Waraana Tigraay: Dubartii Kombolchaa hidhattoota Tigraayiin dhahamte, isaanumaan wal'aanamtee lubbuun hafte

Maxxanfame

Haleellaa Aadde Asteer irra gahe jalqabaa hanga dhumaatti bifa aalbamii suuraan qophaa'e, abbaan warraa isaanii Obbo Gessesen nutti agarsiisan. Maqaan namoota lamaanii sodaa nageenyaaf jecha gabasa kana qofaaf jijjiirameera.

Battala Aadde Asteer itti rukutamanii kaasee adeemsa yaalaa keessa darban mara suuraaleen ni agarsiisu.

Rasaasawwan sadanuu Aadde Asteer harma isaanii gajjallaa rukutan.

Suuraaleen kaafaman kan ilaaluuf nama sururan ta'ullee gaazexeessitoonni BBC achitti argamne miira keenyaan wal'aansoo qabaa ilaalleerra.

Dubartiin nu fuuldura jiran madaa akkas nama sururu irraa kan hafan ta'uu amanuun nama rakkisa.

Magaalaan Kombolchaa baatii Sadaasaa to'annoo humnoota Tigraay jala turte. Amma erga humnoonni mootummaa federaalaa deebisanii to'atanii baatilee afur ta'eera.

Magaalattiin wayita ammaa madaa waraanichaan irra gahe qoorfachaa jirti. Tajaajilli geejjibaa uummataa deebi'eera, dhaabbileenis tajaajila kennaa turanitti deebi'uu eegalaniiru.

Magaalaan wiirtuu indastirii taate kun sochii ho'aa waraana dura turetti deebi'uuf carraaqaa jirti.

Godaannisni sammuu fi qaama jiraattota magaalattiirratti hafe garuu akkasumatti jira. Jiraattota godaannisa waraanichaa waliin jiraataa jiran keessaa tokko Aadde Asteeridha.

Aadde Asteer humnoota Tigraayiin haleellaan kan irratti raawwate, finciltoonni magaalattii to'atanii guyyoota lammaffaa irratti.

"...hin banun jedhen"

A.L.I Onkoloolessa 23 bara 2014 "halkan keessaa sa'aatii torba irratti balbala rukutanii banaa nuun jedhan" jedhu Aadde Asteer haala ture yoo himan.

Mucaa dubaraa ganna 11 kan qaban Aadde Asteer ishee "najalaa gudeedu jedhee waanan yaadda'eef hin banun jedhen" jedhu.

Aadde Asteer magaalaa Kombolchaa keessaa hoteela sadarkaa jiddugaleessaarra jiru qabu. Manni jireenyaa isaaniis hoteelicha fuullee jira. Halkan hidhattoonni Tigraay gara qe'ee isaanii dhufan, abbaa warraa isaaniifi mucaa isaanii ganna 11 waliin rafanii turan.

Dubartoonni hoteela isaanii keessa keessummeessuun hojjetan afur ammoo hoteelichuma keessa turan.

Akka Aadde Asteer jedhanitti hidhattoonni dubartoota kana barbaadaniiti gara qe'ee isaanii kan dhufan.

"Sittan dhukaasa naan jennaan, dhukaasi malee hin banun jedheen" jedhu Aadde Asteer.

"Walitti aansuun natti dhukaasan, mucaakoo adaraa jedheen kufe," jedhu. Sana booda maaltu akka ta'e hin yaadatan.

Rasaasa hidhattoonni dhukaasan kanaan isaan qofa osoo hin taane mucaan isaanii ganna 11s miila isheerra rukutamte.

Isaan waliin kan turan abbaa warraa isaanii Obbo Gessesee rasaasni hin arganne.

Hidhattoonni TPLF mana jireenyaa isaaniirratti dhukaasan haadha warraa fi mucaa isaanii erga dhahaniin booda gara hoteelichaa deemuun balbala cabsanii seenan jedhu Obbo Gesseseen.

Yeroo kana Obbo Gesseseen duuka bu'anii gara hoteelaa deemuun keessummeessitoota akka hin gudeedne kadhachuu himu. "Ijoollee baraaruun haa hafuutii anayyuu sibiilaan mataa keessa na reeban" jedhu.

"Ijoollee oolchuu waanan hin dandeenyeef haadha warraakoo baraaruuf yaaluun narra ture" kan jedhan namni kun baajaajii kaafachuun hidhattoonni TPLF bakka itti yaala fayyaa argatan gara yuunivarsiitii Walloo kaampaasii Waldiyaa deemuu himu.

Achi gaahanii miidha haadha warraa isaaniirra gahe yoo itti himan "dhaqii fidii koottu" deebii jedhu akka argatan himu.

