Bulchiinsi Moodii yakka gudeeddii hin hambisne, dubartoonni garuu maaliif filatan?

Duula filannoo Muddee 2021 MM Naarendiraa Moodii Allahabad keessatti gaggeessan irratti dubartoonni heddumminaan argaman

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Geeta Pandey
    • Gahee, BBC News, Delhi irraa
  • Maxxanfame

Milkaa'ina dhiirotaa duuba ifaajee dubartiitu jira jedhama, milkaa'ina Ministira Muummee Indiyaa Naarendiraa Moodii duubaa dubartoota miiliyoonaan lakkaa'amantu jiru.

Paartiin Naarendiraa Moodii Bharatiya Janata Party (BJP) filannoo tibbana gaggeeffamerratti olaantummaan akka mo'atuuf dubartoonni guddoo gumaachaniif.

Ji'oota Guraandhalaa fi Bitootessaa keessa kutaalee biyyaa shan paartiin kun itti mo'ate keessaa afur keessatti, lakkoofsi dubartoota filatanii akkaan kan dhiirotaa caala jedha qorannoon dhimma kanarratti gaggeeffame.

Keessaahuu bulchiinsa Uttar Pradesh keessattifaa olaantummaan dubartoonni agarsiisan nama hedduu raajeera.

Bara 1962 as erga Komishiniin Filannoo biyyattii lakkoofsa filattootaa koorniyaan qoodee ilaaluu eegalee dubartoonni sadarkaa biyyaalessaatti paartii Kongiresii filatu.

Garuu bara 2019 paartiin BJP seenaa keessatti yeroo jalqabaaf sagalee dubartootaa olaanaa argateera.

Yeroo ammaa akkuma paartilee siyaasaa kaanii, paartiin BJP kunis dubartoota aangessuu dhabuusaan komatama, siyaasi olaantummaa dhiiraan ijaarame dubartoota Indiyaa akkaan mufachiisee jira.

Dursitoonni paartii haasaa dubartoota mufachiisuu fi kabajasaanii xiqqeessu dubbachuun mata duree oduu ta'aa turan, yakka gudeeddii biyya keessatti balaa hamaa ta'e to'achuurrattis waan irraa eegamu hin hojjenne jedhamuun hedduu komatamu.

Akkasuma dubartoonni mormii seera lammummaa biyyattii haaraa ba'e irratti gaggeeffamaa ture adda durummaan dursaa turan.

Kun hundi ta'ee osoo jiruu garuu irra jireessaan paartii BJP filataa kan jiran dubartoota.

Ofii paartiin BJP akkamiin filannoo jalqabaa dubartoota Indiyaa ta'e laata?

"Kun kan inni ta'e sababa Aab Moodiiti,'' jedha jaarmiyaa Giddugala Qo'annoo Guddina Hawaasaa Indiyaa magaalaa Delhiitti argamu irraa kan ta'e Sanjay Kumar.

"Paartiin kun dubartoota biratti filannoo jalqabaa kan ta'e battaluma tokkotti miti. Aab Moodiin sababa ijoodha,'' jedhe dabalee.

Duula filannaa Uttar Pradesh keessatti gaggeeffamerratti dubartoonni heddumminaan ba'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paartiin BJP dhiyeenya kana filannoo akka mo'atu kan gargaare deeggarsa dubartootaati

Saayinsii siyaasaa kan qo'atee fi dhiyeenya kana paartii BJP irratti mata duree The New BJP jedhuun kitaaba kan barreesse Nalin Mehta, paartichi erga bara 1980 keessa damee dubartootaa addatti banatee as dubartoota hedduu horachuu eegale jedhe.

Jijjiiramni bu'uuraa bara 2019 filannoo biyyalessaarratti mul'ate, taatee bara 2007 mudate irraa kan as dhufedha. Bara sana Aab Moodiin bulchaa kutaa biyyaa Gujarat ta'uun irra deebiin filataman.

Akka Aab Mehta jedhutti Aab Moodiin yeroo jalqabaaf bara sana dubartootaaf bakka kennan.

"Wayita inni dubbatu mara dubartoonni miira qabaniif agarsiisu. Duula filannoo inni gaggeessu irratti baayyinaan kan ba'an dubartoota. Innis jechoota babbareedoodhaan mataa hidha, qalbii hawwata. 'An obboleessa keessan, ilma keessan, na filadhaa, dantaa keessaniif nan hojjedhaa!' jedhaan,'' jedha Mehta.

Uummata afaan Hindii dubbatu hunda biratti madaalli cimina namaa dhaabbii qaamaa hawwataa fi qajeelaa ta'eedha.

Aab Moodii dubartoonnis cimoo ta'uusaanii leellisuun erga milkaa'anii booda bara 2014 filannoo biyyaalessaa wayita mo'atan tarsimoo hirmaachisummaa dubartootaa guutummaatti hojiitti hiikuu eegalan.

Akka jalqaba Ministira Muummee ta'anii filatamaniin haasaa isaanii jalqabaa keessatti waan hatattamaan akka dhaabbatuuf irratti hojjetan ibsan - ulfa baasuu fi gudeeddiin dhimmoota isaan irratti qabsaa'uuf jalqabarra kaa'ataniidha, akkasumas maatiin daa'imasaa naamuusaan akka guddisu gorsan.