Masiriin dargaggoota 13 dubartoota daawwannaa irra turan qoccolan hiite

Masriitti lafa hawata turiistii keessaa tokkoo Piraamiidii Giizaa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Masriitti lafa hawata turiistii keessaa tokkoo Piraamiidii Giizaa
Maxxanfame

Masiriin dargaggoota 13 dubartoota biyyatiitti daawwanaa lafa hawwata tursitii Piraamiidii Giizaa turan irratti qoccoollaa raawwataniiru jechuun shakkaman hiite.

Dargaggoonni kunneen to’annaa jala akka oolfamaniif ajaja kan dabarse abbaa alangaa biyyattiiti.

Torban darbe keessa dubartoota lammii biyya biraa lama osoo eddoo seena-qabeessa ta’ee daawwataa jiranuu dargaggoonni kunneen gareedhaan ta’uun wayita qoccoollaa irratti raawwatan viidiyoon erga miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifameen booda lammiileen biyyattii dheekkamsa isaanii ibsataniiru.

Kana hordofees ibsa abbaan alangaa biyyattii baaseen, darggagoonni kunneen kan umurii waggaa 13- 15 jidduutti argamaniidha jedheera.

Dargaggoonni gamasaanitiin daawwattoota waliin suuraa ka’uuf barbaadanii malee rakkoo kamuu uumuuf barbaadanii akka hinturre dubbataniiru.

Haata’u malee qorannoon isaan irratti gaggeeffamu hanga xumuramuutti dargaggoonni kunneen mana sirreessaa keessa akka turan abbaan alangaa ibsa isaatiin beeksiise.

Abbaan Alangaa ibsa isaatiin akka jedheetti, himannaa daawwanni darggaggoota kanneen irratti dhiyeessaniin alatti, dargaggoonni kunneen wayita qoccoollaa jechaa fi qaamaa raawwatan warraabbiin viidiyoo jiraachuu ibseera.

Viidiyoo sakandii 35 dheeratu irratti namni daawwachiisu tokko, ‘‘dargaggoonni lammii Masrii daawwattootta biyya alaa jala adeemuun’’ yoo balaalleefatuufi kanas Ministeera Turiiziimiitti beeksiisuu akka barbaadu yoo dubbatu ni dhagahama.

Dargaggoonni ammoo bilbila harkaa qabatanii yoo dubartoota marsaniifi dubartoota keessaa isheen tokko mucaa fulduraan ishee tuqee ofiirraa ittisuuf yoo dhiibdu mul'ata.

Waggota dhiyoon as Masriitti dubartoota hedduu duula #Me too- kan sadarkaa idil-addunyaatti qoccoollaa dubartoota irra gahu gaggeefamun kaka’aniifi miidiyaalee hawaasaa irratti muxannoo qoccoollaa fi miidhaa saalaa Masrii keessatti irra gahuu qoodaniiru.

Paarlaamaa biyyattii bara darbee seera adabbii yakkaa Kanaan dura ture fooyyeessuun, namoota qoccoollaa saalaa raawwatan irratti addabbii cimaan akka kaa’amuuf seerri dhiyaate raggaasiifameera.

Haaluma kanaanis namoota gochicha raawwatan irratti addabbiin maallaqaa hanga doolaara 6,370 -12,740 tiin alattis, hiidhaa Kanaan dura baatii jahaaf ture gara wagga lamaatti ol kaaseera.

Ta’us aanga’oonni Masrii irra deddeebiin dhiiroota dubartootaafi shamarran irratti qoccoollaa saalaa raawwatan irratti qorannoo barbaachisu taasisuun murtee addabbii dabarsuu dhiisuutti himatama.

Qorannoon UN bara 2013tti bahee tokko akka agarsiisutti, Masriitti dubartoonnii fi shamarran parsantaa 99.3 ta’an bara jireenyaa isaaniitti qoccoollaan saalaa irratti ni raawwatama.

Akkasumas kanneen parsanataa 82.6 ta’an ammoo nageenyi kan itti hin dhagahamnee ykn daandii irratti nageenyi isaanii kan eegame akka hin taane beeksiiseera.