Ragaan yakka waraanaa Itoophiyaa barbadeeffame jedhan jiraattotni ijaan argan

    • Barreessaa, Lucy Kassa
    • Gahee, Journalist
  • Maxxanfame

Ragaa yakka sanyii balleessuu Lixa Tigraay keessatti raawwatame dhabamsiisuuf jecha duulli reeffa namoota dhibbaan lakkaawamanii kan dhabamsiifamuu namootni ijaan argineerra jedhan 15 himan.

Himannaan haaraa kun kan dhagaahame Manni Maree Mirga namoomaa UN yakka waraana Tigraay keessatti raawwatame qorchuuf garee haadha alangaaa duraa Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaa Fatuu Bensuudan hoogganamuu Itoophiyaatti boba'auu duradha.

Namootni ijaan argineerra jedhan kun hidhattootni naannoo Amaaraa kan Lixa Tigraay to'atanii jiran, awwaala jumlaa qotuun reeffa namootaa naannicha ture baasanii gubuun hambaa isaas naannicha keessaa guuraa jiruu jedhan yaada bilbilaan kennaniin.

Aanga'oonni awwaalchi qotamaa jiraachuu amananii dhimmichi humnoonni Tigraay ajjeechaawwan sabummaarratti xiyyeefatee barkurneef raawwachaa turan agarsiisa jedhan. Qo'attootni Yunivarsiitii Goondaris awwaalcha jumlaa aragchuu beeksisanii hidhattoota TPLF hidhattoota TPLFs waliin hidhata akka qabu himaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa ji'oota 17 gaggeefame kanaan qaamoleen hirmaatan hunduu ajjeechaa jumlaan himatamu.

Ta'uus jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman Aminsitii Intarnaashinaal fi Hiyuumaan Raayits Waach gabaasa isaanii dhiyeenyaan humnoonni fi aanga'oonni Amaaraa duula sanyii balleessuu dhalattoota Tigraay irratti raawwachuu ibsaniiru.

Mudde darbe Manni Maree Mirga Namoomaa UN gartuun qorattootaa walabaa waraana kana keessatti yakka qaamolee hundaan raawwatame akka qoratu bobbaafamu yaada murtee dabarseera.

Mootummaan Itoophiyaa murtee kana cimsee kan balaaleffate yoggaa ta'u gareen qorannoof ergaman akka hin tumsine ''meeshaa dhiibbaa siyaasaatii'' jechuun ibseera.

Ji'a darbe ammoo qorannoo kanaaf maallaqni akka hin ramadamne sagaleen akka kennamu godhamus Chaayinaafi Raashiyaan Itoophiyaa deeggaranis osoo hin milkaahanii hafeera.

Reeffaa gubuu

Namootni ijaan argine jedhan mallaqni qorannoo kanaaf akka ramadamu ragga'uu guyyaa sadii booda Lixa Tigraay keessatti duulli ragaalee ajjeechaa balleessuu eegalamee jedhu.

''Magaalaa Humaraa mana barnootaa Hameelee Hamushtii jedhamu cina lafa badhee jirutti reeffii dhalattoota Tigraay nagaa 200 awwaala jumlaa lamatti awwaalame.

Kunniin namoota nagaadha ji'oota jalqabaa waraanichaatti ajjeefamaniidha'' jedhe dhugaa bahaan sabummaa Walqaayit qabuufi magaala Humaraa jiraatu.

Dhalattootni Tigraay naannichaa gariin yeroo baqataniifi kaan ammoo jumlaan yoo hidhaman, warreen saba Walqaayit ta'ii kana ijaan argaa gabaasaa turan.

''Ebla 4 milishaan Amaaraa fi Faannoon namoota awwaalaa baasan. Muka walitti qabanii wanna amma dura arginee hin beekne itti biifan achii reeffa baasan guban. Reeffi sun caccabee daaraa ta'e.''

Dhuga bahuumsi kun yaada namootni ijaan ragine jedhan kaan kennan waliin wal sima. Milishaan Amaara fi Faannoo kutaa Humaraa kan biroo keesattis reeffa namoota awwaalamanii mancaasuu namootni ijaan argan himaniiru.

''Reeffi kun kan namoota nagaa manneen hidhaa jumlaa keessaa baafaamaniiiti. Reeffii namoota 100 ta'anii Insititiyuutii qonnaa Humaraa duuba awwalamee ture'' jedha namani ijaan argu himu kan biraan.

''Reeffa isaanii fuudhanii mooraa inistitiyuutichaa keessatti mukaan gubanii gara daaraatti jijjiiran achiis kemikaala nuti hin beekne itti naqan. Yeroo kana godhan fuula isaanii huccuun haguuganii harka isaaniittis waa maratanii turan.''

