US meeshaalee waraanaa gurguddaa doolaara mil. 997 baasu Naayijeeriyaatti gurguruuf

Maxxanfame

Ameerikaan meeshaalee waraanaa kan akka taankiiwwan, hilikooptarootaa fi rookkeetiiwwan Sirna Waraana Fooyya'oo (APKWS) dabalatee meeshaalee waraanaa gurguddaa doolaara miiliyoona 997 baasuu Naayijeeriyaatti gurguruuf waliigalate.

Meeshaaleen kunneenis kan motummaa Naayijeeriyaatiin gaafatame yoo ta'u, akkaataadhuma galmawwan imaammata alaa US fi kaayyoowwan waloo nageenyaatiin, biyyoota Afrikaa Saahaaraan Gadii keessatti nagaa fooyyeessuuf ni gargaara, jedhan ibsi Ejansii Korporeeshinii Nageenya Ittisaa US baase.

Akkasumas Naayijeeriyaaf meeshaalee waraanaa kanneen hidhachuuf rakkoo homaatuu hin qabu jette Ameerikaan.

Haata'u malee, adeemsi isaa yoo xinnaatee waggoota shan akka fudhatu eegama.

Adeemsi kunis qondaaltota waraanaa Naayijeeriyaa haala meeshaalee kanneen itti fayyadamaniifi mirgoota namoomaa, akkasumas miidhaa namoota nagaa irra gahu hambisuu irratti leenjisuu kan hammatudha.

Naayijeeriyaan haleellaa gareewwan hidhattootaa kan akka Bookoo Haaraam fi Motummaa Islaamaa Bulchiinsa Afriikaa Lixaa (Iswap) jedhamanii, akkasumas haleellaawwan garee yakkamtoota hidhatanii maallaqaaf jecha ajjeechaafi namoota butanii dhaabuuf rakkataa jirti.

Ameerikaan yoo Naayijeeriyaatti meeshaa waraanaa gurguddaa gurgurtu waggoota shanan darban keessatti kun yeroo lammataati.

Kanaan dura Ameerikaan bara bulchiinsa Baaraak Obaamaatti, gaaffii Naayijeeriyaan meeshaalee waraanaa bitachuuf dhiyeessite turte sababii yaaddoowwan mirga namoomaatiin diddee turte.

Haata'u malee, bara 2017 keessa bulchiinsi Tiraamp xiyyaarawwan Super Tucano jedhaman 12 Naayijeeriyaatti gurguruuf waliigalan.

Xiyyaaronni kunneenis bara darbe Naayijeeriyaaf dhiyeefamanii jiru.