Lakkuu garaa haadhaa keessa isin wajjiin tureefi kan isin hin beekne qabduu laata?

Madda suuraa, Getty Images
Namootni hedduun utuu hin beekiin jireenya isaanii lakkuu ta’anii eegalu. Qorannoon haaraa utuu hin dhalatiin dura yoo lakkuu qabdu ture adda baasuu danda’aa?
Ijoollummaa isaatti Jefirii Kireeg irra daddeebiin waa’ee lakkuu qabaachuu abjoota ture.
Yeroo Wiirtuu Qorannoo Daa’immanii Murdoch, Awustiraaliyaa jiru keessatti qorannoo gaggeessaa turetti, Kireeg waa’ee haala fayyaa “lakkuu badanii” ykn ''vanishing twin syndrome'' jedhamu bare, haalli kun yeroo lakkuun jalqaba ulfaatti du’u kan ibsudha.
Kutaan qaama lakkuu kanaa gariin gadameessa keessatti hafuu danda’a, ykn tishuun isaa diigamee seelotni isaa lakkuu isa biraan fudhatamuu danda’a. Kana yeroo dubbisu, Kireeg abjuun isaa hiika wayii qabaachuu mala jedhee yaaduu eegale.
Amma Yunivarsitii Deakin'tti barsiisaafi itti aanaa hogganaa Qorannoo Lakkuu Awustiraaliyaa ta’ee kan hojjetu Kireeg, “yeroon lakkuukoo waliin gadameessa keessatti dabarse nan yaadadha ta’innaa,” jedhee yaaduu eegale.
Qorannoon lakkuu badanii irratti dhiyeenya taasifame, gaaffii isaa kanaaf deebii ta’uu danda’a. Gartuun qorattoota lakkuu addunyaa mala ittiin namni tokko lakkuu qaba ykn hin qabu ta’e – yoo lakkuu waliin dhalatan ta’es ykn yoo lakkuun garaatti du’ees- kan ittin adda baasan argataniiru.
Mallii qorannoo qana mirkaanaa’ummaan isaa %60- 80dha.
Qorattoonni yoo yaalii milkaa’aa kan namni tokko gadameessa keessatti lakkuu qabaachuu fi dhiisuu adda baasuu yoo hundeessan, “abjuunkoo lakkuu qabaachuukoo irraa dhufe tilmaama jedhu naaf mirkaneessuu danda’a,” jechuun Kireeg himeera.
Carraan namni tokko lakkuu itti qabaachuu danda’u, kan hedduun yaadanirra guddaadha.
Namoota dhalatan keessaa %1.3 lakkuudha. Ta’us garuu jalqaba ulfaa irratti %12 ta’an lakkuun akka eegalan qorannoon tokko ni agarsiisa.
Ulfa akkanaa saddeet keessaa tokko keessatti haalli lakkuu baduu uumamuun, tokko qofaatu dhalata, akka qorannoon kun ibsutti.
Namootni bitaacha ta’an ammoo carraa lakkuu ta’uu guddaa qabu, sababiin isaa namoota kaan caalaa namootni lakkuu ta’an bitaachadha. Ummata keessaa %9 bitaacha yoo ta’an, lakkuu walfakkaataan keessaa %15 fi lakkuu wal hin fakkaanne keessaa %12 bitaachadha.
Namootni yeroo gadameessa turan lakkuu qabaachuu fi dhiisuu isaanii adda baasuun fayyaa isaaniif barbaachisaa akka ta’e ogeessonni ni ibsu.