Ofirra garagalanii haadha warraa isaanii lubbuu olchuuf ariitiin osoo oofanii bajaajiin ittiin garagalte. Isaan garuu miidhaan irra hin geenye.

Obbo Gesseseen konkolaataa qabu turan, garuu konkolaataan isaanii dursamee hidhattootaan jalaa fudhatame.

'Murtii ulfaataa'

Miilaan gara mana hiriyaa isaanii dhiyoo jiruu deemanii konkolaataa erga kadhatanii booda, haadha warraa isaanii gara yuunivarsiitii Walloo kaampaasii Kombolchaa geessan.

Wayita achi gahan garuu deebii hin eegne ture kan argatan. "Amma naannoo Baatiitti rakkoon waan uumameef hakimoonni garas deemaniiru, si gargaaruu hin dandeenyu naan jedhan" jedhu.

Madaa haadha warraa isaanii huccuu fi harkaan qabanii gara mana isaanii deebi'an.

Sana booda ture Obbo Gesseseen murtii ulfaataa murteessuuf kan dirqaman.

Sababa waraanichaatiin dhaabbilee fayyaa magaalaa Kombolchaarra miidhaan guddaan gaheera, hojjettoonnis baqataniiru.

Gara bakka biraa deemanii yaalamuunis waan hin yaadamne ture. Kanaaf Obbo Gesseseen lubbuu haadha warraa isaanii oolchuuf yaaluu akka qaban murteessan.

Qaama haadha warraa isaanii rasaasa sadiin dhawamee baqaqe ofumaa hodhuuf murteessan. Sanuu qoricha dhukkubni akka itti hin dhagaahamne godhu malee.

Beekumsa yaala fayyaa qabaatanii osoo hin taane, filannoo isaanii isa dhuma waan ta'eef qofa.

Foon haadha warraa isaanii baqaqee rarra'ee jiru tokko tokkoon funaanuun hodhanii yoo xiqqaate dhiiga isaanii yaa'u dhaabsisuu akka danda'an yaadanii eegalan. Akkuma yaadanis godhan.

Suuraa yeroos kaasan ture bifa aalbamiin qopheessanii kan nutti agarsiisan.

Qaamni Aadde Asteer abbaan warraa isaanii beekumsa malee hodhan ni kulkule. Haadni/kirriin/ ittiin hodhanis kan tajaajila kanaaf oolu hin turre.

Booda gara hospitaala yuunivarsiitii Walloo Kaampaasii Kombolchaa geessan, ogeeyyiin fayyaa hidhattoota TPLF Aadde Asteer wal'aanan.

Guyyoota shaniif sireerra ciibsanii hordoffii akka godhaniif himu Aadde Asteer. Haata'u malee miidhaan isaanirra gahe ulfaataa waan tureef bayyanachuu hin dandeenye.

Kanaaf gara Maqalee deemanii yaala dabalataa argachuu akka qaban ogeeyyiin kun itti himan.

"Lubbuun koo akka ooltu waanan barbaaduuf tolen jedheen" jedhu Aadde Asteer. Abbaan warraa isaanii garuu "asumatti fira birattin boyee si awwaala malee gara Maqalee hin deemtu" akka jedhaniin himu.

"Guyyaan lammata itti dhaladhedha"

Abbaa warraa fi haati warraa waliigaluu dhabanillee, booda yaadni Obbo Gessesee olaantummaa argatee, Aadde Asteer guyyoota shan booda gara qe'ee isaanii deebi'an.

Ji'a tokko booda waraanni mootummaa federaalaa Kombolchaa deebisee qabate.

"Akkamiin bakkan ciisuu akkan ka'e hin beeku. Halkanichi ni bari'e jedheen utaalee ka'ee dhaabbadhe," jedhu Aadde Asteer.

"Guyyaan lammata itti dhaladhedha" jechuunis ibsu.

Aadde Asteer konkolaataan isaanii ji'atti birrii 80,000tti kireeffamu jalaa fudhatamuufi hoteelli isaaniis jalaa barbadaa'uu himu. Warqiin faayaa isaanii fi kan abbaa warraa isaanii giraama 80 ta'u jalaa hatamuus dubbatu.

Aadde Asteer erga humnoonni mootummaa federaalaa Kombolchaa seenanii irra deebiin wal'aansi baqaqsanii wal'aanuu godhameeraaf.

Jirenyi akka duraanii ta'uufi baatus, fayyaa isaaniin cinaatti hoteela isaanii jalaa manca'e tajaajilatti deebisuufis tattaafachaa jiru.

"Kan bade qabeenya, miidhaan nurra gahes kan qaamaati waan ta'eef ni fayya. miidhaan sammuu waan narra hin geenyeef galatan jedha" jedhu Aadde Asteer.