Nagaa kabachiiftonni Itoophiyaa gara biyyaa deebi'uu didan 'olola TPLFn burjaaja'ani' - Ministeera Ittisaa

Maxxanfame

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa miseensota raayyaa ittisa biyyaa ergama nageenya kabachiisuu idil-addunyaarratti bobba'uun gara biyyaatti hin deebinu jedhan olola/pirooppagandaa/ TPLF'n akka hin goowwomfamne' ibsa baaseen akeekkachiise.

Ibsi kun erga tibbana miseensotni raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa Sudaan Kibbaatti ergama nagaa kabachiisuu irra turan nageenya keenyaaf sodaanna jechuun gara biyyaatti galuu diduun dhagahameeti.

Bara darbes miseensotni raayyaa ittisa biyyaa 15 tahan kan afaan Tigiree dubbatan ''ni hidhamna, ni ajjeefamna'' sodaa jedhuun gara biyyatti galuu diduun koolugaltummaa gaafatanii ture.

Ministerichi ibsa miseensota isaa nagaa kabachiisuuf gara Sudaan Kibbaa deemuun hin gallu jedhan ilaalchisee baase irratti haleellaa humnootni Tigiraay raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwatan ibsuun, miseensonni isaa afaan Tigiriffaa dubbatan faayidaan isaanii eegameef akka mana turan godhamee akka ture hime.

Kunis sababa TPLF raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaarratti haleellaa raawwachuusaatiin dura raayyaa ittisa biyyaa keessatti kan argaman miseensota afaan Tigiriffaa dubbatan ''gochaa badii kanaaf akka qopha'aan'' taasisuun ajaja Kaabaarratti alaa fi keessaan haleellaa bane tahuu hime.

Yeroo waraana Kaaba biyyattii humnoota TPLF fi humna mootummaa federaalaa gidduutti gaggeeffamaa ture ''milkaa'ina duulichaaf jechaa miindaa fi sooranni isaanii osoo adda hin citiin mana isaanii akka turan taasifameera'' jedhe.

Haa tahu malee haleellaa ajaja Kaabaatin duras gara biyyaa alaatti nageenya kabachisuuf kan ergaman loltoonni afaan Tigriffaa dubbatan ergama raayyaa ittisa biyyaarratti rakkoo hin uuman jedhamuun hojii isaanii akka itti fufan taasifameera jedhe.

Waraanichi erga jalqabamee ergama isaanii kan xumuran miseensonni raayyaa ittisa biyyaa afaan Tigriffaa dubbatan gara biyya isaanii akka hin deebineef ''Wayyaaneen piroppoogaandaa uumuun miseensota kanneen burjaajessaa ture'' jedha ibsi Ministeerichaa.

'Gara biyyaa yoo deebitaan ni hidhamtu' jechuun odeeffannoo sobaa miseensota raayyaa ittisaa biyyaasaanii tajaajilaa turan afaan Tigriffaa dubbataanirratti hojii burjaajessuu hojjetaniiru jedhe.

Ministerichi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kunneen dhaabbataa fi biyyaa isaanii jibbuun osoo hin taanee, gochi badii wayyaanee sodaa itti ta'uun loltoonni muraasni biyyaa nageenya kabachiisuuf deemaniitti hafaniiru jedhe.

Kana dura miseensonni nageenya kabachiisuuf gara Daarfuur bobba'aanii turan gara biyyaa akka deebi'aan taasifamuus sodaa akka qaban himuun loltoonni muraasni gara biyyaa osoo hin deebi'an hafaniiru.

Ministerichi miseensonni ergama nageenya kabachiisuurratti argaman, raayyaa ittisa waliin dirqama isaanii ba'achaa jiranii fi yeroof hojiin ala tahan garuu mootummaan miindaa fi faayidaa isaanii garaagaraa eegeef jiru deebi'uun akka biyya isaanii tajaajilan dhaame.

''Maatiin keessan akka hin bittinnoofne, faayidaan keessaan akka addaan hin cinne, seenaa gantumma akka hin galmeessinee ni yaadachiifna'' jedha ibsi Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa kun.

Loltoota ergama nagaa kabachiisuuf gara Sudaan Kibbaatti bobbaafaman keessaa Itoophiyaan gara loltoota 2000 olii qabdi.