US miidhamtoota Tigraay, Affaariifi naannoolee biraaf dabalataan doolaara mil 300 arjoomte

Maxxanfame

Ameerikaan rakkoo kaaba Itoophiyaatti umameef kan ta'u deeggarsa namoomaa doolaara miiliyoona 313'tti tilmaamamu kennuu ibsite.

Dhaabbanni deeggarsaa kan Motummaa Ameerikaa ta'e USAIDn, deeggarsi kennamu kun waraana kaaba Itoophiyaatti itti fufee fi rakkoo isa hordofee mudateef akkasumas lammiilee rakkoo keessatti argamaniif kan ta'udha jedhe.

Ibsa dhaabbatichi Kamisa baaseen, waraana naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti raawwatameen lammiilee miiliyoona 9 ta'an waan deeggarsa namoomaa gahaa ta'e hin arganneef, rakkoo hanqina nyaataa cimaaf saaxilamaniiru, kanneen miiliyoona lama ta'an ammoo qe'eefi qabeenyaa isaanii irra buqqa'aniiru jedhe.

Keessattuu Tigraayitti jiraattoonni harka 90 ta'an deeggarsa akka eeggatan dhaabbatichi himeera.

Affaar, Amaaraafi Tigraayitti walumaagalatti lammiileen miiliyoonni tokko hanga Waxabajjiitti deeggarsa atattamaa yoo argatan malee, beela cimaaf saaxilamuu akka danda'an duraan raaga kennuu dhaabbatichi yaadateera.

Deeggarsi Ameerikaa Kamisa kaleessaa ifa ta'e kunis lammiilee miiliyoona torba ta'aniif nyaata attattamaafi nyaata gabbisan dhiiyeessuuf, galteewwan dhaabbiilee fayyaa naannawa sanaa cimsuuf, yaalii gareewwan hordoffii fayyaa socho'an dhukkuboota to'achuuf taasisan kan deeggarudha jedhameera.

Kanaan alatti namoota miidhaan saalaa irra gahee deeggarsa qor-qalbii akka argataniifi daa'imman waraanichaan miidhaman baraaruuf, akkasumas meeshaalee namoomaa barbaachisoo ta'an eddoowwan baadiyyaa fagootti geessuuf kan gargaaru ta'a jechuun hime ibsi dhaabbatichaa.

US ummata Itoophiyaa gargaaruuf qophiidha kan jedhe dhaabbatichi, dhaabbilee deeggarsa namoomaa kaan waliin ta'uun deeggarsa namoomaa kana naannoolee sadan keessatti qaqqabsiisuuf hojjataa akka jiru beeksise.

Akkasumas dhaabbilee deeggarsa namoomaa fi aanga'oota federaalaafi naannoolee waliin ta'un deeggarsa karaa lafootiin gara Tigraay galu cimsuf hojjataa jiraachus hime.

Konkoolaataawwan lama USAID deeggartootasaa kaan waliin ta'uun erga torban sadiitiin asi kan gara Tigraayiitti ergeen nyaata namoota 105,000 gahu ta'uu beeksise.

Kana malees erga Muddeetii as meeshaalee namoomaa, qorichoonnii fi nyaanni meetirik toonii 600 dhaabbilee kaan waliin gara Tigraayiitti ergamuu kaaseera. Haata'u malee deeggarsa adda hincinneefi hiikaa qabu qaqqabsiisuuf daandiiwwan banaa ta'un murteessaa ta'uu himeera.

Sararri qunnamtii naannoo Tigraay banamuu, malawwan sochii maallaqaa bakka tureetti deebisuufi tajaajilawwan murteessoo ta'an biraa eegalchisuun kan yeroon kennamuuf qabu miti jedhe.

Ameerikaan deeggarsa namoomaa Itoophiyaan gahuu keessatti gahee olaanaa kan qabdu yoo taatu, erga waraanichaatii as deeggarsa doolaara miiliyoona 995tti tilmaamamu taasisuu dhaabbatichi himeera.

Waraanni Yukireen qaala'insa nyaataa addunyaarratti uumuu kan kaase dhaabbatichi, Itoophiyaanis biyya qamadii alaa galchitu waan taateef, kun rakkina akka itti ta'uufi haalli kunis deeggarsa namoomaaf kan yeroo kamuu caalaa barbaachisaa taasisuudha jedheera.

Waan kana ta'efuu rakkoo kana keessa daandiin ittiin bahamu inni duraa marii siyaasaa akka ta'ee kaaseera. Dararaa uummata biyyattii hambisuuf, furmaanni siyaasaa filmaata duraa ta'uu akeekeera.

Waliigaltee mootummaa federaalaafi humnootii Tigraay jidduutti wal dhabdee dhaabuuf taasifame leellisuun, kanas gara sadarkaa olaanaatti geessuuf akka hojjataniifi dararaan ummataa akka dhaabbatuuf waamicha taasise.