Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pilaanetonni Juppitarii fi Veenas halkan samii irratti walitti siqanii mul'atan
Sanbata har’aa sa’atii sirriitti yoo samii ilaaltaniittu taheef pilaanetonni sirna soolaarii Juppiitariifi Veenas wal-tuquurraa xiqqumaaf hanqatanii mul’atan.
Pilaanetonni kunneen walirraa kiloomeetira miiliyoonaan fagaatanillee, lafarraa gaafa mul’atan garuu wal-kiphuu irraa xiqqumaaf kan hafan fakkaatu.
Wal-kiphuun pilaaneetiiwwanii kuni waggaa waggaan kan mul’atu tahus barana garuu akkaan walitti siqanii mul’atan.
Pilaanetonni kunneen akkasitti walitti siqanii mul’achuun hamma bara 2039tti deebi’ee waan mudatu miti.
Ijuma keenya uumamaan ykn baayinaakulaarii fayyadamnee samii qulqulluu irratti arguu dandeenya.
Sanbata booda pilaanetoonni kunneen karaa isaanii qabachuun guyyoota dhufaniitti walirraa fagaachaa adeemu.
"Astiroonomarootaaf taatee gammachiisaadha, namoonni kaan immoo pilaanetoota kana arguudhaaf carraa guddaadha,’’ jedhan dhaabbata 'Society for Popular Astronomy’ jedhamutti saayintistii hawaa kan tahan Luusii Giriin.
Wal-kiphuun pilaanetootaa maali?
Wal-kiphuun yeroo pilaanetonni lama akkaan walitti siqanii ykn wal-tuqanii samiirratti lafarraa yeroo mul’ataniidha.
Guyyoota hamma gaafa Sanbataa jiranitti Veenasii fi Juuppiitar suutuma suuta walitti dhufaa turan.
Pilaanetonni kunneen orbiitii itti naanna’an irraa gara kiloomaatira 700 kan walirraa fagaatan yoo tahu yeroo lafarraa ilaalaman garuu kan wal-tuqan fakkaata.
Pilaanetonni kunneen fugugii samiitti gad siqanii mul’aatu gatii taheef, gamoowwaniifi gaarreen argaa nama dhorkuu malu. Kanaaf iddoo ol ka’aa ilaalladhaatii geengoowwan iftuu tahan lama kan walitti siqanii jiran barbaadaa jedhu
"Pilaaanetonni kunneen ifa agarsiisaniin adda adda yoo tahan, Veenas Juppitar irra ifti," jedhu piroofeesar Giriin.
Pilaanetota kunneen samii irratti barbaaduuf aappii fayyadamuus gorsu piroofeesarri kun.
Namni teleeskooppii qabu caasaa atimoosfeerii Juppiitarii fi ji’oota pilaaneetii guddaa kan keessa jiran arguu danda’a.
Wal-kiphuun pilaaneetootaa kuni hemisfeera lafaa lamaan irraa halkaniifi guyyaa sa’atii garagaraattii mul’achuu mala.
Kanneen teleskooppiidhaan taatee kana daawwatan Maarsiifi Saatarn dabalamuun sararri pilaanetota afurii yeroo uumamu arguu danda’u.
Piroofeesra Giriin UKtti hirribarraa ka’anii taatee kana ilaaluuf akka karoorsan himaniiru.
"Gaafa Sanbataa yoon arguu baadhe garuu badaa hin yaadda’u," jedhan
"Guyyoota itti fufan keessatti pilaanetoonni walirraa fagaachaa ijaa deemaniif, ilaaluu nan danda’a’’ jedhu.