Qabsoo siyaasa Oromoo: Dr. Taaddasaa Eebbaa (Gadaa Melbaa) akkamiin yaadatamu?

Dr. Taaddasaa Eebbaa
    • Barreessaa, Maatii Olaanaa
    • Gahee, Gaazexeessaa BBC News Afaan Oromoo
  • Maxxanfame

Maqaan barnootaa ittiin waamaman Dr. Taaddasaa Eebbaa ta'ulleen namoonni hedduun maqaa kanneen akka Dr. Fidoo fi Doktoree jedhaniin isaan waamu. Gadaa Meelbaa ammoo maqaa masoo isaanii kan kitaaba Ittiin maxxansiisaniidha.

Dr. Taaddasaan tibbana Ameerikaa magaalaa Waashingitan DC keessatti du'aan addunyaa kanarraa boqotan.

BBC'n seenaa hayyuu ogummaa hedduu qaban kanaa hiriyyoota, warra wajjiin qabsaa'anii fi namoota biroo irraa waan qorate isiniif qindeessee jira.

Itti dhihaadhaa.

line

Dhalootaa fi barnoota…

Dr. Taaddasaan kan dhalatan Wallaggaa Lixaa naannawa Najjootti yoo ta'u barnoota isaanii kan sadarkaa duraa Magaalaa Najjootti baratan.

Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo Jimmatti akka xumuran seenaan isaanii dhaabni ABO ibsa gaddaa boqochuu isaanii ilaalchisuun baase ni mul'isa.

Digrii jalqabaa isaanii koollejjii Qonnaa Alamaayaa kan amma Yunivarsiitii Haramayaa jedhamu irraa eebbifaman. Barnoota isaanii digrii lammeessoo fi sadaffaa ammoo Yunvarsiitiiwwan biyya USA fi UK tti baratan.

Ogummaan isaan baratan gosa Qaccee sanyii (Genetics) ta'ulleen boodarra garuu dhaaba siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti nama gita hoggansaatin tajaajilanidha.

Pirofeesar Indashaaw Baqqalaa Yunvarsitii Finfinneetti Pirofeesara saayinsii 'Genetics' yoo ta'an erga bara 1970 keessaa eegalanii Dr. Taaddasaa waliin hiriyyummaa nama qabani.

"Bara 1970 keessa Dr. Taaddasaan Yunivarsiitii Haramayaatti barsiisaa turan. Booda ministeera Sooramaatti qaxaraman. Yeroos isaan nama qacaraa waan turaniif anas gara pirojektii tokko kan ministeericha jala jirutti bara 1976 nafudhatan" jedhu Pirof. Indashaaw.

Pirojektii qorannoo qaccee sanyiiwwan biqiltuu Itoophiyaa qorachuuf hundaa'e kana daayireektarummaan kan gaggeessan Dr. Taaddasaa turan.

Dhaabbata amma Inistitiyuutii Heddummina Lubbuu Qabeeyyii Itoophiyaa (Ethiopian Biodiversity Institute) jedhamuun waamamu kana jalqaba yaada isaa maddisiisuudhaan naannoo amma Imbaasii Keeniyaa jiru kanatti kan hundeessan Dr. Taaddasaa ta'uus himu miiltoon isaanii kuni.

"Bara 1977 anaa fi hiriyyaa kiyya tokko barnootaaf gara Yunivarsiitii Barmingihaaamitti ergamne. Bara 1978 yeroo nuti deebinu dhaabbata sana hundeessanii, gamoon ijaaramee waan hunda xumuranii nu eegan.

''Dhaabatichi yeroos 'Plant Genetic Resource Centre of Ethiopia' jedhamee moggaafame," jedhan.

Dr. Taaddasaa Eebbaa

Dhiibbaa cimaa jala taa'anii hojii jajjabaa kana hojjechaa akka turan kan himan Pirofeesar Indaashaw, bara 1979 keessa mootummaan Dargii si'a lama akka hidhee tures yaadatu.

Dhiibbaan siyaasaa kuni daran hammaachaa waan deemeef jechas hojii fi maatii isaanii Finfinneetti dhiisuun dhuma bara 1979 karaa Asoosaatiin gara Sudaanitti baqachuun Adda Bilisummaa Oromootti akka dabalamaniis himu.

