Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Putiin yaadannoo Injifannoo Naazii Jarman irratti biyya abbaa isaaniif akka falman himan
- Barreessaa, Pool Kirbeey
- Gahee, BBC News
- Maxxanfame
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin yaadannoo injifannoo waraana addunyaa lamaffaa Naazii Jarman irratti haasaa godhaniin waraanni Yukireen dhimma hiree ''biyya abbaa ofii eeguu'' ta'uu dubbatan.
Putiin sirna waggaa waggaan kabajamu kana irratti waraana Yukireen irratti gageesssaa jiraniin walqabatee waan hedduu dubbatu jedhamee osoo eegamuu haasaan isaanii gara caalu duulli isaanii dhimma hegeree biyya isaanii mirkanessuu akka ta'e dubbatan.
Waraana kanaan injifannoo bara 1945 waliin walfakkeessuun warra Lixaa fi Nato fedha nageenyaarratti yaada jiru boodatti jedhe jedhan jechuun komataniiru.
Waraanni kun erga eegalee torban kurnaffaa irrattis lakkoofsi namoota nagaa dhumanii dabalaa jira.
Baha Yukireen magaalaa Bilohorivka jedhamu keessatti haleellaa Raashiyaan mana barnootaa namootni itti dahatan keessatti raawwataniin namootni 60 ta'an du'uu hin ooln jedhameera.
Putiin haasaa isaanii kanaan warra Yukireeniin faashistoota jedhanii akkuma amma duraa mootummaa Kiyeev jiruun kan ilaalcha Naazii qabu(neo-Nazi) dha jedhan.
''Biyya abbaa ofii eeguun waan qulqulluudha, har'a uummata keenya Donbas jiraniif lolaa jirtu, nageenya Raashiyaaf, biyya keenyaaf'' jedhan.
Putiin haasaa isaanii keessatti weerarri kun akka gaggeefamu NATO fi Yukireen dubbii barbaadaa, itti qophaayan jedhaniiru.
''Warri Kiyeev humna niiwukileera akka qabaatan dubbachaa turan Nato ammoo lafa nutti dhiyoo jirutti siiqaa jira, kun ifatti nuufi daangaa keenyaaf yaaddoodha.''
Wajirri pireezidantii Raashiyaa himannaa kanaaf deebii kenneen ''biyyootni Nato Raashiyaa haleeluuf hin jiran. Yukireenis Kiriimiyaa loluuf karoora hin qabdu'' jedhe.
Waltajjii kana gubbaatti Putiin tarsiimoo siyaasaa isaanii jijjiiranii, oppireeshinii waraanaa jecha jedhu dhiisanii guutummaatti waraana labsu ykn humna waraanaa isaanii jabeessuuf dargaggoon akka duulu waamicha godhu jedhamee eegamaa ture.
Putiin garuu labsii haaraa maatiin loltoota Raashiyaa Yukireen keessatti du'aniifi miidhamanii deeggarsa addaa akka argatan jedhu mallatteesaniiru.
Yaadannoo guyyaa injifanoo Naazii Jarman kana gubbaatti agarsiisfni humna waranaa biyyattii addabaabayii diimaa magaalaa Moskoo irratti kan gaggeeffame yeroo ta'u, loltoota Raashiyaa Yukireen keessatti dhumaniif yaadannoon daqiiqaa tokkoo gaggeefamera.
''Putiin haasaa isaanii daqiiqaa 11 yeroo xumuran ''kabajni waraana keenyaaf haata'u, Raashiyaaf, injifannoof, hoorah'' jedhan waraanni ammoo cooqanii.
Agarsiisa kana gubbaatti loltootni 11,000 ta'aniifi konkolaattotni waraanaa 131 hirmaachuu ejensiin oduu Raashiyaa gabaaseera. Meeshaalee waraanaa agarsiifaman keessaa taankiin ammayyaan waraan Yukireen kana gubbaatti hin hirmaanne Armata jehdaman mul'ataniiru.
Agarsiisa kana gubbaatti hoogganaan waraana Raashiyaa Valeeriy Geraasimoov hin mula'nne. Gabaasaaleen hin mirkanoofne hoogganichi adda waraanaa Donbas wayita doowwatan miidhamaniiru jedhu jira.
Agarsiifni qilleensaas sababa haala qileensaa badaan adda citeera.
Guyyaa kana dura addabaabayii diimaa Mooskootti xiyyaaronni waraanaa shaakallii gochaa turan.
Waraana addunyaa lammaffaa irratti tokkummaan Sooviyeet loltoota miiliyoona 27 kan dhabde yeroo ta'u isaan keessaa miiliyoona saddeet kan ta'an warra Yukireeni.
Injifannoodhuma guyyaa Caamsaa 9 kan Yukireen keessattis yaadatameen ammoo pireezidant Voloodimiir Zeleniskiin bara 1945 Naaziin akkuma ari'atame, ammoos biyya keenya kutuuf duula godhamuuf hin hayyamnuu jehdan. Dhiyyootti Yukireen yaadannoo injifannoo lama ni kabajatti jedhan.
Raashiyaatti guyyaa kana irratti hiriironni mormii xixiqqoon mul'ataniiru.