kaabaa kan taatee Odeesaatti dhukaafamuun jiddugala daldalaa fi man-kuusaa barbdadeessuu qondaaltoonni naannichaa himan.
  • Rooggeeyyiin Yukireen deeggaran Poolaand keessatti Ambaasaadar Raashiyaa osoo bakka awwalcha waraana Sooviyeetti kan Waarsaaw keessa dowwataa jiruu dhangala’aa diimaa itti facaasan.

Yukireen Gantaa Awuroppaatti makamuuf bara kana Guraandhala keessa weerara Raashiyaatiin guuyyoota afur dura ture iyyata kan galfatte.

"Yukireen akka gamtichatti makamtuuf hayyamuun waggoota dheeraa, tarii baroota akka fudhatu hundi keenyaa beekna,’’ jedhe Maakiroon.

Itti dabaluunis, ‘‘Sun dhugaadha, yoo ulaagaalee miseensi ofitti fufhatamuun gadi hir’isuuf barbaadne malee. Tokkommaa Awurooppaa keenyaa irra deebiin yaadaa,’’ jedhe.

Aab Maakiroon iyyata Yukireeniif saffisaan deebii kennuuf ulaagaa miseensummaa EU cimaa diiguurra miseensummaa ‘‘hawaasni Awurooppaa gitaa’’ yaaduun gaariidha jedhe.

Yaadni Maakiroon kunis battaluma Pirezidaantiin Komishiinii Awuroppaa Ursulaa Voon der Leyen, gaaffii Yukireen miseensa EU ta’uuf dhiyeessiteerratti Waxabajjii keessaa yaada jalqabaa akka baasan himaniin boodha.

Qondaaltoonni Kiyiiv Wiixata akka mirkanneessaniitti Yukireen kutaa lammaffaa iyyata miseensummaa EU Biraasilsiitti galfattee jirti.

Adeemsa idileetiin miseensummaa EU argachuuf yeroo dheeraa kan fudhatuufi biyyi iyyannaa galfates ulaagaalee hedduu guutuutu eegama. Kunis dimokiraasii fi olaantummaa seeraa eeguu kaasee hanga dinagdee cimaa qabaachu dabalata.

Pirezidaantiin Yukireen Voolodmiir Zalansikii EUn battalatti miseensummaa biyyasaatiif kennuuf adeemsa addaa fayyadamu akka danda’u kaasee ture, garuu ammo kun hin taate.

Pirezidaantiin Faransaayi Maakiroon erga irra deebiin filatameen booda yeroo jalqabaatiif Wiixata kaleessaa imalasaa biyya alaa gara Jarmaniitti taasisuun duree biyyattii Olaaf Skooliiz waliin Barlii keessatti wal argan.