Dr. Taaddasaan dhaabbata hundeessan kana dhiisanii erga biyyaa bahaniin booda isaan bakka bu'uun daayireektara yeroo tahanii tajaajilanii akka turanilleen yaadatu Pirofeesar Indashaaw.

Hayyuun kuni qorataa fi saayintistii cimaa ture kan jedhan waahilli isaanii kuni, qaccee sanyiiwwan midhaanii Itoophiyaa qorachuu, madaqsuu fi akka hin banne tiksuuf gumaachi isaanii daran olaanaa akka ture himu.

Sababa siyaasaan dhiibbaa irra gahu ogummaa jaalatu kana dhiisanii akka baqatan godhus bu'uurri isaan kaa'an firii guddaa kan argamsiisedhas jedhu.

"Taaddasaa biyyaa akka bahu kan godhe jibba namaati. Hojuma inni hojjetu kanaaf isa jibban. Inni baqannaan haadha warraa isaa gara waggaa 10 hidhan.

''Mucaan isaa waggaa lama kan hin caalle sababa abbaa fi haati bira hin jirreef boollatti kufee jalaa du'e. Ergasii intala tokko 'Urjii' kan jedhamtu qofa qabu ture," jedhan.

Pirofeesarri Yunvarsitii Finfinnee kuni akka jedhanitti, Dr. Taaddasaan osoo saayinsii keessa turaniiru ta'ee saayintistii cimaa maqaansaanii bakka guddaa gahu taha ture jedhu.

"Inni nama sammuu gaarii qabu qofa osoo hin taane nama namaaf yaadu. Nama biyyaaf yaadu. Amma waanti darbe hin deebi'uufi malee Taaddasaan osoo saayinsii keessa turee, qorata urjii taha ture.

''Nutiyyuu isa jalatti kan baranne amma ni beekamna isa dhiisii," jedhan Piroofeesar Indashaaw.

Qorannoon isaan sanyii xaafii irratti bara sana taasisanis qorannoo guddaa eeramu akka ta'es dubbatan.

Seenaan hundeeffamaa dhaabbata Heddummina Lubbu-qabeeyyii Itoophiyaa illee seenaan isaanii keessaa haqamee maqaa nama biraatiin akka hundeeffametti barreeffamee akka jirulleen himu.

"Erga Taaddasaan dhaabbata sana hundeessee waggaa shan booda nama dhufetu dhaabbata sana hundeesse jedhameeti seenaan dhaabbata sanii kan barreeffamee jiru.

''Waan hunda kan jalqabsiise Taaddasaadha. Wanti itti dabalame hin jiru. Seenaa dhaabbata saniirraa isa haqan. Hunda keenyas achii bittinsani," jedhu waahila hojii isaanii kan turan Piroofeesar Indashaaw.

Bara 1970 keessa agarsiisni Aadaa Oromoo Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti yeroo jalqabaatiif qophaa'ee ture namoota qindeessan keessaalleen tokko turan Dr.Taaddasaan.

Akkamiin gara siyaasaa seenan?

Dr Shuggux Galataa Qondaalaa ABO fi namoota Dr. Taaddasaa itti dhiheenyaan beekan keessaa tokkodha.

"Kora ABO bu'uuressuu irratti nama qooda fudhataniidha. Kora Waxabajjii 11, bara 1976 dhoksaadhaan magaalaa Finfinneetti taa'amerratti qooda fudhataniiru.

''Warri kora sanarratti hirmaate hundi miseensa koree gidduu ta'anii kan itti fufan yoo ta'u, Dr. Taaddasaanis eegasirraa qabsoo itti fufani," jedhan.

Dr Taaddasaa Eebbaa

Madda suuraa, Kuleni Jaleta/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Taaddasaan dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo keessattis yeroo dheeraaf gumaacha taasisaa turan

Dhiibbaa Finfinneetti isaanirra gahaa tureen booda baqatanii gara dirree waraana Lixaatti akka makamanis himu.

