US keessatti gatiin boba'aa haala waggaa 40 keessatti ta'ee hin beekneen dabale

Maxxanfame

Raashiyaan Yukireen weerartee ji'a tokko keessatti, Bitootessa gatiin boba'aa akkaan dabale. US keessatti ammoo akkaataa waggoota 40 darban ta'ee hin beekneen dabaleera.

Gatiin nyaataa fi meeshaalee kaanii kan duraarraa harka 8.5 dabale, kun erga bara 1981 isa guddaada.

Waliigala gatiin damee anniisaa dachaa lamaan dabaleera.

Weerara Raashiyaan Yukireen irratti labsite hordofee ji'a darbe Pireezidant Joo Baayidan boba'aa Raashiyaarraa galu hunda dhaaban.

Xiqqoo osoo hin turin gatiin boba'aa US akkaan dabaluun rikoordii haaraa qabate.

Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa biyyattii gatiin boba'aa Bitootessa darbe keessa dhibbeentaa 32n dabaluu eere.

Gatiin nyaataa fi meeshaalee kaaniis battaluma sana dhibbeentaa 8.5n dabaluu himeera.

Sababa Weerara Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessiteen gatiin nyaataas akkuma kan boba'aa dabaleera.

Biyyoonni lameenuu oomisha akka qamadii fi zayitii suufii addunyaaf raabsuun beekamu.

Kaaba Kaaroliinaa irraa kan taate Kristen Havlik, daballiin gatii naannoo isheen jiraattutti bayyee rifaasisaadha jetti.

"Sababa weerara koronaavaayirasii waggaa jalqabaatti manni kiraayii doolaara 400 natti gale. Hojii kiyya hedduu waanan dhabeef kana kaffaluun hedduu natti ulfaate. Anii fi abbaa manaan koo boodarra hojii mishaa arganne. Silaa haala amma uumame kana dandamachuuf magaalaa keessaa moggaatti ba'uutu nurra ture,'' jette.

Yuuniversitii Oksifoorditti ogeessa diinagdee kan ta'e Kathy Bostjanic, ''Waraanni Raashiyaa- Yukireen gatii boba'aa qofa osoo hin taane, gatiin nyaataa fi meeshaalee kaanii akkaan akka dabalu taasiseera. Dhiyeessiin adda cita sodaa jedhuun gatiin meeshaalee garmalee olka'eera,'' jedhe.

Haalli daballii gatii lammiilee US hudhee qabe kun Baankiin giddugaleessaa dhala akka hir'isuu qabu itti mul'iseera, biyyattiin waggaa sadi keessatti tarkaanfii akkasii fudhattee hin beektu.

Kibxata kaleessaa Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waan jedhan: daballiin gatii meeshaalee fi boba'aa namoota siyaasaa warra lixaarratti dhiibbaa guddaa uumeera.

Daballiin gatii weerara Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessite durayyuu sababa weerara koronaavaayirasiitiin tureera, garuu taateen kun ammoo daranuu hammeesse malee.

Addunyaan wayita daafoo koronaavaayirasii jalaa dandamachuuf jettutti waraanni Yukireen ammoo dhufee humna buuse.