Waraana Yuukireen: Indiyaan yeroo waraana Yuukireenitti addunyaa sooruu dandeessii?

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, Soutik Biswas
- Gahee, India correspondent
- Maxxanfame
Torban darbe MM Indiyaa Naarendiraa Moodiin Yoo Baayiden waliin dubbatan hanqina dhiyeessii fi qaala'insa midhaan nyaataa irratti mudate tasgabbeessuun biyyi isaanii midhaan addunyaaf akka dhiyeesitu himan.
Moodiin, Indiyaan uummata ishee biliyoona 1.4 kan sooru ''nyaata gahaa qabdi,'' kanaaf yoo Dhaabbanni Daldala Adunyaa [WTO] nuuf eyyama tahe, ''boru irraa eegaluun nyaataaf kan oolan gabaa addunyaaf dhiyeessuu jalqabna'' jedhan.
Waraana Yuukireen dursee iyyuu gatiin meeshaalee nyaataa bifa waggaa kudhan keessatti mul'atee hin beekneen dabalee ture. Kunis rakkoo sassaabbii oomisha irratti mudateeni.
Akka ragaan Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa UN agarsiisutti gatiin amma oomishaalee nyaataaf oolan irratti mul'ate erga bara 1990 as isa ol aanaadha.
Raashiyaa fi Yuukireen qamadii gabaa adunyaaf dhiyeessuun biyyoota jalqaba irra jiran yoo tahu, harka sadii keessaa harka lama kan tahu isaantu gabaaf dhiyeessuun gurgurataa ture.
Akkasumas zayita suufii %55 tahu gabaa adunyaaf kan dhiyeessan Yuukireenii fi Raashiyaadha. Akkasumas boqolloo fi garbuu %17 tahu biyyootuma lamaan kanatu adunuyaaf dhiyeessaa ture.
Silaa bara kana qamadii toonii miliyoona 14 fi boqolloo toonii miliyoona 16 gabaa adunyaaf dhiyeessu jedhamuun eegamanii ture, akka ragaan UNFAO himutti.
Rakkoo dhiyeessii irratti mudatee fi qoqqobbii Raashiyaa irratti darbe irraa ka'uun 7oomishaaleen gabaa adunyaaf dhiyaatu jedhamuun eegaman guutuu hin dandeenye.
Yeroo kana Indiyaan kuusaa qamadii gahaa qabdu dhiyeessuu qabdi'' jedhe hayyuun dinagdee Upalii Galkeetii Aratchilage, kan Roomitti argamu.
Indiyaan adunyaa irratti ruuzii fi qamadii oomishuun biyya sadarkaa lammaffaa irra jirtudha. Jalqaba ji'a Eblaa kanatti oomishaalee lameen kana kuusaa keessaa toonii miliyoona 74 tahu qabdi. Kana keessaa toonii miliyoona 21 kan tahu of karoora of eeggannoof kuusaa isaanii keessa taa'uun uummanni rakkoo dhiyeessi isa mudate miliyoona 700 tahu gatii rakasaan akka argatu godhama.

Madda suuraa, Reuters
Akkasumas Indiyaan biyyoota gatii gadi bu'aan qamadii fi ruuzii gurguran keessaa tokko. Ruuzii biyyoota 150tti qamadii ammoo biyyoota 68tti erguun urgurachaa jiru.
Bara 2020-2021tti qofa qamadii toonii miliyoona torba alatti erganiiru. Daldaltootni fedhiin akka malee waan ol ka'eef ji'a Eeblaa hanga Waxabajjiitti qamadii toonii miliyoona sadii tahu gabaa adunyaaf dhiyeessuuf jecha waliigaltee irra gahaniiru.
Bu'aan qonnaa Indiyaan gara alaatti ergutu bara 2020-2021tti isa yeroo kamiyyuu caaluun doolaara biliyoona 50 gaheera.
Akka Ashook Gelatii, hayyuun dingagdee Indiyaa jedhanitti ammayyuu Indiyaan bara baajataa kanatti qamadii toonii miliyoona 16 fi ruuzii toonii miliyoona 22 gara gabaa alaatti erguu dandeessi.
Kun ammoo gatii gabaa tasgabbeessuun ba'aa biyyoota fudhatan irra jiru salphisa jedhe hayyuun kun.
Indiyaan bara kana qamadii toonii miliyoona 111 galfachuun rikardii haaraa galmeesiti jedhamee eegama.
Haa tahu malee ogeessonni akka Obbo Damodaran fa'a ammoo kana hin amanan. Sababni isaa ammoo hanqina xaa'oo mudatee fi rooba humnaa olii irraa kan ka'e hanga kana oomishuun hin danda'amu jedhee amana.

Madda suuraa, Reuters
Bara oomishaa itti aanutti hanqinni xaa'oo hamma oomishaa irratti dhiibbaa ni uuma. Indiyaan kana keessaa karaan itti baaatu qamadii fi xaa'oon wal jijjiiruuni, kunis biyyoota akka Masirii fi Afrikaa keessatti jedhan Obbo Damodraan.
Yoo waraanni kun kan dheeratu tahe garuu Indiyaan alatti erguuf kan gargaaru hanqinni loojistikii ishee mudachuu danda'a.
''Oomisha guddaa gara alaatti erguuf geejiba guddaa, kuusaa fi doonii hedduu barbaada. Hedduminaan fe'uuf gatiin geejibaas dabaluu danda'a,'' jedhan Obbo Aratchilaagee.
Waraanni Raashiyaan Yuukireen irratti bante kana caalaa kan dheeratu yoo tahe, wabii nyaata adunyaa irratti '' dhiibbaa guddaa'' qabaata jedhe IFPRI.
UNtti Dhaabbanni Wabii Nyaata Adunyaa ammoo dhiyeessiin qamadii, xaa'oo fi meeshaalee soorataaf oolan kaanii Raashiyaa fi Yuukireen irraa rakkoo keessa gallaan lakkoofsi namoota mdaalamaa hin argannee miliyoona saddet irraa gara miliyoona 13tti guddata jedhe.












