Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yukireen: Badhaafamaa Noobelii lammii Raashiyaa haalluu diimaa itti darbachuun morman
Gaazexeessaan Raashiyaa Badhaasa Noobelii Nagaa injifate Dimiitrii Muraatov, wayita baaburaan deemaa jirutti haalluu diimaa keemikaala 'acetone' wajjiin makameen haleelamuu hime.
''Ijakoo haalaan na gubaa jira,'' jedhe gulaalaan gaazexaa walabaa kan tahe Novaya Gazeta. Miidiyaan kun erga waraanni Raashiyaa-Yukireen eegaleen booda, haala gabaasa isaarratti akeekkachiisa mootummaan kenneef hordofee hojii dhaabeera.
Namtichi isa haleele kun, ''Muraatov, kun ijoollee [loltoota] keenyaafi,'' jechuun itti darbate.
Novaya Gazeta qondaalota mootummaa Raashiyaa akkaan qeequun beekama.
Ji'a dabre, hanga ''Oppireeshiniin addaa Raashiyaa'' Yukireenitti taasiftu xumuramutti, hojiisaa maxxansaafi onlaayinii dhaabuu murteesse. ''Oppireeshiniin addaa Raashiyaa'' - jechi kun jecha qaamni miidiyaa biyyattii to'atu Roskomnadzor jedhamu, miidiyaaleen biyyattii hunduu akka itti fayyadaman ajajedha.
Qaamni kamuu taatee Yukireenitti adeemaa jiru ''waraana'' jechuun ibse, adabbii cimaatu isa eeggata, yookaan ni cufama.
Taateen kun kan mudate guyyaa Kamisaa baabura Moskoo-Saamaaraa irratti akka tahe Aabba Muraatov himeera.
Obboo Muraatov badhaasa Noobelii nagaa bara 2021 nama biraa wajjiin kan qooddate wayita tahu, kunis Raashiyaa keessatti yaada ofii bilisaan ibsachuuf falmii taasiseen.
Guraandhala 24 erga Raashiyaan Yukireen weerartee qabee, uggurri miidiyaa irratti kaa'amu daran hammaateera. Miidiyaaleen walabaa haala guutummaan jedhamutti ugguramaniiru, daangeeffamaniiru, yookaan ''ilaallachaa sirbu.''
Kana malees biyyattiitti Facebook, Instagram fi Twitter ugguramaniiru.
Rogeeyyii fi gaazexeessiitoonni weerara biyyattiin Yukireen irratti gaggeessaa jirtu morman, mana isaaniirratti namoota Kireemliin deeggaraniifi eenyummaan isaanii hin beekamneen miidhaan dhaqqabaa jira.
Erga waraanni eegalee, Raashiyaatti kanneen waraanicha mormanitti jireenyi daran cimeera. Mootummaan biyyatii waraanicharratti odeeffannoo ''sobaa'' kanneen tamsaasan irratti, seera haga waggaa 15 adabsiisu baaseera.
Pireezidant Vilaadmir Puutin fi namoonni siyaasaa kaan, qaamni waraanicha mormu kamuu biyya akka ganetti lakka'ama jechuun himaniiru.