"Qabsoo hidhannoo keessatti bara dheeraa dabarsan. ABO'n bara 1988 jilli qabsaa'otaa dhihatti teessuma godhate jila taa'ee ture. Yeroos miseensa waajjira siyaasaa (Pooliit Biiroo) tahanii filataman. Sana booda Korri ABO kan Gooballees isuma raggaasise," jedhan.

Dhaabicha keessatti waraanaan cinaatti hojiin isaan Birkii Dipilomaasii irratti hojjetan bu'uura cimaa kan kaa'e akka tures yaadatu.

Hayyuun kuni jireenyi isaanii imala qabsoo dhaaba ABO kan agarsiisu akka ta'ee fi jireenya isaanii fi maatii isaaniilleen qabsoo kana keessatti aarsaa guddaa kan itti baasanidhas jedhan.

"Haati warraa isaanii Aadde Addisaalem Gannat bara Dargii waggaa 10 oliif hidhamte. Bara 1988 keessa mana hidhaatii baate. Qabsoo kanaaf maatii guutuudhaan qabsaa'an. Seenaan Dr. Fidoo kuni seenaa qabsoo Bilisummaa Oromooti," jedhan Dr. Shuggux.

Dr Taaddasaan jireenya baqaatiin kaartuum, Jarmani, boodarra hanga guyyaa lubbuun isaanii darbuutti ammoo Ameerikaa jiraachaa turan.

Waggoota afuriin dura yeroo Dhaabni ABO qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf gara biyyaatti deebi'es hojii gorsaa dhaabichaaf kennaa akka turanii fi yeroo gabaabadhaafis gara Itoophiyaa dhufanii deebi'uutu himama.

Kitaaba 'Oromiyaa'…

Qola kitaabaa Oromia

Kitaabni 'Oromia' bara 1988 Kaartumitti maxxanfamee yeroo bahu maqaan barreesichaa 'Gadaa Melbaa' jedhuun alatti barootaaf barreessaan kuni eenyu akka ta'e namni hedduun hin beeku.

Kitaabni kuni Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraattis hiikamuun gabaarra oolee ture.

Qabiyyeen kitaabichaas qabeenyawwan Oromiyaa, aadaa, duudhaa, cunqursaa saba kanarra gahee fi dhimmoota Oromiyaa ilaallatan hedduu bifa qindaa'een kan hammatedha.

"Kitaabni kuni nama baayyee kan ija banachiiseedha. Jaalatama guddaas kan argateedha. Kitaaba sanarraa bu'aa dhuunfaa hin arganne. Erga isaan akka barreessan ifa ta'een booda kitaabicha abbummaasaa kan uummata Oromoo fi kan ABO godhani" jedhan Dr. Shuggux.

Obbo Bulii Ejjetaa yeroo kitaabni kuni maxxanfamee bahu Yunvarsiitii keessatti barataa akka turan yaadatu. Kitaaba kana yeroos akka 'Kiniinii sabboonummaa'tti ilaalaa turre jechuun dubbatu.

"Kitaaba sana akka addaatti ilaalla. Oromiyaan maali? Eessatti argamti? Maaal qabdi? Maal keessa dabarte? Kan jedhu sirritti nuqare. Yunivarsiitii keessatti walii qoodnee ittiin walbarsiisaa turre. Erga qabsootti makamnes uummata keenya ittiin barsiisaa turre".

"Yunivarsiitii keessatti ijoollee 'Oromummaa isaanii hin beekne' kitaaba kanarraa barsiisna jechuun himu. 'Mucaa kanaaf kiniinii sana kennaamee' waliin jenna ture. Kitaabichi kiniinii Oromummaa fi sabboonummaa ittiin cimsatan ture," jedhan.

Kitaabni 'Oromia' kan Dr. Taaddasaa Eebbaa bara 1988 maxxansiisan kuni yeroo Naannoon Oromiyaa jedhamu akka naannootti osoo hin hundaa'in dura kan barraa'edha.

Barreessaa, qabsaa'aa fi qorataan Oromoo Dr. Taaddasaa Eebbaa dhibee isaan mudateen bakka jiraatan Waashingitan DC'tti yaalarra erga turaniin booda Caamsaa 1, bara 2022 addunyaa kanarraa du'aan boqotaan.

Du'a isaanii booda namoonni itti dhiheenyaan beekaniifi kaan gadda isaanii ibsaa turani.