Madda suuraa, Josie Gealer/Getty Images
Lakkuu hin beekamne
Saayintistoonni jalqaba irratti qorannoon isaanii akkamiin lakkuuleen wal fakkaatan uumamu kan jedhu kan irratti xiyyeeffate ture.
Lakkuun walfakkaatan kan uumaman yemmuu hanqaaquun tokko sanyii dhiiraa tokkoo waliin wal simuun, hanqaaquun kun bakka lamatti citudha. Ta’us hanqaaquun kun maaliif gargar cita kan jedhu deebii hin arganne.
“Waa’ee qaama dhala namaa waan baayyee beekna garuu waggootii dheeraaf qorannoon gaggeeffamus, hanga ammaatti lakkuun wal fakkaatan eessaa akka dhufan hin beeknu. Baayolojii dhala namaa keessa wanti gaaffii ta’e jiru tokko kana,” jetti qorattuun lakkuu fi qaccee sanyii Yunivarsitii Amisterdaam, kan qorannoo kana dursitu Jennii van Dangon.
Ta’us garuu boodarra malli qorannoon kun fayyadamu haala hin yaadamneen, namni tokkoo yoo jalqaba, utuu hin dhalatiinis ta’uu danda’a, lakkuu qabu yoo ta’e adda baasuuf fayyaduu danda’a.
Argannoo kana fayyadamuun, qorattoonni algoorizimi yoo namni tokko lakkuu wal fakkaataa qaba ta’e addaa baasuuf fayyadamuun, odeeffannoo dabalataas fayyadamani.
Odeeffannoo dabalataa kana yemmuu yaalan, mirkanaa’ummaan isaa %60-80 ta’e.
“Yaaliin kun %100 sirrii ta’uu danda’a yoo ta’e hin beeknu, garuu wantootni yaaluu dandeenyu jiru,” jetti van Dangon.
Qorannoon kun lakkuu wal fakkaatan irratti qofa hojjeta. Lakkuun wal hin fakkaanne, yeroo dubartiin hanqaaquu lama takkaatti oomishtu uumama. Yeroo tokkotti dhalachuun ala, akkuma obbolaan kaanii ta’u jechuudha.
Lama yeroo tokko ta’an
Lakkuun maaliif akka gadameessa keessatti badaniif tilmaamota hedduutu jiru.
“Micireen rakkoo wayii qabaatee ta’uu danda’a, ykn ammoo haadhi bakka qabaachuu dhiistee ta’u danda’a,” jetti Yunivarsitii Kaaliforniyaa, Fullertoonitti qorannoo lakkuu irratti kan xiyyeeffattee hojjettu, Nansii L Seegal.
“Gadameessi daa’ima tokko baachuuf uumame, lamaaf miti. Fayyummaa lakkuun lubbuun eeguuf jecha hojii sirreessuu uumamaan dhufu ta’uu danda’a.”
Lakkuun yoo gadameessa keessatti torbanoota 12 dura bade, harmeen baruu waan dandeessu miti, sababiin isaas yeroo sanatti qorannoon altiraasawuundi badaa hin gaggeeffamu.

Madda suuraa, Claire Chow
Takka takka hafteen lakkuu kanaa ni mul’ata. Haalli badaa hin argamne “papyraceus” jedhamu, yeroo micireen gadameessa keessatti umurii ji'a 10 dura du’ee reeffi isaa turu kan ibsudha. Reeffi kun lakkuu lubbuun oolee fi keenyan gadameessaa giddutti qabamee hafa. Kun ulfa 12,000 keessaa tokko keessatti uumama.
Haalli biraan caalaattui badaa hin argamne ammo “fetus-in-fetu” kan jedhamudha, kun yeroo lakkuun tokko lakkuu isa biraan liqimfamuu fi qaamni gariin lakkuu kanaa isa tokko keessatti hafu kan ibsudha.
“Takka takka, qaamni lafee dugugguruu fakkaatu ni argama. Akkasumas rifeensi fi qaamni akka harkaa ni mul’ata,” jetti van Dongon.
Fetus-in-fetu kan baayyee hin argamnedha. Kun dhaloota 500,000 keessa tokko keessatti qofa argama, addunyaa keessatti ammoo taatee akkanaa 200 qofatu gabaafameera.
Dhimma lakkuu wal hin fakkaannee keessatti ammoo, qacceen sanyii lakkuu du’ee qaama lakkuu lubbuun hafee keessatti argamuu danda’a.
Namoota qofaa dhalataniif, erga guddatanii gadameessa keessatti lakkuu qabaachuu ykn dhabuu isaaanii adda baasuun, damee qorannoo fi tajaajila fayyaa guutuu geeddaruu danda’a.
Waa’ee lakkuu isaa bade kan abjootu Kireeg, yeroo carraan mirkanaa’ummaa qorannoo kana yemmuu foyya'u yaalii kana fudhachuun adda baasuu barbaada.