Adenaay magaala kan biraa Lixa Tigraay keessatti argamtuudha. Achittis reeffa namootaa sdhabamsiisuun ragaa dhoksuuf hojjetamuu namni arge himeera.

''Ganama guyyaa Ebla 10, milishoonni Amaaraa Bataskaana qulqullicha Abuna Aregaawwii keessatti awwaala jumlaa afur qotan'' jedha jiraataan magaalittii.

''Ji'a Adoolessaa keessa duula sanyii balleessuu gaggeefameen namoota nagaa 150 dhumaniiti. Reeffa isaanii konkolaataatti fe'an. Reeffa kana garam akka geessan hin beeknu.''

Namni kan biraan ammoo guyyaadhuma san awwaalchi jumlaa tokko waajira bulchiinsaa magaalichaa duuba qotamuu hima. Achitti namootni nagaan 39 ta'an Onkololessa 2021 awwalamuu hima.

Kunniin namoota nagaa magaalaa Addi Goshu jedhamutti miliquuf osoo yaalan marfamanii qabamaniidha.

Akka namni kun jedhutti reeffi lafa sanaa qotamee bahes konkolaataatti fe'amee bakka hin beekamne geeffameera.

Magaalaa kan biraa Ba'ikeer jedhamuttis gochi walfakkaataan raawwachuu namni ijaan arge himeera.

''Reeffichi kan namoota nagaa 70 kan Ba'ikeeritti hidhamanii turaniiti. Ji'a sagal dura ajejefaman'' jedha jiraataan naannichaa.

''Ebla 11 milishoonni Amaaraa reeffa namoota kanaa qotanii baasan achii magaalaa naannoo Amaaraa Saanjaa geessan.''

Akka dhuga baatotni kunniin jedhanitti duulli ragaa balleessuu Ebla 4 eegale, kan duula kana qindeesse ammoo ogeeyyii Yunivarsiitii Gooondari.

''Kan jalqabame ogeeyyiin Yunivarsiitii Gondar daawwannaa erga godhaniiti. Yeroo dhufan konkolaataan jeerikaana adiitti keemikaala baatu waliin jira. Ogeeyyiin kun guyyootaaf milishaan Amaaraa akkamiin reeffa akka dhabamsiisaan maagilicha turaniileenjisanii deebi'an.''

Jiraattotni sadii milishoonni ifatti Yunivarsiitiin Goondar qooda qabaachuu himaa turanii jedhu. Akkamiin ragaan ajjeechaa argamuu akka hin dandeenyes dubbataniiru jedhu.

Himannaa irratti dhiyaate kanaaf Yunivarsiitiin Goondar deebii hin laanne. Haata'u malee ji'a darbe miidiyaan biyyaalessaa ogeeyyiin Yunivarsiitii Goondar awwaalcha jumlaa 12 naannichatti adda baasuun TPLF duguuggaa sanyii raawwachuu ragaa aragachuu himee ture.

Keemikaalota fayyadamuun reeffa namaa guutummaatti dhabamsiisuun akka danda'amu ogeeyyiin ni dubbatu.

Yunivarsiitii Koollejjii Landanitti ogeettii inorganic chemistry kan ta'an Adreaa Sellaa hoo'a guddaan reeffa namaa dhabamsiisuun ni danda'amaa jedhu.

Yunivarsiitii biyya Jarman RWTH Aachen keessatti Keemikaal Injinarummaan Dooktara kan ta'an Gabrakidaan Gabrasillaasee ragaalee foorensikii keemikaalaan dhabamsiisuun akka danda'amu mirkaneessu.

''Kemikaalli kun ragaalee foreensikii ni dhabamsiisu...garuu garuu ammoo daaraan isaayyuu ragaa hambisa. Guutummaatti dhabamsiisuun ni ulfaata'' jedhan.

Dhimma kana ilaalchisee waajira Ministira Muummeerraa deebii argachuuf gaaffiidhiyaateef deebiin hin argamne.

Afayaa'iin Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaa Aganyaw Tashaagar kan pireezidantii naannoo Amaaraa turanii garuu himannaa kana fudhatama dhabsiisaniiru.

Reeffi baafamuu kan amanan aanga'an kun reeffii bae kan dhalattoota Amaaraa nannichatti waggoota 40 darban ajjeefamaniiti jedhan.

''TPLF biyya bulchaa waan tureef reeffa namoota kanaa baasuun hanga ammaatti aaddunyaatti agarsiisuun hin danda'amne ture''jedhan.

Jaarmiyaaleen mirga namoomaaf dhaabatan Lixa Tigraayitti yakki sanyii balleessuu raawwachuu isa gabaasanis soba jechuun fudhatama dhabsiisaniiru.''Hafarsuu, dhugaa lafa jiru ilaalcha keessa hin galchineedha''